Naannoon Kibbaa lammiilee naannoo Somaalee hongeen miidhamaniif deeggarsa qarshii miiliyoona 15 taasiise

Finfinnee: Naannoon Kibbaa lammiilee naannoo Somaalee hongeen miidhamaniif deeggarsa qarshii miiliyoona 15fi akaakuun qarshii miiliyoona shan baasu taasiise. Deeggarsicha Jila Pirezdaantii Naannoo Ummattoota Kibbaa Obbo Ristuu Yirdaawuun durfamuun Pirezdaantii naannoo Somaalee Obbo Musxafee Mahaammaditti kennameera. Pirezidaantiin naannoo Somaalee Obbo Musxafeenis mootummaafi ummattoota naannoo Kibbaa galateeffataniiru jechuun TQOn gabaaseera.

BARIISAA SANBATAA Amajjii 14 Bara 2014

Recommended For You