Carraa Waaliyaa

Finfinnee: Walmorkii waancaa kubbaa miilaa Afrikaa 33fa Kaameerunitti adeemsifamaa jirurratti Waaliyaan taphawwan lameen taasifatetti mo’amuudhaan abdiin tapha ittaanutti darbuuf qabu waan dimimmise fakkaata.

Waaliyaan tapha duraa kan taasifatee Keep Vardee wajjin yoo ta’u, 1-0n moo’amuunsaa kan yaadatamuudha. Tapha lammaffaa ammoo qopheessituu waancichaa Kaameeruun waliin dheengadda godhatetti 4-1n, walumaagalatti 5-1n mo’amee carraansaa itti dhiphateera.

Ramaddii kanarraa Kaameeruun Burkinaa Faasoo 2-1n, Itoophiyaa 4-1n mo’achuudhaan qabxii jahaafi qooda galchaa afuriin dursaa jirti. Kameerun kanaan dura waancaa kubbaa miilaa Afrikaa yeroo shan fudhachuunshee kan yaadatamuudha.

Waancaa kubbaa miilaa Afrikaa 33fa kanarratti yeroo jalqabaatiif biyyoonni 24 ramaddii jahatti qodamuudhaan walfalmaa jiru. Hanga Kamisa darbeetti taphiwwan 14 kan adeemsifaman yoo ta’u, galchoonni 18 lakkaa’amaniiru.

Biyyoonni waancaaf kaadhimaman kanneen akka Misiraafi Tuniziyaa mo’amuudhaan qabxii gataniiru. Gaanaafi Senegaalis haa mo’atan malee akka kanaan duraa taphni isaan agarsiisan quufsaa miti. Aljeeriyaafi Morookoonis taphattoota piroofeeshinaalotaan dhihaatanii taphni agarsiisan qabbanaa’adha.

Qabxiinsaanii maxxansaaf nuu dhaqqabuu baatus walmorkiin kun kaleessas Senegaaliifi Giinii, Maalaawwiifi Zimbaabiwee jidduutti adeemsifameera

Tashoomaa Qadiidaatiin

BARIISAA SANBATAA Amajjii 7 Bara 2014

Recommended For You