Ispoortii Aadaafi Feestivaalli Aadaa Oromiyaa Sandaafaatti adeemsifamaa jira

Sandaafaa: Shaampiyoonaan ispoortii aadaa Oromiyaa 27faafi, Feestivaalli aadaa 12fan guyyoota 10f Godina Addaa Oromiyaa Naannawa Finfinnee, Magaalaa Sandaafaatti adeemsifamaa jira.

Dorgommicha ilaalchisuun Gaazexaa Bariisaaf ibsa kan kennan Biiroo Dargaggootaafi Ispoortii Oromiyaatti, Ittigaafatamaan Federeeshinii Ispoortii Aadaa Obbo Baqqalaa Iraasuu, shaampiyoonichi akaakuuwwan Ispoortii garagaraan gaggeeffamaa jiraachuu eeranii, kanarrattis godinaaleen Oromiyaa 21fi magaaloonni 18 kan hirmaatan yoo ta’u Bulchinsi Magaalaa Bishaan Gurraachaa qofti sababa addaaddaatiin kan hinhirmaanne ta’uu ibsu.

Shaampiyoonichi gandaa kaasee hanga godinaatti sadarkaa sadarkaan gaggeeffamaa turuu eeranii, kaayyoon isaas dargaggoota Oromiyaa kanneen fageenyarratti argaman gaaddisa tokko jalatti walitti qabuudhaan wal barsiisuuf akkasumas muuxannoo walii akka qoodaniif ta’uu himu.

Dargaggoota shaampiyoonaa kanarratti qabxii gaarii fidanis filatamanii shaampiyoonaa ispoortii aadaafi feestivaala aadaa 19faa sadarkaa biyyaalessaatti Guraandhala 6-13 bara 2014 magaalaa Dabra Birihaanitti adeemsifamurratti hirmaachisuuf ta’us ittigaafatamtichi himaniiru.

Shaampiyoonichi guyyoota kudhanif Amajjii 14-23 bara 2014 mooraa Univarsiitii Poolisii Itoophiyaa, Sandaafaatti argamutti adeemsifamaa jira.

Obbo Baqqalaa Iraasu

BARIISAA SANBATAA Amajjii 21 Bara 2014

Recommended For You