- Dhukkuuboota ‘HIV/AIDs’ waliin walqabatanii deeman eenyu, maal fa’i?
- Dhukkuboonni vaayirasii HIV da’oo godhachuudhaan lubbuu namaa galaafatan maal fa’i?
Waa’ee dhukkuba HIV/AIDS yoo ammaa ammaa irra deddeebinee kaafne, miidiyaalee qabnu mararrattillee yoo baasnee haasofne kan haasa’amee xumuramu miti. dhukkubni kun nuti waa’ee isaa haasa’uu haa dhiifnu malee lubbuu namoota hedduu dabarsuu, daa’imman hedduu haadhaaf abbaa malee daandii irratti hambisuufi humna hojjetee biyyaafi maatii jijjiiru karaatti hambisuu hindhiifne.
Maqaa HIV/AIDs (Human immune deficiency Virus and Acquired Immuno deficiency Syndrome) jedhu irraa yoo kaanee ilaalle dhukkubni kun ykn vaayirasiin HIV ofii ishiitiin hubdee nama ajjeesuu osoo hintaane dandeettii dhukkuba ofirraa ittisuu namaa hubuudhaan akka lubbuu galaafattu beekuu dandeenya.
Akkuma beekamu qaamni keenya uumamaan infeekshinoota jarmoota ijaan hinargamne akka baakteeriyaa, pirotozowaa, fangasiifi vaayirasootaan dhufan akka ofirraa ittisu (dhorku) ta’ee uumame.
Vaayirasiin kun garuu seelota dhiiga adii dhukkuba nurraa ittisan ajjeesuudhaan qaama keenya irratti kan lolaan mo’aman baakteeriyaafi jarmoota biroo abbaa biyyaa gooti. Yeroo tokko tokko namni kan qoratamee HIV qabaachuusaa baru iyyuu erga mallattoon dhukkuboota sababa dadhabuu ittisa dhukkubaan dhufan kun mula’atanii booda. Jechuunis erga vaayirasiin HIV qaama seenee gara waggaa 7 haga 10 jechuudha. Dhukkuboonni dadhabuu dandeettii dhukkuba ittisuu qaama keenyaa fayyadamuun nutti dhufan kun eenyu fa’i?
Dhukkuboota Sombaa (Tiibii (Tuberc ulosis) fi Infeekshinoota sombaa biroo)): Dhukkubni sombaa sababa infeekshinoota gargaraa dhala namaa hubu namoota dhukkuba HIV kana hinqabnes akka hubu beekamaa ta’ee osoo jiruu, nama HIV qaburratti garuu sababoota armaan olii kanaan garmalee dabala.
Dhukkuboota somba qabatan keessaa inni hangafni dhukkuba Tiibii haa ta’u malee infeekshinoonni sombaa hedduun kanneen biroo akka: dhukkuba infeekshinii sombaa sababa baakteeriyoota gara garaan dhufuu, dhukkuba infeekshinii sombaa fangasiin dhufuufi kaanneen biroo hedduutu jiru.
Walumaagalatti namni dhukkuba HIV/AIDs qabu tokko mallattoowwan akka: qufaa (kan hakkee tufamu qabu yookaan hinqabne), qaama gubaa, halkan halkan dafqisiisuu, ulfaatinni qaamaa garmalee hir’achuu, nyaata jibbisiisuufi kkf yoo kan irratti argaman ta’e dhukkuboota infeekshinii sombaa armaan olii kana keessaa tokko qabaachuu waan maluuf hatattamaan mana yaalaa deemee ilaalamuu qaba. Dhukkuboonni infeekshinii sombaa kun hatattamaan yaala hinargatu taanaan salphaadhumatti lubbuu nama dhukkubsatee sanaa dabarsuu irra darbee namoota biraattillee dabarsuu mala.
Infeekshinoota Sammuu garaagaraa: Infeekshiniin nama dhukkuba kana qabutti baay’atu keessaa kan biraan ammoo infeekshinii sammuuti. Infeekshiniin sammuu kun akkuma kan sombaa keessumaa namoota osoo vaayirasii kana qabanii qoricha hinfudhanne yokaan qoricha yeroo dheeraaf addaan kutan irratti kan baay’atu yoo ta’u, mallattoowwan akka: mataa dhukkubbii (keessumaa mataa dhukkubbii yeroo dheeraa), morma ofii ofirraa sochoosuu dadhabuu, ijji ifa ilaaluu sodaachuu, akka nama sammuun darbee taasisuu (waan hin jirre haasa’uu, waan namatti hinmul’anne itti argamuu, namaafi bakka jiran wallaaluu), darbee darbee gartokkeen qaamaa dadhabuufi akka nama gaggabdoo qabuutti hurgufuu fa’i.
Dhukkuboota infeekshinii sammuu kanaaf yeroo hedduu sababa ta’an keessaas dhukkubni Tiibii sammuu isa tokkoofi hangafa yoo ta’u, dhukkuboonni biroo kanneen akka infeekshinii sammuu baakteriyaa gara garaa, infeekshinoota fangasii sammuufi kanneen biroo akka pirotozowaa illee ni jiru.
Walumaagalatti garuu mallattooleen isaanii walfakkaataafi kan armaan olitti ibsame waan ta’eef mallattoowwan akkasii namni ofirratti arge hatattamaan mana yaalaa deemee qoricha fudhachuufi yoo kan qoricha HIV hinjalqabiin tahe ammoo jalqabuun dirqama.
Dhukkuboota Garaa Kaasan (Teessisaa): Dhukkubni HIV/AIDs kan ittiin beekamu keessa tokko ammoo teessisaa yeroo dheeraati. Kana jechuun namni dhukkuba teessisaa qabu HIV/AIDs qaba jechuu akka hintaane beekamuu qaba. Namni Fayyaan kamuu sababoota garagaraa hedduudhaan rakkoo teessisaa mudachuu danda’a. Fakkenyaaf nyaatni namaaf mijachuu dhiisuu (food intolerance), infeekshinoota ofii isaaniin nama dhiisan akka vaayirasii garaa garagaraafi kkf.
Garaa kaasaan (dhukkubni teessiisaa) nama fayyaa qabatu yeroo hedduu yeroo muraasa qofa kan namarra turuufi ofiin kan nama dhiisudha. Garaa kaasaan sababa infeekshinoota garagaraan nama dhukkuba HIV/AIDs qabu hubu garuu yeroo dheeraaf (yeroo baay’ee ji’ootaaf) kan irra turuufi yoo yaala argate malee kan hindhiifnedha.
Kanaaf namni dhukkuba HIV AIDs qabu tokko yoo teessisaan yeroo dheeraaf irra turu deemee qoratamee qorichaafi yaala ga’aa argachuu qaba. Akkuma armaan olitti kaafne ammoo qoricha dhukkuba HIV AIDs kanaa fudhachuun dirqama.
1. Qoricha vaayirasii HIV dafanii eegaluun maaliif nama fayyadaa? Yoo turanii erga mallattoo argisiisee booda eegalan hoo miidhaa maal qabaa?
Dhukkubni HIV/AIDs haga ammaa qoricha ga’aa haa dhabu malee qorichoonni vaayirasichi akka hinbaay’anne taasisuudhaan nama vaayirasii kanaan qabame umurii yeroo dheeraa jiraachisuuf gargaaran ni jiru. Namni yeroodhaan dafee qoricha kana fudhachuu eegale tarii umurii isaa irraa wagga muraasni qofti hir’achuu ykn ammoo umurii guutuu jiraachuu danda’a.
Kanaan dura qorichi HIV vaayirasiif kennamu sadarkaa dhukkubichaa irraa hundaa’uudhaan yoo dhukkubichi sadarkaa ol’aanaa irra ga’u kennamaa kan ture yoo ta’u, yeroo ammaa garuu haalaafi faayidaa isaa qorachuudhaan namni tokko yoo vaayirasiin kun qaama isaa keessa jiraachuun mirkanaa’e battalumatti qoricha fudhachuu eegaluu akka qabu murtaa’ee jira.
Kanaaf namni kamuu yoo qoratamee vaayirasii kanaan qabamuu isaa bare battalumatti qoricha kana jalqabuu qaba.
Faayidaan qoricha battalumatti dafanii eegaluu maalidha gaaffii jedhuuf; carraan dhukkuboota armaan olitti kaasne kanneen dhukkuba HIV/AIDs kana waliin walqabachuun dhufanii lubbuu namaa galaafatan kanaan qabamuu hedduu kan gadi bu’uudha.
Namni tokko vaayirasii kanaan yoo qabame waggaa torbaa hanga 10nii gidduutti mallattoo dhukkuboota armaan olii kana argisiisuu eegala. Yeroo tokko tokko garuu namni muraasni vaayirasii kanaan qabamee haga wagga 15 mallattoo takkayyuu osoo hinargisiisiin turuu danda’a, erga qabamee waggaa sadii qofa keessattis mul’achuu danda’a.
Turees haa ta’u dafee yoo mallattoo argisiise dhukkubni kun mallattoo argisiise jechuun ammoo dandeettiin dhukkuba dandamachuu qaamaa hedduu hedduu miidhameera jechuudha. Sadarkaa kanatti ammoo qoricha jalqabuun haga dursanii jalqabuu lubbuu namaa baraaruu ykn dheeressuu hindanda’u.
2. Qoricha dhukkuba HIV addaan kutuun maal namarraan ga’aa?
Qoricha HIV qofa osoo hintaane qoricha yaala kamiifuu kennamu addaan kutuun miidhaa guddaa akka qabu beekamaadha. Haa ta’u malee qorichi vaayirasii HIV kanaaf kennamu umurii guutuu waan fudhatamuuf ulfaataa akka ta’e beekamaadha. Haa ta’uu garuu qoricha kana addaan kutuun miidhaa inni namaarraan ga’u yoo ilaalle umurii guutuus ta’e fudhachuun (addaan kutuu dhiisuun) dirqama akka ta’e beekuu dandeenya.
Qoricha kana addaan kutuun akkuma beekamu dandeettii dhukkuba ofirraa ittisuu qaama namaa hedduu waan gadi buusuuf dhibeewwan armaan oliif akka nama saaxilu beekamaadha.
Dabalataan ammoo vaayirasiin HIV akkuma vaayirasootaafi jarmoota biroo qoricha waliin walbaruu danda’a. Kun ammoo qorichi inni argamni isaa salphaa ta’eefi miidhaalee cinaa (side effects) xiqqoo ta’e qabu isa sadarkaa 1faa (1st line Antiretroviral Therapy) yoo vaayirasicha waliin walbare, qoricha biraa sadarkaa 2faa (2nd line Antiretroviral Therapy) fudhachuun dirqama ta’a. Qorichi kun ammoo (inni sadarkaa 2faa) gatiidhaan baay’ee qaalii kan ta’eefi kanneen sadarkaa 1faa olitti miidhaalee cinaa adda addaa (side effects) qaama irraan ga’a.
Walumaagalatti:
• Namni kamuu qoratamee vaayirasii HIV kana qabaachuufi qabachuu dhiisuu isaa ykn ishee of beekuun hangafa waan hundaati; kanaaf haa qoratamnu of haa beeknu. Namni vaayirasiin kun qaama isaa keessa hinjirre (bilisa ta’e) ji’oota sadii wantoota vaayirasii HIVf nama saaxilan (akka walqunnamtii saalaa of eegganno hinqabnee) irraa of eeggachuun irra deebiin qoratamuu qaba. Bilisa taanaan fuulduratti eeggannoo gochaa jireenya ittigaafatamummaa qabu geggeessuudha.
• Ittaansee namni vaayirasiin HIV qaamasaa keessatti argame, osoo tasumaa mallattoon kamuu utuu hinmul’atiin qoricha vaayirasichaa eegaluun daran murteessaafi waan dirqama ta’uu qabuudha. Kanaaf mallattoo argisiisuu dhukkubichaa akka fayyummaatti ilaaluun sossobamuun hinta’u.
• Sababa kamiinuu ta’u, haala kamuu keessattis qoricha kana ammoo addaan kutuun tasuma kan hinbarbaachifneefi miidhaa hedduu kan nama qaqqabsiisu ta’uu beekuun dirqama. Yoo waan akka qoricha kana adda kutan nama dirqisiisu nama mudatellee deemanii ogeessa yaalaa mariisisuudhaan haala itti furmaata fiduun danda’amu uumuun dirqama.
Fayyaa hin dhabinaa!
Doktar Naafyaad Geetuu
BARIISAA SANBATAA Amajjii 21 Bara 2014