Biraanuu Juulaa Itoophiyaatti badhaafamaa jalqabaa Fiildi Maarshaal

Seenaa Itoophiyaa keessatti yeroo jalqabaatiif hogganaan waraanaa gonfoo kabajaa “Fiild Maarshaal” jedhamu kan argatan Generaala duraanii Biraanuu Juulaa yoo ta’an, kabajni kun gulantaa olaanaa geggeessaa waraaaaitiif kan kennamu yoo ta’u, akka addunyaatti namoonni kabaja kana argatan muraasa.

Fiild Maarshaal Biraanuu Juulaa gonfoo kabajaa kana kan argatan Sirna Eebbaa Gamoo Waajjira Raayyaa Ittisa Biyyaafi sirna Badhaasa gulantaa loltummaa Mudde 30, bara 2014 Finfinneetti geggeeffame irratti yoo ta’u, qondaaltotaafi Hoggantoota Raayyaa Ittisa Biyyaafi hoggantoota waraanaa afur “Medaaliyaa Xiqur Anbassaa gita hin qabne” argatan keessaa isaan tokkoodha. Hogganaa waraanaa fageessanii yaadaniifi ogummaan guutaman kun oolmaa guddaa biyyattiif oolaniif gonfoo kabajaa olaanaa kana mootummaarraa kennameeraaf.

Oduudhuma walqabateen guddinni sadarkaafi badhaasni miseensota RIB kenname ummata raayyichaatiif dahoo ta’uun gahee guddaa baheef beekamtii kan kenne ta’uu Shuumiin Itaamaajoorii raayyichaa Fiild Maarshaal Birhaanuu Juulaa ibsan.

Qaamoleen dahoo birmadummaa biyya isa dhumaa kan ta’e RIBrratti olola sobaa oofaa jiran akka of qusatanis akeekkachiisaniiru.

Fiild Maarshaal Biraanuu Juulaa turtii TOI waliin taasisaniin RIBfi qaamoleen nageenyaa biroon sarbama birmadummaa biyya mudachuuf ture hambisuun seenaa boonsaa hojjechuu himaniiru. Raayyichi injifannoo akka gonfatu kan taasise haala ijaaramasaa ta’uus eeraniiru.

Shororkeessaan ABUT humnoota alaa wajjin ta’uun Itoophiyaan diiga jedhee ka’uunsaa raayyichaafi ummata dahoo raayyichaa ta’ee xiiqii keessa galchuusaa kaasanii, kanaan walqabatee duula birmadummaa biyya kabachiisuuf taasifameen miseensota RIB hojii gootummaa jabaa hojjetaniif guddinni sadarkaafi badhaasaa kenname gootota biroo uummachuu keessattis gahee guddaa qaba jedhan.

Badhaasni kun raayyicha qofaaf kan kenname osoo hintaane humnoota nageenyaa naannoleefi ummata dahoo ta’uun duula birmadummaa kanarratti hirmaateefis ta’uu himaniiru.

BARIISAA SANBATAA Amajjii 7 Bara 2014

Recommended For You