Guyyaan yaadannoo dhaloota Yesuus Kiristoos kaleessa hordoftoota amantii kiristaanaa biratti sirna ho’aadhaan kabajamee ooleera.
Guyyaa kana ayyaaneffachuun ykn yaadachuun gaariidha. Garuu ayyaanichi maaliif akka kabajamu beekuun barbaachisaadha. Ergaan dhalachuun Kiristoos of keessaa qabu hubatameeraa laata? Akka hayyoonni amantii kiristaanaa jedhanitti, ergaansaa tokkoofi tokko; innis waa’ee nageenyaati.
Akkuma hunduu hubatu Waaqayyo jalqabatti akka bifasaafi fakkeenyasaatti nama uume; iddoo gaariis kaa’e. Abboommiis kenneef. Namni waan Uumaan isa abboome dideetu cubbuu hojjete. Cubbuu hojjechuudhaanis Waaqattii adda ba’e; iddoo Jannataa keessaas gad baafame.
Namni abboommii Waaqayyoo cabsee cubbuu hojjechuusaatiin Waaqayyoon walitti bu’e. Walitti bu’iinsi uumame kun achitti hinhanfee. Abeeliifi Qaayeel jidduutti walitti bu’iinsi uume, walajjeesise. Darbees uumama bira ga’e. Uumamnis ni faalame; sababii cubbuu namaatiif. Kanaaf Waaqayyo inni namatti garaa hinjabaanne, garalaafessi guyyaa booddee akka nagaa buusu Seera Uumamaa boqonnaa sadii keessatti abdii kaa’e.
Masihii, araarsaan Kiristoos ni dhufa, guyyaa booddee namni karaa Waaqayyoorraa kaate akka Waaqayyotti araaramuuf garasaatti kan dhiyeessu, nama sababa cubbuusaatiin waliisaarraa adda bahe kan walitti dhiyyeessu ni dhufa jedhe.
Diinummaa, waldhabdee, Waaqaafi nama; namaafi nama jidduu jiru oggaa yeroonsaa ga’utti du’asaatiin diige. Guyyaa dhalootasaa sana namni haa hafuu ergamtoonni Waaqaallee sagalee faarfannaa dhageessisan. Nagaan lafarratti, jireenyi gaariinis namoota hundaaf akka ta’u jedhanii faarfatan.
Sababiinsaas otoo akka ergichi dhufetti, akkuma hangafni nagaa ni dhufa jedhamee dubbatame, ni dhufe, akkuma ergamoonni Waaqaa dhugaa bahan inni ofiisaatiif nagaa koo isiniifan dhiisa; isiniifan kenna jedhee dubbate.
Akkuma Yohaannis barreesse otoo nagaa inni nuu dhiise gidduu keenya kaa’etti otoo jiraanneerra ta’ee har’a waantoota dhageenyuufi arginu dhaga’uufi arguun nuuf hinta’u ture. Namatu isa dhaga’uu dadhabe. Nagaa kan ta’e Gooftaa Yesuus Kiristoos isa dhaga’uu dadhabe.
Kanaafuu Waaqayyo maqumtisaatuu nagaadha. Oggaa waa’ee nagaa kaafnu amantiin kamuu deemee deemee kanumatti dhufa. Waaqayyo nagaadha.
Yeroo ayyaanni kun kajamuttis ta’e yeruma kaanuu lammiin biyya keenyaa hundi otoo xinnaa guddaa hinjedhin yoo Waaqa kanaaf beekamtii kenne, Isas, walis kabaje, gochoota hamoorraa fagaate nagaan waaraan ni bu’a, ni dhugooma.
BARIISAA SANBATAA Mudde 30 Bara 2014