Baankiin Hojii Gamtaa Oromiyaa torban kaleessaa Guyyaa Waldaalee Hojii Gamtaa yeroo 3faf mata duree ‘Waldaalee Hojii Gamtaa, Guddina Hawaas-dinagdee Waaraaf’ jedhuun magaalaa Adaamaa Galma Abbaa Gadaatti kan kabaje yoo ta’u, borumtaasaammoo Yaa’ii Waliigalaa Idilee waggaa 17fa Abbootii Aksiyoonaa adeemsiseera.
Waltajjicharratti Waldaaleen Hojii Gamtaa baankichatti qarshii guddaa qusataniifi yuuniyeenoonnii galii sharafa alaa guddaa argamsiisan badhaafamaniiru. Baankichi lammiilee godinaalee Oromiyaa gara garaa balaa hongeetiin miidhamaa jiraniif deeggarsa qarshii miliyoona 70 taasiseera.
Baankiin hundeeffamumasaarraa kaasee rakkoolee hawaas dinagdee qonnaan bultootaa furuurratti xiyyeeffatee hojjechaa jiru kun yeroo ammaa kaappitaala qarshii biiliyoona 81.32 akkasumas, miseensota miliyoona 7.73 ol horachuun dameelee 500 ol banatee namoota kuma shaniifi 174 oliif carraa hojii uumee tajaajila kennaa jira. Baankichi aadaa qusannaa qonnaan bultootaa guddisuufi rakkoo faayinaansiisaanii furuu keessatti gumaacha olaanaa taasisaa jira. Baankichi bara 2025tti baankota dhuunfaa keessaa sadarkaa tokkoffaarratti argamuu ergama jedhu qabatee socho’aa jira.
Pirezdaantiin Baankii Hojii Gamtaa Obbo Darribee Asfaawu akka jedhanitti, Baankiin buusii Waldaalee Hojii Gamtaatiin hundaa’e kun rakkoo faayinaansii qonnaan bulaa furuufi tajaajila qarshii liqii akka argatan taasisuurratti xiyyeeffatee hojjechaa jira. Miseensonni waldaaleefi maamiltoonni baankichaa qusannaasaanii guddisuudhaan imala baankichaa akka milkeessaniif ergaa dabarsaniiru.
Baankichi hundeeffamasaarraa kaasee rakkoolee hawaas-dinagdee qonnaan bultootaa furuurratti xiyyeeffatee hojjechaa jira kan jedhan Obbo Darribeen, lammiilee godinaalee Oromiyaa adda addaa keessatti balaa hongeef saaxilamanii jiraniif deeggarsa qarshii miliyoona 70 taasisuus eeraniiru.
Pirezdaantiin Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa yaa’icharratti akka jedhanitti, baankichi hundeeffamumasaarraa kaasee rakkoo hawaas-dinagdee qonnaan bulaa furuu keessatti hojiilee jajjabeessoo seenaa keessatti hindagatamne raawwachaa jira. Tajaajila baankichi kennaa jiru caalaatti guddisuufi babal’isuuf hoggantoonniifi hojjettoonnisaa dammaqinaan jijjiiramaafi guddina caaluuf hojjechuu akka qaban yaadachiisaniiru.
Baankichi baankota maqaa Oromootiin moggaafaman kanneen akka baankii Siinqee, Baankii Oromiyaafi kanneen biroo waliin qindoominaan hojjechuun addunyyaa waliin dorgomuu akka qabu yaadachiisanii, Waldaalee Hojii Gamtaa cimsuufi deeggaruun gama biraan qonnaan bulaa deeggaruu waan ta’eef rakkoo bakka omishaafi mankuusaa waldaalee furuuf mootummaan magaalota keessaa lafa liiziirraa bilisa ta’e kan kennu ta’uu himaniiru.
Waldaalee Hojii Gamtaa guddisuuf riifoormiin qorannoorratti hundaa’ee geggeeffame hojiirra kan oolu ta’uu himanii, omishaafi omishtummaa qonnaa naannichaa guddisuudhaafis baajatni guddaan ramadamee hojjetamaa jiraachuu ibsu. Waldaaleen Hojii Gamtaa omishaafi omishtummaa qonnaa guddisuu keessatti gahee olaanaa waan qabaniif wantoota barbaadan mootummaa dirqisiisanii argachuu qabu jedhu. Waldaalee guddisuun gama biraan dinagdee naannichaas ta’e biyyattii guddisuu akka ta’es eeraniiru.
Waldaaleen Hojii Gamtaa gara industiriitti ce’uu qabu kan jedhan Obbo Shimallis, baankichis bakka ga’uu qabu akka ga’uuf harka walqabachuun baankicha dorgomaa taasisuu akka barbaachisu kaasu. Guddinni baankichaa qarshii qusatamuufi dhala qarshii liqeeffatamerraa argamuun waan mirkanaa’uuf hunduu qarshiisaa baankichatti qusachuudhaan baankicha dorgomaa taasisuun akka irraa eegamu dhaamsa dabarsaniiru.
Yunivarsiitii Ambootti Barsiisaa Ikkoonomiksiifi Kaadhimamaa PhD kan ta’an Obbo Dassaalany Fiqaaduu waraqaa qorannoo waltajjicharratti dhiyeessaniin akka jedhanitti, Waldaaleen Hojii Gamtaa guddina dinagdee biyyaa si’eessuu, carraa hojii bal’aa uumuu, hiyyummaa hir’isuu, galteewwan qonnaa qonnaan bultootaaf dhiyeessuufi gatii gabaa tasgabbeessuun fayyadamummaa hawaasa bal’aa mirkaneessuu keessatti gahee olaanaa qabu. Akkuma dhiigni jireenya dhala namaaf barbaachisu Baankiinis guddina dinagdee biyyattiif daran barbaachisaadha. Baankiin Hojii Gamtaa Oromiyaas keessumaa qonnaan bulaaf carraa qarshii qusachuufi liqeeffachuu kan uume ta’uu himaniiru.
Hirmaannaan hawaasaa laafuun, rakkooleen bulchiinsa gaarii, malaammaltummaa, hanqinni beekumsaa, hariiroon qooda fudhattootaa akkasumas hordoffiifi to’annaan laafuun rakkoolee gurguddoo baankicha mudatanii jiran ta’uu himanii, hanqinni bu’uraalee misoomaa, qulqullina omishaaleefi hoggansaa ammoo rakkoolee gurguddoo Waldaa Hojii Gamtaa mudataniidha. Rakkoolee kunneen furuudhaaf miseensonni dammaqinaan hirmaachuu, kaappitaala kuufachuu, leenjii gahaan kennamuu akka qabu dhaamaniiru.
Hoggantuun Ejensii Babal’ina Waldaalee Hojii Gamtaa Oromiyaa Aadde Masarat Asaffaa gamasaaniin akka jedhanitti, Baankii Hojii Gamtaa kan hundeesse Waldaalee Hojii Gamtaa Oromiyaati. Kanaafuu baankichi hidda dhiigaa waldaalee kanaati. Baankichi rakkoo faayinaansii qonnaan bultootaa furuu keessatti gumaacha olaanaa taasisaa jira. Gaaffii waldaalee deebisuun gaaffii ummataa deebisuu waan ta’eef mootummaan naannichaa rakkoolee bakka omishaafi mankuusaa waldaaleen qaban furuuf hojjechaa jira.
Waltajjicharratti Baankiin Hojii Gamtaa Oromiyaa eenyummaa Oromoo of keessaa waan qabuuf qonnaan bultoonni, horsiisee bultoonni, daldaltoonniifi abbootiin qabeenyaa Oromoo baankichatti akka qusataniif ergaan kan darbe yoo ta’u, hirmaattonnis maallaqa argatan baankichatti qusachuudhaan abbaa baankichaa ta’uu keenya ni mirkaneessina jedhaniiru.
Natsaannat Taaddasaatiin
BARIISAA SANBATAA Mudde 16 Bara 2014