Hojiilee milkaa’oo Federeeshinii KubbaaMiilaa Itoophiyaa

Arbaaminci: Federeeshiniin kubbaa miilaa Itoophiyaa haala kanaan dura turerra fooyya’inaan adeemaa jiraachuun beekama. Federeeshinichi yaa’ii dhaabataa 13fa magaalaa Arbaamicitti adeemsifaterratti gabaasa dhiheessuudhaan irratti mari’atameera.

Akka hirmaattonni yaa’ichacharratti argaman ibsanitti, federeeshinichi kanaan dura dhimmoota ittiin qeeqamaa turerratti fooyya’ina agargamsiisuudhaan hojii gaarii hojjeteera.

Federeeshinichi bara darbe dargaggootaafi guddatootarratti umriiwwan adda addaatiin misooma kubbaa miilaan hojii gaarii hojjechuunsaas ibsameera.

Akkasumas sagantaa leenjii guddattootaa waggaa 15 gadii buufattoota 10n irratti banuudhaan dargaggoonni guddattoonni 600 leenjii akka argatan godhameera.

Dargaggoota umrii 17 jidduutti walmorkiiwwan gaggeessuudhaan isaan keessaa fooyya’ina kan qaban filachiisuudhaan garee kubbaa miilaa biyyaalessaatti akka makaman godhamuunsaas ibsameera.

Kanaan dura baldhinaan dhimmi inni ittiin hamatamu tokko keessaa hanqina ogeessotaati. Haata’u malee ogeessota hedduu mindeessuu bira darbee kutaalee akka hakimotaafaa yeroo jalqabaatiif gurmeessuunsaa beekameera.

Akkasumas humna faayinaansii cimsuu maddiitti waggaatti dhaabbilee lama wajjin hojjechuuf mallatteessuusaa pirezidaantiin federeeshinichaa Obbo Isaayyaas Jiraa addeessaniiru.

Federeeshinichi, keessumaa akka hirdhinaatti kan kaase keessaa tokko akkaataa bulchinsa kilabootaa kaffaltiin mindaa xinnaa ta’uusaati.

Kan biraa federeeshinichi gareewwan biyyaalessaa saddeet kan bulchu yoo ta’u, hundasaaniif mindaa kan kaffalu isa ta’uusaati.

Qaamoleen ispoonsara godhan garee kubbaa miilaa dhiiraa Waaliyaa qofa ispoonsara gochuuf waan barbaadanif kanneen hafan waan hinbarbaanneef federeeshinicharratti dhiibaa gochuusaas pirezidaantichi muldhisaniiru.

Kana malees Istaadiyoomii sadarkaa biyyoolessaa hinguuttan jechuudhaan “CAF”n waan ittifamaniif, akkasumas sababa weerara koviid-19n daaw’ataan istaadiyoomii akka hingalle waan dhorkameef galiin argamu hirdhachuun akka qaawwaatti ibsameera.

Federeeshinichi hojii eeyyamaa kilabootaafi danbii ittiin bulmaataa fooyyessaa kan jiru yoo ta’u, kallattiii waldaan Federeeshinii Kubbaa Miilaa Addunyaa (‘FIFA’)n kaa’een gargaarsa ogeessootaatiin fooyya’inni godhamaa jira.

Tashoomaa Qadiidaatiin

BARIISAA SANBATAA Mudde 30 Bara 2014

Recommended For You