Tibbana biyya keenyatti taateewwan guguddoo danuun mul’ataniiru. Araara biyyaalessaa adeemsifamuuf jedhu milkeessuu akeeka kan godhate hoggantoonni paartiilee KFOfi Baaldaraas akkasumas hundeessitoonni ABUT himannisaanii addaan citee mana hidhaatii gadilakkifamuun taateewwan tibbanaa keessaa tokko.
Dhimmi gadilakkifamuu siyaasessitoota kanneenii keessumaa guyyoota jalqabaa hanga Ministirri Muummeen Itoophiyaa Doktar Abiyyi Ahmad dhimmicharratti ibsa dabalataa kennanitti ajandaa marii cimaa ta’ee miirota adda addaatiin dabaalamee hawaasa keessa deddebi’aa tureera.
Himata namoota muraasaa adda kutuun kun injifannoo dirree waraanatti argame waltajjii nageenyaatiin dabaluuf gargaaru ta’uufi gootummaan meeshaa waraanaatiin qabsaa’anii injifachuu qofaan malee dhiifamaan mo’achuun akka danda’amu hubannoo walqixa hinarganneeyyu.
Ammas taanaan murtiin dhiifamaan hidhamtoota gadi lakkisuu Itoophiyaa bu’uura cimaarra dhaabuuf daran akka gargaaru hubannoo ga’aa argachuu qaba. Itoophiyaaf kan barbaachisu nageenya. Murtiin kun har’a tokko tokkotti hadhaawus dhaloota egeree kan boonsuudha. Yoo fageessinee hin yaadneefi hinhojjenne Itoophiyaan injifachuu hindandeessu.
Taateen kun saboota akka Oromoo aadaafi duudhaa araaraafi dhiifamaa gabbataa qaban biratti miira gammachuufi abdii egeree kan uume ta’us warra kaan biratti garuu gumgummiifi naasuu waan uumaa tureef ammas xiyyeeffannoon irratti hojjechuu barbaachisa.
Miirri ummata keessatti calaqqise kun waan hedduudhaan walqabata. Kanneen gartummaa siyaasaatiin ilaalan jiru. Kanneen ija sabaafi sablammiitiin mil’atanis akkanuma. Kanneen jibbaafi jaalalaan walitti fidanis jiru. Kunniin hundi hojiilee ittifufiinsa qaban fedhu.
Tarkaanfiin araaraafi dhiifamaa mootummaan jalqabe kun gama kamiinuu deeggaramuu qaba. Biyya kana ijaaruu kan danda’u ummatoota hunda. Yoo mirgooti sabaafi sablammii kabajaman, yoo dhalli namaa mirgootasaa shaakale, yoo walqixxummaan dagaage, yoo sirni dimokraasii ijaarame waliin jiraachuun daran salphaa ta’a. Yoo waliin ta’an, waliigalan biyya cimtuu ijaaru. Kanaaf, akka biyyaatti mari’achuufi araara buusuuf wanti dhiifamaan jalqabame kun jajjabeeffamuudhuma qaba.
Har’a waantonni baay’een bakkaafi akka kaleessaa waan hinjirreef inni dhiifama fudhates ta’e kenne darbees lammiin hundi yeroo kamuurra taateewwan mara gara carraa gaariitti deebisuun biyyaafi ummata otoo waa hunda qabuu sababa waliigaltee, tasgabbiifi nageenya waaraa dhabuu qofaan gadadoof saaxilamerratti hojjechuu qabu.
Kanaafis miira, “Kootu sirriidhaa, natu beekaa…” keessaa bahuun fedhii ummataafi biyyaa qofa jiddugaleeffachuun murteessaadha. Har’a hunda caalaa fedhiin ummataa nageenyaafi guddina ta’uunis yeroo kamuu caalaa hubannoo cimaa argatee taateen argame hundi bilchinaan hojiirra ooluu qaba.
BARIISAA SANBATAA Amajjii 7 Bara 2014