Yaa’ii 35fa Gamtaa Afrikaa golgaa dhiibbaa Itoophiyaa tarsaase

Har’aafi boru (Amajjii 28fi 29 bara 2014) yaa’iin 35fan hoggantoota Gamtaa Afrikaa teessoosaa, Finfinneetti taa’ama. Yaa’ii kanaan duras walga’iiwwan murteessoon lama, walga’ii 40fa koree bakka bu’oota dhaabbiifi walga’ii 40fan raawwachiistota hojii raawwatamaniiru; biyya ji’a tokko dura nagaa hinqabdu jedhamee ittimoramaa ture; Itoophiyaatti.

Itoophiyaan akka Ameerikaa dabalatee biyyoonni lixaafi miidiyaaleensaanii itti moraa bahan otoo hintaane nagaadha. Itoophiyaan diyaasporaa waamicha Ministirri Muummee Doktar Abiyyi taasisaniif fudhatanii dhufan danuu simattee keessummeessiteetti. Keessummoonni kunniin badii murna shororkeessaa ABUTn raawwatameefi hojiilee misoomaa biyyattii daaw’achuun nagaqabeessummaa biyyattii mirkaneessaniiru.

Ayyaanonni ummata bal’inaan hirmaachisan Qilleefi Cuuphaanis rakkoo tasgabbii tokko malee kabajamaniiru.

Taateewwan kunniin egaa yaa’iin Gamtaa Afrikaa as, teessoosaa, Finfinneetti akka taa’amuuf murteessuuf akka sababa ijootti fudhatamu.

Otoo murtiin fira gammachiisee, diina rom’isiise kun Itoophiyaan darbiin dura biyyoonni lixaa, Itoophiyaan rakkoo nageenyaa akka qabdu, Finfinneenis magaalaa yaaddoo keessa jirtu waan taateef akka lammiileensaanii asii bahaniif odeeffannoowwan sobaa irra deddebiidhaan tamsaasaa turan. Akka yaa’ichi teessoosaatti hinadeemsifamneefis duulawwan ciccimoon adeemsifamaniiru.

Kanaafis Ministirri Muummee Abiyyi Ahmadis (PhD), “Obbolummaa Afrikummaa keenya yoomiyyuu caalaa cimsuu kan qabnu yeroo murteessaan amma; hoggantoonni gamtichaas waliigalanii yaa’iinsaanii Finfinneetti akka adeemsifamu murteessuusaaniitti maqaa ummata Itoophiyaatiin nan galateeffadha” jechuun ergaa galateeffannaa dabarsaniiru.

Yaa’ichi keessumaa yeroo kanatti Finfinneetti adeemsifamuun faayidaa damdaneessa hedduu qaba. Hunda caalaa asitti adeemsifamuu yaa’ichaatiin golgaan dhiibbaa Itoophiyaa aguugee ture akka tarsa’u ta’eera.

Itoophiyaan nagaa ta’uushii, ejjennoon Itoophiyaan Afrikaanotaafi hawaasa addunyaatiif qabdu kan hinsochoone ta’uu sirriitti kan agarsiisuudha.

Kana malees haala gaarii Itoophiyaa hawaasa addunyaatiif gochaan agarsiisuufi dadammaqina dinagdeetiif carraa gaarii kan uumu waan ta’eef keessumaa tokkummaa keessoo cimsuudhaan itti haa fayyadamnu.

BARIISAA SANBATAA Amajjii 28 Bara 2014

Recommended For You