“Qabeenyi mootummaa waan qixaan hinhogganamneef faayidaa barbaadamuuf oolaa hinturre” -Obbo Shimallis Abdiisaa

Yeroo dheeraadhaaf malaammaltummaa, hojmaanni badaa, maal na dhibdeefi ittigaafatamummaa dhabuun qabeenyi ummataafi mootummaa qisaasamuun fayyadamummaa lammiileefi biyyaa mirkaneessuurra korojoo nama dhuunfaa gabbisaa ture. Keessumaa dhaabbileen misoomaa mootummaa jedhaman hojii misoomaa bal’inaan hojjechuun rakkoo biyyaafi ummataa hiikuurra isaanuu rakkoo ta’aa turan.

Dhaabbileen kunneen akkuma waajjiraalee siviil sarviisii tajaajila garagaraa kennaniitti hojii idilee hojjechaafi bajata mootummaarraa ramadamu eegaa turan. Silaa isaantu madda galii ta’ea baasii mootummaa deeggaru qaba ture.

Adeemsi kun garuu haala kanaan deemuu waan hindandeenyeef mootummaan xiyyeeffannaa itti kennuun dhaabbileen misoomaa hojmaatasaanii sakatta’uun haala isaan bu’a qabeessa ta’uu danda’anirratti hojjetamuu eegalameera. Akka Oromiyaattis waajjirri dhimmicha ilaallatu sadarkaa abbaataayitaatiin ture caaseeffama dhiheenya kana taasiifameen biiroo ta’ee, Biiroo Dhaabbilee Misoomaa Mootummaa Oromiyaa jechuun gurmaa’ee hojiitti seeneera. Biirichis tibbana sagantaa sosochii dhaabbilee misoomaa mata duree “Dhaabbilee misoomaa bu’a qabeessa ta’aan badhaadhina keenyaaf” jedhuun qaamolee dhimmichi ilaallatu waliin Finfinneetti adeemsisee ture.

Hoggantuun biirichaa Aadde Kokobee Didhaa waltajjicharratti argamuun haasawaa taasisaniin, dhaabbileen misoomaa goolabamuu waraana addunyaa lammaffaa sababeeffachuun addunyaarratti saffisaan babal’achuusaanii kaasanii, kanaanis haalaan hogganamaa, qaawwa gabaa biyyootaa cufaafi bu’aalee tilmaamuu hindandeenye galmeessisaniiru.

Bu’aa isaan agarsiisan bu’uureeffachuun Itoophiyaattis sadarkaa federaalaa hanga naannootti dhaabbileen misoomaa akka hunda’aniifi babal’atan gochuun hojii bal’aan hojjetemaa turuusaa ibsu.

Mootummaan Oromiyaas adeemsa ce’umsa caaseffama dinagdee qonnarraa gara indastiriitti taasifamaa jiru milkeessuuf keessumaa bakkeewwan hirmaannaan abbootii qabeenyaa laafaa ta’etti wabii nyaataa mirkaneessuufi dinagdee biyyaa cimsuurratti hojjetaa turuu ibsu.

Kana milkeessuufis biiriichi bara 2003 akka qaama raawwachiiftuu hojii tokkootti Abbaa Taayitaa To’annoo Dhaabbilee Misoomaa jedhamee hundeeffamuun aangoofi ga’ee kennameef ba’ataa turuu himanii, ta’us dandeettiin raawwachiisuu sadarkaa barbaadameen waan hinturreef akeeka yaadameef bira akka hingeenye danquusaa ibsu.

Kanarraa ka’uun labsiin qaama raawwachiiftuu mootummaa naannoo Oromiyaa irra deebiin hundeessuuf ba’e lakkoofsa 213/2011n irra deebi’uun cimsuun hojii bal’aan hojjetamuu kan eeran hoggantuun tun, baranammoo aangoofi ittigaafatamni dabalameefi sadarkaa biirootti gurmaa’uu kaasu.

Biiriichi dhaabbileen misoomaa ittigaafatamasaanii guutummaatti ba’aatanii fayyadamummaa biyyaafi ummataa akka mirkaneessaniif aangeffamee gurmaa’uu eeranii, kana malees sadarkaa kilaastaraatiin qindaa’uun hogganaafi ittaantota afur dameewwan addaddaa hoggananiin hojiitti seenuu addeessu.

Akka Aadde Kokobeen jedhanitti, kaayyoon dhaabbilee misoomaa inni ijoon qaawwa gabaa cufuu, gabaa to’achuu, ce’umsa teknolojii mirkaneessuu, carraa hojii bal’aa uumuu akkasumas karaa qoratameefi bu’a qabeessa ta’een dinagdee biyyaa cimsuudha. Ta’us dhaabbileen misoomaa naannichaa karaa guutuudhaan kaayyoo dhaabataniif milkeessaa hinturre.

Kanaafis rakkoo ijoon hojmaataafi hanqina hoggansaa sadarkaa sadarkaadhaan tureedha. Darbees imaammataafi tarsiimoo sirrii lafa kaa’atanii ittiin hogganamuu dhabuudha.

Kanaafuu hojmaataafi imaammata dhaabbilee misoomaa fooyyessuun bu’aaqabeessummaasaanii dabaluuf hojiileen hojjetamuu eegalamuu himanii, kunneenis ergamaafi hojmaatarratti iftoomina uumuu, dabballee maanaajimantii dingadee uumuu, riifoormii bulchiinsaafi sirna hojii dhaabbilee misoomsuu, guddisuufi diriirsuu, hordoffii to’annoo walirraa hincinne gaggeessuu dhimma filannoo hinqabne ta’uu kaasu.

Sadarkaa Pirezdaantii Ittaanaa Oromiyaatti, Qindeessaan Kilaastara Horataalee Mootummaa Doktar Girmaa Amantee gamasaaniin, mootummaan naannichaa gurmaa’insa haaraatiin dhaabbilee misoomaatiif xiyyeeffannaa addaa kennuu kaasanii, bu’uuruma kanaan dhaabbileen misoomaa bifa bittinnaa’een kana dura gaggeeffamaa turan kan mootummaan guutummaafi gartokkeedhaan gahee keessaa qabu iddoo tokkotti akka hogganaman ta’uu ibsu.

Kanaafis mootummaan naannichaa kaappitala olaanaa invasti gochuusaafi baranas qarshii biliyoona 62 ta’u ramadee, kana keessaa walakkaa kanfalee dhaabbilee misoomaa hojiitti akka galan taasisuun cimina ta’uu himu.

Kana malees hanqina dinagdee naannichaa keessa jiru adda baasuun dinagdee damdaneessa wayita ammaa gaggeeffamaa jiru keessatti dhaabbileen misoomaa ergamasaanii damee qonnaa, daldala, maanufaakachariingiifi kanneen biroorratti haalaan akka ba’atan gochuurratti wanti hojjetamu cimina biraa ta’uu dubbatu.

Bakkeewwan hanqinni jiruttimmoo kubbaaniyyaa kanneen akka ‘OroFresh’ dabalatee dhaabbilee haaraan biroo banamaa jiraachuu eeranii, fuuldurattis haala qabatamaa yeroon barbaadu ilaaluun bakka barbaachisutti haaraa banaa, warra tajaajilasaanii fixatemmoo cufaa kan deemamu akka ta’e himu.

Hanqinni ijoo dhaabbilee misoomaa naannichaa bifa korporeetiitiin gurmaa’uu dhabuu akka ta’e kaasanii, hogganaafi hojjetaan achi keessa jirus akka dhaabbata daldalaatti bu’a qabeessummaaf dorgomaa ta’anii hojjechuurra akkuma siivil sarvaantiifi kaaniitti of ilaalanii hojii guyyuudhuma hojjetanii galaa turuu himu.

“Kaayyoo ijoon sosochii adeemsifame kanaas barsiifata bule kana jijjiiruudha. Kanaafis qooda fudhattoonni sadarkaa sadarkaan jiran gaheesaanii bahachuu qabu. Yeroo tokko tokko hoggansi mootummaarraa gara dhaabbilee misoomaatti, dhaabbilee misoomaarraammoo gara mootummaatti deemuuutu mul’ata. Kanaafis daangaansaa sirriitti adda baafamuu qaba. Seektarichi ga’umsaafi dandeettiitiin akka hogganamu gochuurratti xiyyeeffatamee ni hojjetama” jedhu.

Kana malees hojmaatichaaf barbaachisu, danbii, labsii, qajeelfamootaafi kkf sirnaan akka qabaataniif kan hojjetamu ta’uu kan kaasan Doktar Girmaan, dhaabbileen misoomaa guddatanii teknolojii akka ceesisaniif haala isaan michummaadhaan hojjetanis mijachuu akka qabu dubbatu. Kana jechuun galii sharafa alaa fiduu danda’uu waan qabaniif dhaabbilee alaa wajjin hojjechuun akka irra jiraatu ibsu. Kanaafis Kubbaaniyyaan Keenyaa tiraktaroota qonnaan bultootaaf dhiheessuu mootummaan %51 keessaa kan harka qabu yoo ta’u, inni hafe dhaabbilee dhuunfaati.

Kana jechuun beekumsaa, muuxannoofi qabeenyatu walitti ida’ame. Kanaaf dhaabbileen misoomaa naannichaa fuulduratti ofirra darbanii dhaabbilee beekamoo addunyaa waliin akka hojjetaniif qophaa’uuf sosochichii akka fayyadu dubbatu.

Mootummaan naannichaa pirezdaantiirraa eegalee hoggansi sadarkaarra jiru dhimmichaaf kutannoo olaanaa akka qabu eeranii, dhaabbileen misoomaas waliin hojjechuu akka qaban himu. Dhaabbilee kannee keessaa Baankiin Siinqee tokko yoo ta’u, hojiilee kaaniif liqii dhiheessuu qaba; dhaabbanni konistiraakshiniirratti bobba’es jira, kan ijaarsa qabu isa hojjechiisuu qaba. Walumasaaniitiin yoo walitti hidhaman bu’aa guddaas akka fidan dubbatu.

Oromiyaa keessa dhaabbileen misoomaa ja’aa guutummaatti kan mootummaa, 29 kanneen mootummaan caalmaadhaan harka keessaa qabu kan jiran yoo ta’u, kanneen sheerii muraasa keessaa qabus kanneen akka Baankii Oromiyaa, Waldaa Hojii Gamtaa, Baankii Gadaafi kkfs akka jiran eeru.

Pirezdaantiin Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaas hanga yoonaa qabeenyi mootummaa haalaan hogganamuu dhabuusaatiin bu’aa argamsiisuu malu argamsiisaa akka hinturre kaasanii, kanaafis beekumsiifi muuxannoon akkasumas humnaafi qabeenyi walitti dhufuurra qofa qofaa deemuusaaniitiin akka ta’e dubbatu.

Oromiyaa keessa beekumsi, muuxannoon, humniifi qabeenyi olaanaa jiraatus hojiitti jijjiiranii gaaffii ummataaf deebii kennuu akka hindandeenye kaasanii, sababni hiyyummaan biyyattiirratti dheerate keessaas inni ijoo kana ta’uu himu. Kana malees jireenyi ummataa qabatamaadhaan jijjiiramuu dhabee doofummaafi harka qaleessummaa keessaa ba’uu kan dadhabeefis kanumaaf ta’uu ibsu.

Kanaaf wantoota adda bittinnaa’anii jiran kanneen walitti fiduuniifi gurmeessuun jireenya ummataa jijjiiruu akka barbaachisu eeranii, kanarratti ummanni, mootummaafi dhaabbileen misoomaa walta’iinsaan hojjechuun akka irra jiru hubachiisu. Dhaabbileen misoomaas, hanqina gabaa guutuuf, dorgomaa ta’uuf, sharafaa alaa fiduuf akkasumas, humna ummataafi mootummaa guddisuuf walta’aanii hojjechuun akka irra jiru kallattii ka’aaniiru.

Keessumaa yeroon amma keessa jiramu akka biyyaatti yeroo ulfaataa ta’uusaatiin mootummaan federaalaas dinagdee ji’oota muraasa darbanitti laafe deebisanii cimsuuf mootummaa biyyaa haara’e, humni siyaasaafi hawaasummaasaa cime ijaaruuf hunduu tokko ta’uu akka qabuudha kallattiin kan kaa’ame.

Ministirri Maallaqaa Obbo Ahmad Shidees waltajjii ‘Addis Wag’ tibbana qopheessummaa Waajjira Ministira Muummeetiin qophaa’erratti akka jedhanitti, kallattiin fuulduraa miidhaa qaqqabe dandamatanii guddinaafi misoomatti deebi’uudha. Ji’oota darbanitti miidhaa olaanaa qaqqabuus dinagdee maakiroo baay’ee iddoodhaa hinkaane. Daldalli alaafi hojiileen idilee haalaan raawwatamaa turaniiru. Gama hojii uumuutiin carraa bal’aatu jira.

Waraana gidduutti caasaaleen mootummaa tajaajila idileesaanii kennaa turuu kaasanii, kunis kutaalee biyyattii baay’ee keessatti haala walfakkaataadhan kan itti deemame ta’uufi hojiin deeggarsa qaqqabsiisuu, bu’uuraalee misoomaa deebisanii ijaaruu, dhaabbilee tajaajila kennan hojii idileetti deebisuufi kkf mootummaan bajata itti ramadee hojjechuun kallattii isa ittaanu ta’uu ibsu. Kanaafis dhaabbileen deeggartootaafi lammiileen biyyattii hundi tumsuu akka qaban waamicha dhiheessaniiru.

Saamraawiit Girmaatiin

BARIISAA SANBATAA Amajjii 7 Bara 2014

Recommended For You