Akka aadaa Oromootti ilmi hanga waggaa torbaafi saddeet ga’utti maqaa masootiin waamama. Maqaan masoo kun kan baay’ee wajjin deemu miti. Gaafa moggaasni maqaa gahu iddoowwan tokko tokkotti ilma hangafaatiif ayyaana ilaalanii moggaasu.
Ayyaantuuwwan guyyaa ilmi itti dhalate ilaalanii faroo (milkii) guyyaan sun qaburratti hundaa’anii maqaa masoo dhiisanii kan biraa ittimoggaasu. Kana keessatti tartiibaan abbaafi akaakayyuuf carraan kennama. Haadhaafi akkawoofis akkasuma ni kennama.
Moggaasni maqaa kabajaa tibbana Ministira Muummee, Doktar Abiyyiif Gamtaa Abbootii Gadaa Oromootiin kenname kun kan Oromiyaa lixaa Jimmaafi Iluu Abbaa Booritti kennamuun walfakkaata; Abbaa Garoo, Abbaa Milkii…jedhamufaa wajjin.
Moggaasa tibbanaa kanaan ykn Abbichuu Abbaa Biyyaa Abbaa Malaa, Abbaa Biyya (Abiyyi) Abbaa Malaa (Ahmad) jedhamee moggaafame jechuudha. Aadaa Oromoo keessatti abbaanis ilmis maqaa guutuudhaan malee hinwaamaman. Kan kennameef maqaa kabajaati. Maqaa nama jaalatamuufi qabajamuuf kennamu.
Akka sirna Gadaatti Abbaan Biyyaa Waaqa. Kun Abbaa Meedhachaa (phonier) kan dur dhaqee achu qubatee jechuudha. Kan qubatee qabsiisu, qubsiisaa jechuudha. Gamtaan Abbootii Gadaa waan baay’ee ilaalaniit Doktar Abiyyiif moggaasa kana kennan. Bilchina hoggansasaa, injifannoo argamsiise, akka ummanni dawoo argatu Abbaa Dawoo jechuudha.
Kanaaf hojiin inni hojjeteefi jaalala isaaf qabanirraa ka’un beekamtii kennamii maqaa kana moggaasaniif. Otuma maqaa dhuunfaa qabuu Gadaatu moggaasa kana kenneef. Maqaan bifa fardasaatiin kennamuufis jira; Abbaa Gurraachaa jedhamee. Kunis aadaa Oromoo keessa waanuma tureefi jiruudha.
Bu’uuruma kanaan egaa, Gamtaan Abbootii Gadaa Oromoo Looreetii Addunyaa, Badhaafamaa Noobeelii Addunyaa, Ministira Muummee Doktar Abiyyi Ahmad injifannoo adda waraanaatti galmeessisan hordofee maqaa, “Abbichuu Abbaa Biyyaa Abbaa Malaa” jedhamu moggaasuufiin jabduu raawwataniifi raawwataa jiraniif tibbana beekamtii cimaa duudhaa Oromummaa sirnaan ibsu kana kenneera.
Beekamtiifi moggaasni seenaqabeessi Abbootiin Gadaa Oromoo marti bakka tokkotti walitti goota kanaaf kennan ergaa guddaa kan of keessaa qabuudha; ergaa jabaa ofii onnachiisuu, walhammachuu, beekaafi hayyuu ofi duukaa bu’uu, abboomamuu; waljaalachuu.
Oromoon akkuma duudhaasaa ganamaa yoo tokkoomeefi waliigale, biyyattii bira darbee addunyaa guutuuf waan furmaata ta’u dilbii waan qabuuf akkuma abbootiin Gadaa eegalan kana cimaa ofii caalaatti cimsachaa, laafaa ofii jabeeffachaa haa deemnu. Abbichuun maqaa gootaa Abbaa Biyyaa Abbaa Malaa jedhamee kan waamamu ta’uun ‘muramte’.
BARIISAA SANBATAA Mudde 9/2014