Waajjirri Fiigichi Olaanaa Itoophiyaa ergamasaa bahataa jira

Finfinnee: Fiigichi Olaanaa Itoophiyaa 21faa Dilbata darbe magaalaa Finfinneetti fiigicha kiloomeetira 10niin kan adeemsifame yoo ta’u, rakkoo tokko malee haala miidhagaadhaan e e g a l a m e e , xumurameera.

Bara 1993 irraa eegalee wagga waggaan kan adeemsifamu fiigichi kun kaayyoonsaas galii irraa argamuun lammilee sababa garagaraan rakkatan ittiin gargaaruu akka ta’u qopheessitoonni sagantichaa ni himu. Galii baranaatiinis lammilee sababa waraana biyyattii keessa tureen miidhaman akkasumas qe’eefi qabeenyasaaniirraa buqqa’an ittiin deeggaruuf akka oolu hubachuun danda’ameera.

Akkasumas, Waajjirri Fiigicha Olaanaa misooma biyyattii keessatti hirmaachuudhaan dargaggoota hojii dhabeeyyiif hojii uumuudhaan mataasaanii akka danda’an mootummaa maddii dhaabachuudhaan itti gaafatamummaasaa bahaa jira.

Dorgommii baranaarratti ambaasaad­daroonni biyyoota addaddaa, qonsi­laawwaniifi lammiileen biyya alaa kan Finfinnee jiraatan, atileetota kilaboota adda addaa dabalate namoonni kuma 25 hirmaachuudhaan naamusa gaariidhaan raawwataniiru.

Waajjirichi dorgommii qopheesuudhaan galii achirraa aragamuun gargaarsa gochuu maddiitti galii turiizimiis guddisuuf hirmaannaan inni taasisaa jiru olaanaadha. Kanaanis mootummaan Itoophiyaas isa galateeffateera.

Tashoomaa Qadiidaatiin

BARIISAA SANBATAA Amajjii 21 Bara 2014

Recommended For You