Bakka buutonni Luusiiwwanii milkaa’aa jiru

Finfinnee: Gareen kubbaa miilaa dubartoota Itoophiyaa umrii 20 gadiifi bakka bu’oonni Luusiiwwanii milkiidhaan arreedaa jiru.

Waancaa kubbaa miilaa Bahaafi Giddugaleessa Afrikaa torban sadii dura Ugaandaa, Kaampaalaatti adeemsifametti shaampiyoona ta’uunsaa kan yaadatamuudha.

Gareen kun ammaan tana osoo of hindagatin fuulasaa gara waancaa kubbaa miilaa Adunyaatti garagalfachuun daandii injifannoo jalqabeera jedhu leenjisaansaa Fireewu Hayilagabri’eel.

Leenjisichi turtii dheengadda Gaazexaa Bariisaa wajjin taasisaniin akka ibsanitti, gareen kun seenaa kubbaa miilaa dubartoota Itoophiyaa keessatti waancaa kan fudhate yoo ta’u, ammaan tana walmorkii gulaalaa waancaa dubartoota addunyaattis milkaa’aa jira.

Walmorkii gulaalaa waancaa kubbaa miilaa dubartoota addunyaa umrii 20 gadii bara 2022 Kostaarikaatti adeemsifamuuf torban lama dura tapha gulaalaa Botisiwaanaa taasifatee biyyumasheetti 3-1n mo’achuun tapha deebiitti ammoo Itoophiyaatti 5-1n walumaagalatti 8-2n mo’achuun gara fuula duraatti arreedaa jiraachuus eeran.

Taphattoonni egere Luusiiwwan bakka bu’an kunniin tapha deebii kanatti qabxii baldhaadhaan mo’achuusaanitti walmorkii gulaalaa gareewwan jaha itti walfalmaniif darbuusaa mirkaneeffachuu leenjisichi ibsaniiru.

Waancaa kubbaa miilaa dubartootaa umrii 20 gadii Bahaafi Giddugaleessa Afrikaa fudhachuusaatti ofitti amanamuummaarratti kan argamu gareen kun, walmorkii gulaalaa waancaa dubartoota addunyaa taphawwan lameen isa hafutti mo’achuudhaan seenaa haaraa galmeessisuu danda’a jechuunis abdii qaban eeraniiru.

Gareen kun tapha gulaalaa ittaanu garee Taanzaaniyaa wajjin akka godhatu beekamera. Taanzaaniyaan nu wajjin kan ramadamte garee Burundii biyyasheetti 3-2 mo’achuudhaan, tapha deebiitti biyyaa alatti 1-1n adda baatee walumaagalatti 4-3n mo’achuudhaani.

Bakka bu’oonni Luusiiwwanii kunneen waancaa Bahaafi Giddugaleessa Afrikaatti taphawwan shan godhachuudhaan hundattuu mo’achuusaa kan ibsan leenjisichi, Taanzaaniyaa 3-1n, Burundii 1-0n mo’ateera jedhu.

Taanzaaniyaan gulaalaaf dabartus waan walbeeknuuf gareen kiyya osoo of hindagatin cinaacha dadhabaasaa fooyyessuun jabaa ammoo caalaatti cimsuun taphannaan mo’achuudhaan tapha ittaanuuf akka darbu nan abdadha jedhan.

Walmorkiin kun yoom akka adeemsifamu kan ibsu “FIFA” ta’uus Leenjisaa Fireewu eeranii, walmorkii kanatti gareen mo’ate, mo’ataa Gaanaafi Ugaandaa keessaa isa tokko wajjin kan taphatu ta’uufi tapha Kostaarikaatiif akka darbu beeksisaniiru.

Taphattoonni garichaa kan filataman kilaboota biyyaafi wiirtuuwwan isooprtii adda addaarraa ta’uus himanii, taphawwan biyyooleessaarraa muuxannoo kuufachuudhaan Luusiiwwan bakka bu’uun biyya keenya addababa’ii addunyaarratti akka beeksisan abdii qaban addeessaniiru.

Biyyoonni lama qofti Afrikaa bakka bu’uudhaan kan hirmaatan tapha gulaalaa waancaa kubbaa miilaa dubartoota addunyaa kanarratti hirmaachuuf hanga ammaatti biyyoonni jaha tapha gulaalaa ittaanuuf darbuunsaanii ni yaadatama.

Tashoomaa Qadiidaatiin

BARIISAA SANBATAA Mudde 16 Bara 2014

Recommended For You