Mootummaan fedhii ummataatiin filatame tajaajila ummanni irraa fedhu karaa gahumsaafi ittifufiinsa qabuun kennuuf dirqama qaba. Mootummaan dirqama ummanni irraa eegu karaa gahumsa qabuun bahachuuf, sagantaawwan siyaasaa, dinagdeefi hawaasummaa ummataaf ittiin waadaa galeef amanamaa ta’ee argamuu qaba.
Mootummaan naannoo Oromiyaas filannoo biyyaalessaa marsaa 6fatiin eeyyama ummataa argatee bifa haaraan yommuu gurmaa’u, sirni dimokraasii dhugaa fayyadamummaa haqaqabeessa mirkaneessu akka lafa qabatu, carraawwan dinagdee jiran hunda hirmaannaa ummataatiin fayyadamuun badhaadhinni hunda galeessi akka naannoofi sadarkaa maatiitti akka mirkanaa’u, dhaloota dammaqaa, fayyabuleessaafi tooftaan jireenyaasaa ammayyaa’e ijaaruuf waadaa galuudhaani.
Mootummaan Naannoo Oromiyaa waadaa ummataaf seene kana dhugoomsuuf, rifoormiiwwan dinagdee, hawaasummaafi siyaasaa waggoota sadan darbanitti jalqabaman karoora tarsiima’aafi gabaabaan caalmaatti cimsuun bu’aawwan qabatamaatti fayyadamummaa ummata Oromoo mirkaneessan galmeessuu jalqabeera.
Keessumattuu, fedhii misoomuu ummanni Oromoo waggoota sirna Wayyaanee keessatti dhabee ture adeemsa barameen guutuun waan hin danda’amneef, Mootummaan Naannoo Oromiyaa, ejjennoo cimaa “Waggaa shan akka waggaa 25” jedhuun tarkaanfiiwwan haaraa damee dinagdeefi hawaasummaarratti hojiirra akka oolan taasisuusaatiin bu’aawwan waggaa 27 keessatti hinargamne waggoota lamaafi sadi darban keessatti galmaa’aniiru.
Kun ta’ee garuu tajaajilli akka mootummaatti kennaa jiru sadarkaa fedhiin misoomuu ummata irra gaheen kan walgite akka hintaane, ummanni waadaa galleef komii qabu ifatti kaasaa jira.
Rakkoon nageenyaafi tasgabbii dhabuu akka biyyaatti nu mudate, si’oomina tajaajila mootummaatiif ka’umsa tokko ta’ee, irra jireessi gahumsa kenna tajaajilaa dhaabbilee mootummaa waliin akka walqabatu qorannoowwan adda addaatiin adda baasuun danda’ameera.
Mootummaan tajaajilaa ummataa akkuma ta’e, gaggeessitoonniifi ogeeyyonni tokko tokko aamaanaa mootummaarraa fudhatanii hojiitti bobba’an tajaailaa ummataa ta’uun hafee, ummatarraa tajaajila barabaadutti ce’uunsaanii rakkoo guddaa ta’uun hubatameera.
Mootummaan Naannoo Oromiyaa, waadaa ummata Oromootiif gale karaa barbaadameen dhugoomsuu kan danda’u, humnoota waadaa ummataa nyaatan irratti garaa yoo jabaate qofa akka ta’e amantaan fudhachuun kutannoo olaanaadhaan hojiitti galeera.
Haaluma kanaan, rakkooleen kenna tajaajilaa dameewwan dhaabbilee kenna tajaajilaa mootummaa hunda biratti mul’atan erga adda baafamaniin booda ‘Koree olaanaan si’oomina tajaajilaa (task force) sadarkaa naannootii kaasee hanga godinaaleefi magaalotaatti dhaabatee hojiitti galeera.
Kaayyoon jalqabaa koree kanaa, kenna tajaajilaa ammayyeessuu ta’ee, adeemsa kana keessatti hoggansarraa jalqabee ogeessa amaanaa ummataa nyaatu hundarratti ittigaafatamummaan akka hordofu taasisuudha.
Mootummaan Naannoo Oromiyaa Ummanni Oromoo kadhatee osoo hintaane; ajajee tajaajila akka argatu xiyyeeffannaa olaanaadhaan ni hojjeta. Haaluma kanaan hoggansi sadarkaa naannoorraa kaasee hanga aanaatti jiru, torban keessaa guyyaa Wiixataa, Roobiifi Jimaata waajjiratti argamuun gaaffii ummataa akka dhaggeeffatu, tajaajila irraa eegamu akka ummataaf kennu murtaa’eera.
Murtiin kun hojiirra akka oolu taasisuu keessatti hirmaannaan ummataa murteessaa waan ta’eef hoggansa ta’ee ogeessa kallattii kana cabsuun mufii uumu kamirrattuu eeruu dhiyeessuun ittigaafatamummaan akka jiraatu gochuu keessatti hawaasni qoodasaa akka ba’atu Mootummaan Naannoo Oromiyaa waamicha dabarseera.
BARIISAA SANBATAA Amajjii 21 Bara 2014