Lakkaawwiin ummataafi manaa misooma hawaas-dinagdeefi siyaasaa biyyattiin hordofaa jirtu fooyyessuutiin jireenya lammiilee jijjiiruuf qophii taasifamu keessatti gahee olaanaa kan qabuudha.
Kaayyoonsaa inni guddaanis dhimmoota bulchiinsaa, filannnoo, qophii karooraa, hordoffiifi deggarsaa, akkasumas qorannoo hawaasa bal’aa fayyadan gaggeessuutiin ragaalee ummataafi manneenii sassaabuu, qindeessuu, xiinxaluufi qaamolee mootummaafi miti mootummaaf tamsaasuudha.
ALItti bara 1976, 1987fi 1999tti lakkaawwiin ummataafi manaa marsaa sadiif kan adeemsifame yoo ta’u, guutummaan guutuutti, kutaalee biyyattii kan haguuge hinturre. Kanarraa kan ka’e bu’aan lakkaawwichaa paartilee siyaasaafi saboota muraasa biratti qeeqaafi shakkii uumaa tureera.
Lakkaawwiin ummataafi manaa marsaa 4fan Bitootessa 29 bara 2011 irraa eegalee adeemsifamurratti komiiwwaniifi qeeqawwan ummatarraa ka’aa turan furuuf xiyyeeffannoo olaanaatiin kan hojjetamaa jiru ta’uusaa Komishiniin Lakkaawwii Ummataafi Manaa ibseera. Keessumaa ammoo teknoloojii dijitaalaatiin hojii lakkaawichaa si’eessuuf haaldureen marti kan xumurame ta’uusaati, kan ibsame. Kunimmoo hojiin lakkaawwii qulqullinaan yeroo gabaabaa keessatti akka hojjetamu kan godhu waan ta’eef, shakkii duraan ture kan hir’isu ta’uusaati.
Lakkaawwiin ummataafi manaa barana adeemsifamu jijjiiramoota bara 1999 booda argaman gamaggamuun waliigalaan ragaalee ummataa qulqullinaan sassaabuun amaloota sirna ummatummaa misooma hawaas-dinagdee waliin walsimsiisuuf faayidaansaa daran guddaadha.
Fedhii lammiileen bu’uuraalee misoomaa kanneen akka bishaan dhugaatii, tajaajila elektirikii, telekominikeeshinii, daandiifi mana jireenyaaf qaban guutuuf kan gargaarudha. Guddinni ummataas qabeenya uumamaa biyyattiin qabdu waliin akka walunatu gochuuf kan fayyadu ta’uurra darbee tarsiimoowwan tajaajila sirna daldalaafi invastimantii babal’isuu keessatti gahee guddaa qabaata.
Walgeettii carraa barnootaafi tajaajila fayyaa haalaan diriirsuuf karooraafi imaammata sektarota kanneenii akka fooyya’u gochuu keessattis gaheen ragaalee waliigala ummataa beekuu guddoodha. Yeroodhaa yerootti lammiilee hojii hinqabneef, keessumaa dargaggootaaf carraa hojii uumuufi hojiirra oolmaasaa hordofuuf faayidaansaa tlmaama keessa kan galu miti.
Biyyattiin balaawwan uumamaafi namtolcheetiin, akkasumas rakkoo jijjiirama qilleensaan walqabataniin dararamaa turteetti. Dhiibbaa sababa hongeetiin dhaqqabuu malan dandamachuuf dursanii ragaalee ummataa beekuun dirqamadha. Kana gochuuf ammoo karooraafi imaammata hojiirra ooluu danda’an qopheessuu gaafata.
Dimshaashumatti, lakkaawwiin ummataafi manaa marsaa afraffaa Bitootessa 29 eegalee hanga Ebla 20/2011tti kan adeemsifamu waan ta’eef, milkeessuuf abbootiin Gadaafi amantii, qeerroofi qarreen, waldaaleen siivikii, hayyootniifi kutaaleen hawaasaa marti tumsuu qabu.
5 Comments to “Lakkaawamuun misooma hundaaf tumsuudha”