Waggoota darban keessatti biyyoota addaa addaatti yuunivarsiitonni eebbifamtoota yunivarsiitiisaaniifi namoota doktora kabajaa kenneef gara garaarraa sababoota adda addaatiin digriisaanii utuu irraa fuudhanii arguun keenya hinoolle; oolee bulees biyya keenya keessatti arguu eegalleerra. Tarii inni kun biyya keenyatti sababa beekamaa hintaaneef gaaffii nutti ta’uu danda’a.
Keessumaa ammoo barana Yunivarsiitiin Gondar dubartii Doktar Illeenii Gabramadin jedhamanirraa maree mootummaa buusuuf dhoksaatti mari’atamu keessatti waan hirmaataniif doktareetii kabajaa waggaa saddeet dura kenneef irraa fuudheera. Sababiinsaa Adoolessa 6, bara 2013 yeroo doktoreetii kabajaa kana kenneef nama fakkeenya gaarii ta’an, bu’aa isaan gama dinagdee hawaasaa fooyyessuuf tattaafatan ilaaluuni.
Amma garuu faallaa haala yeroo doktoreetii kabajaa sana fudhatanii keessa jiru; ilaalcha gartuu tokkoo qofa deeggaru keessatti maree geggeessan jechuun amala irraa eegamuu gadi keessatti waan argamaniif doktoreetii kenneef irraa fuudhe.
Haa ta’u malee yunivarsiitiin doktora kabajaa qofa utuu hinta’in digriiwwan gara garaa kennu eebbifamtootarraa fuudhuu nidanda’aa? Irraa fuudhuu jechuun kunis maali? Ulaagaan ittiin yunivarsiitonni digrii nama irraa fuudhan maali gaaffiilee jedhaniifi kkf gabaabumatti haa ilaallu.
ALA bara 2020 yeroo pirezidaantiin Ameerikaa duraanii, Obbo Tiraampiin deeggersaaf jecha deeggartoonni isaanii goolii kaasuun sababa du’a namoota shanii ta’aniiru. Isa kana hundumti keenya niyaadanna. Rakkoo kanarraa kan ka’e namoota Yunivarsiitii Haarvarditti baratanii jeequmsa kana keessatti hirmaannaa qaban ilaalchisee akka digriin isaan Harvaarditti fudhatan irraa fuudhamuuf dhiibbaa guddaan geggeeffameera.
Sababiinsaas jeequmsi isaan itti hirmaatan duudhaa yunivarsiitii beekamaa kanaa kan calaqqisiisu akka hintaaneefi akka irraa fuudhamu yaadota gara garaatu kennamaa ture. Bara 2018 keessas, manni murtii Kanaadaa, Yunivarsiitiin Kalgaarii jedhamu wagga 15 dura digrii lammaffaa nama ‘Joon Meason’ jedhamuuf kennee ture akka irraa kaasuuf eeyyameefii ture.
Sababiinsaa ‘Meason’ Yunivarsiitii Seeyinti Meerii jedhamu keessa utuu hojjetaa jiruu qorannoosaa kan digrii lammaffaa yeroo gaafatanii fuudhanii ilaalan yaada nama biraa utuu beekamtii hinlaatin akka fayyadame kan agarsiisu waan hedduu sababa qabuuf hanna wajjin walqixatti ilaalama.
Afaan Ingiliziitiin isa “plagiarism” jedhamurraa walaba hinturre. Inni kun ammoo akka digiriin isaa wagga kudha shan dura fudhate irraa fuudhamuuf murtiin darbe. Kanaaf manni barumsaa digrii kana kenneef akka irraa fuudhu taasise. Egaa rakkoo utuu inni mana barumsaa jiruu raawwatameefi yeroo sana tarii sababa teknolojiitiif adda baafachuu yoo dadhabellee waggoota hedduu booda deebi’ee amala hamaa adabuu danda’eera.
Tarii inni kun haala namatti cimu yoo ta’ellee dhaloota amala gaarii qabu, dhaloota waraqaa qofa utuu hinta’in sammuu sadarkaa barnootaa sanaa wajjin walgitu horachuu keessatti shoora guddaa xabata. Amalli dhalootaas akka sirratuuf ga’eensaa cimaadha.
Inni guddaan digrii haqamuu danda’u namaaf kennuun sirrii miti yoo ta’e illee haalonni dirqisiisan kanneen akka armaan olii yeroo mudatan garuu yunivarsiitiin tokko haquu nidanda’a. Namni digriin tokko kennamuuf beekumsaan sadarkaa tokkorra ga’uusaa haalonni ykn hojiinsaa yeroo agarsiisu ta’uun beekamaadha.
Kanaachi namni tokko beekumsa digrii argatee wajjin walhingitne hinqabu taanaan hinkennamuuf. Inni kun tarii akka biyya keenyaatti xiqqoo ishee cimuu nidanda’a jedheen yaada. Sababiinsaas namoonni hedduun digriiwwan adda addaa kan fudhatan beekumsa digrii sanaa wajjin walgitu waan horatan hinfakkaatu.
Utuu akkas ta’ee haalota hedduu har’a agarru kanaaf namoota furmaata ta’an maqaawwan adda addaa qaban hojii hedduu hojjetu turan. Dhaloota qorannoofi qo’annoo cimaa geggeessan horanna turre. Dhaloota gadi fageessanii xiinxalan qabaanna turre.
Kanaaf rakkoon keenya inni guddaan barumsi nuti qabnuufi haalli keenya walhingitu. Darbees dhaabbatni barnootaa tokko digirii tokko kan haqu ulaagaa barbaachisu tokko kan hinguutin hafan yoo ta’e, ulaagaa kana utuu hinguutin sababa gara garaan digirii tokko yoo fudhataniiru ta’e haquu danda’a.
Akka biyya keenyaatti digrii haquun utuu barbaachisee namoota hedduu akka gaaga’u beekamaadha. Sababiinsaa eebbifamtoonni meeqa akka waraqaa qorannoo sirrii qopheessanii ittiin eebbifaman, barumsisaaniis hangam akka biyya jijjiiruu irra oolchan, amala eebbifamtootaa gadi fageenyaan digirii isaanii wajjin yeroo ilaalaman eessa akka jiran beekuun nama hindanqu.
Egaa yunivarsiitiin tokko eebbifamaa tokkorraa kan digriisaa fuudhuu danda’uu keessaa kan biraan dambii amala (Student Code of Conduct) irratti hundaa’uu mala. Yeroo hedduu namoonni sababa barnoota dandaa’an qofa utuu hinta’in amalli irraa eegamu dambii yuunivarsiitii sanaa kan kabaju miti yoo ta’e tarkaanfii fudhata.
Yeroo tokko barataan yunivarsiitii hojii hamaa hedduu kanneen akka dirqisiisanii gudeeduu, hanna, nama loluufi kkf keessatti hirmaannaa cimaa taasisaa turee utuu irratti hinbaramin mana barumsaasaa xumuree erga eebbifamee waggaa tokko ta’ee booda yuunivarsiitichi nama sanarraa digirii isaa fuudheera.
Dambii amala barataa yuunivarsiitii sanaa kan cabse sababa ta’eef akka irraa mulqamu taasise. Akkasumas yunivarsiitiin ‘Lehigh’ jedhamuuf kollejjiin Wagnar pirezidaantii Ameerikaa kan turan Doonaldi Tiraampiif doktora kabajaa kennaniifii turan irraa mulqaniiru.
Yuunivarsiitiin ‘Lehigh’ Doonaaldi Tiraampi sirna eegaluu yuunivarsiitichaa irratti haasaa taasisaniin bara 1988 yeroo kennuuf deebi’ee garu bara 2020 irraa fuudheera. Kollejjiin Wagnar jedhamus kanaan dura doktora kabajaa kenneefii ture bara 2020 keessa filannootti aansee rakkoo uumame maqaa dhahuun sababa isaaf Doonaaldi Tiraampi sababa ta’aniif irraa mulqeera.
Darbees bara 2018 keessa miseensonni yunivarsiitichaa Tiraamp akka pirezidaantii biyyaatti haasaan isaa kabajaafi dambii amala yuunivarsiitii dooktora kabajaa isaanif kennee kan hinkabajne sababa ta’eef akka irraa fuudhamuuf yaalii hedduun ta’eera.
Namni tokko sababa barate qofaaf utuu hinta’in amala inni calaqqisiisu, haasawaan isaafi kkf mana barnootaa sana kabajuu danda’uutu irra jiraata. Inni kun tarii kanaan dura biyya keenya hingeenye jedheen yaada.
Torbee muraasa dura utuu nama tokko irraa mulqamuu agarree ajaa’ibsiifachuu hinoolle. Haa ta’u malee namni tokko sababa barnoota barateef akka jaal’ate hojjeta jechuun hindandaa’amu.
Akka biyya keenyaatti hangam hojii irra akka oole beekamaa miti yoo ta’ellee yunivarsiitonni gara garaa barataan tokko malaammaltummaan qabxii guddaa argateera yoo ta’e inni kunis yoo seeraan bira ga’ame barataan sun digrii isaa irraa mulqama. Irraa fuudhama.
Seera naamusaa barataa cabseera sababa ta’eef. Kanaaf yuunivarsiitiin kamiiyyuu sababa quubsaa ittiin digirii kenne tokko irraa fuudhu qaba. Mareefi qorannoo danuu keessa darba.
Yaada itti kennuufi tarii namni sun of irraa faccisuuf yaalii taasisuu nidanda’a, Kun kan ta’u garuu yoo dhugaa qabaate qofa. Dhugaasaa dhiyeeffatee, gadi fageenyaan qoratamee yoo waan irraa kan hinfuusisne ta’e irraa hinfuudhamu. Nama sirriitti dambii mana barumsaa eegee barate irraa hinfuudhamu. Isa dogoggore, naamusa hinqabne, darbees nama naamusaa hintaane danuu irraa fuudhameera; fuudhamaas jira.
Kana qofa utuu hinta’in bara 2014 Gaazexaan “New York Times” jedhamu odeeffannoo kitaaba kan biraa keessaa fudhachuun akka kan ofiitti dhiyeessuun digrii nama dhabsiisa jedhe. Sababiinsaa Sanatarii Ameerikaa kan turan ‘John E. Walsh’ irraa digriinsaanii lammaffaa kolleejjiin Waraanaa Ameerikaa irraa fuudhee ture.
Kanaaf namni tokko erga eebbifamee ba’ee booda waan jaalate gochuu danda’a jechuu miti. Digriinsaa holqa dhagaa keessa kaa’amaaf jechuus miti. Namoonni hedduun akka nama eeyyama konkolaachisummaa harkaa fuudhanitti digriinsaanii akka waa’ee hinbaafne taasisuun kanneen mana barnootaatti deebi’anii akka baratan ta’an danuudha.
Kanaaf namni yeroo baratus ta’e erga baratee ba’ee booda amala sirrii calaqqisiisuu dadhabuu, duudhaa yuunivarsiitii keessatti baratan sana kabajuu dhabuun digrii mulqisiisuutti geessuu danda’a. Isa kana pirezidentii Ameerikaa kan turan Doonaaldi Tiraampirraa agarreerra.
Darbees Ebla 2012 keessa prezidaantiin Hangaarii, ‘Pal Schmitt’ digriinsaanii haqamuutti aansuun bakka geggeessummaa irraa ofiin bu’an. Akkasumas Ministeera Ittisaa Jarman kan turan ‘Karl Theodor Zu Gettenberg’ Yunivarsiitiin ‘Bayreuth’ dogoggora cimaa dalagan jedhee digriisaanii doktareetii irraa fuudheera. Namoota siyaasaa keessaa isaan kana qofa utuu hinta’in namoota gara garaa kanneen akka ‘Silvana Koch-Mehrin’ irraa doktireetiisaanii, nama ‘Jorgo Chatzimarkakis’ jedhamurraa yunivarsiitiin ‘Bonn’ digriisaanii irraa fuudheera.
Darbees Yunivarsiitiin ‘West Virginia’ jedhamu digrii intala bulchaa kutaa biyya ‘Virginia’ kan taate ‘Joe Manchin III’ irraa akka fuudhe bara 2008 labsee ture. Egaa namoonni hedduun amala sirrii, seeraafi heera yunivarsiitii tokkoo eeguu dadhabuu, qorannoo nama biraa kan ofii fakkeessanii dhiyeeffachuu, barreeffama keessatti yaada nama biraa akka kan ofiitti dhiyeeffachuufi kkf balaa hamaadha.
Doktar Zarihun Gabree
BARIISAA SANBATAA Mudde 9/2014