“Wareegama kamuu kaffaluun birmadummaafi kabaja biyya keenyaa ni eegsifna” – Jiraattota Magaalaa Amboo

Wareegama barbaachisuu kamuu kaffa luun birmadummaafi kabaja biyya keenyaa ni eegsifna jedhan dargaggoonni, abbootiin Gadaa, abbootiin amantii, abbootiin qabeenyaa, haadholiin Siinqee, qeerroofi qarreen magaalaa Amboo.

Akka dargaggoonni magaalattii jedha nitti, Itoophiyaa abbootiin dhiigaafi lafeesaanii gabbaruun, akkasumas qerroofi qarreen Oromiyaa Wayyaanee madfiifi taankii baatu dura dhaabbachuun aarsaa ta’anii gara Maqaleetti galchuun ijaaran. Har’as biyya aarsaa itti kanfalame Wayyaaneef dabarsinee hinkenninu. Kanaaf tokkummaa keenya cimsannee tooftaa diinaa beekuun, bakka jirrutti diina keessaafi alaan hamuummachaa jiru ija jaamsuufi waraana TPLF barbadeessuun dinagdeerratti hojjechuuf ni kaana.

Wayita ammaa waraana keessaa juuntaafi shaneen banan cinaatti humnoonni alaa tokko tokkos ifatti murna kana waliin dhaabbachuun dhiibbaa gaggeessaa jiran ta’uu eeranii, Hidha Haaromsa Guddicha Itoophiyaa danquufis yaaliin taasifamaa jiru olaanaa ta’uu kaasu. Isaanis kana qolachuuf waan qabaniifi kallattii danda’an hundaan Raayyaa Ittisa Biyyaa (RIB) ofii du’ee ummatasaafi alaabaa biyyasaa ol kaasuuf kan dhaabatan ta’uu ibsu.

Yoo kana ta’e, Itoophiyaan har’as ta’ee dur injifatamtee kan hinbeeknee ta’uufi abjuu diinonni abjootan soba ta’uu qabatamaan agarsiisuun akka danda’amus ni dubbatu. “Juuntaan garajabeessa; sabasaafiyyuu hintaanee ummata biraaf ni ta’a jedhanii warri yaadan warra sammuun isaanii hindalagneefi warra garaasaanii qofaaf yaadaniidha. Yeroo kana ummanni yoomiyyuu caalaa gurmaa’uun naannawaasaafi biyyasaa eeggachuu qaba” jedhu.

Akka Abbootiin Gadaa magaalaa Amboo jedhanitti, gocha Wayyaaneen RIB isa waliin nyaatee dhugaa, qorra, bokkaafi aduu osoo hinjedhiin gaachana ta’eefii turerratti raawwate daran nama gaddisiisa. Gochaan kunis baay’ee nu gaddisiiseera; rifaatuu guddaas nutti uumee ture. Rifaatuu qofa osoo hintaane madaa garaa lammiilee keessaa hinbaanedha. Kanaafuu yeroo ammaa diina kana balleessuuf waan nurraa barbaachisu hunda ni taasifna.

Hadhooliin Siinqee magaalaa Amboo gamasaaniin wayyaaneen kabaja, safuu, aadaa, amantiifi duudhaa ummata biyyattii balleessaa jiraachuu kaasanii, humna badiifi garajabeessa “biyyi ani hinbulchine jiraachuu hinqabu, diigamuu qaba” jechuun humnaafi meeshaa qabu hundatti fayyadamuun biyya diiguuf foolatu ta’uu beekuun ijoolleesaanii gorsachuun kaan jajjabeessuun waan haadha siinqeerraa eegamu hunda rawwachuun humna kana dhabamsiisuu akka qaban ibsu.

Kanaafis loote seentotaafi maxxantuu shororkeessaa ABUT hordofaa hanga biyyi bilisoomtutti halkaniifi guyyaa, aduufi qorra osoo hinjedhiin ambaasaaddara nageenya naannoofi biyyaa ta’uun biyya ofii eeggachuufi gootni biyyaa Ministirri Muummee Doktar Abiyyi Ahmad injifannoodhaan irra aanee akka galuuf kadhannaafi waan danda’an maraan qophii ta’uu himu.

“Itoophiyaanonni meeshaa teknolojiin lolanii mitii, farda, eeboofi gaachananiiyyuu faranjii booji’uun injifannoo gonfachaa ture. Har’ammoo yoomiyyuu caalaa tokko taanee injifachuu qabna” jedhu.

Madda: Waajjira Dhimmoota Kominikeeshinii Magaalaa Amboo

BARIISAA SANBATAA Mudde 2/2014

Recommended For You