Finfinneetti Feestivaaliin Aadaa namoonni kuma 300 irratti hirmaatan gaggeeffamuufi

 Finfinnee: Finfinneetti Feestivaaliin Aadaa 13fan namoonni kuma 300 irratti hirmaataan Amajjii 15-17 bara 2014tti Hootela Gihoonitti kan geggeeffamu ta’uu Biiroon Aadaafi Turizimii Finfinnee beeksise.

Hoggantuun Biirichaa Doktar Hiruut Kaasawu ibsa dheengadda kennaniin akka jedhanitti, Feestivaalii Aadaa gaggeeffamu kanarratti qaamooleen hawaasaafi diyaaspooraan waamichaa Ministira Mummee Doktar Abiyyi Ahmad fudhachuun gara biyyaa dhufan irratti kan hirmaatan ta’uufi feestivaalicharratti meeshaaleen Aadaa Sabootaafi Sablammoota hundaa kan dhiyaatan ta’uu himaniiru.

Feestivaaliin Aadaa kun magaalaa Finfinneetti bara 2002 irraa kaasee waggaa waaggaan kan gaggeeffamu ta’uu himanii, feestivaalichi hariiroo sabootaafi sablammoota magaalaa Finfinnee cimsuu keessatti faayidaa olaanaa kan qabu ta’uus himaniiru jechuun TQOn gabaaseera.

BARIISAA SANBATAA Amajjii 14 Bara 2014

Recommended For You