Gootota gootummaa biraa galmeessisuuf atileetota kutatan,

Ministiri Muummee Doktar Abiyyi Ahmad lammiileef waamicha seenaqabeessa taasisanii torban darbe gara adda waraanaatti qajeeluunsaanii ni yaadatama.

Kanuma hordofuudhaan Olompikii dabalate shaampiyoonaawwan adda addaarratti kan beekaman Fayisaa Leellisaa, Gazaahanyi Abarraa, Maarqoos Gannatiifaan gara adda waraanaatti qajeelaniiru. Yaadni gootonni gootummaa biraa galmeessisuuf kennanis akka ittaanutti dhiyaateera.

“Jijjiiramni kun wareegama dargaggoota Itoophiyaatiin dhufe. Keessumaa qeerroofi qarreen Oromoo dhiigasaanii ittidhangalaasaniiru. Anis kaleessa kanumaafin biyyaa bahee ture.

Kaleesa wayita qabsootti gallu qaamni nu hidhachiisu hinturre; ari’ee kan biyyaa nubaase malee. Har’aa qaama nu hidhachiisu arganneerra. Kanaafuu mootummaa keenya wajjin hiriirree jijjiirama kitimaa olaanaadhaan dhufe kana eeguu qabna”.

– Atileet Fayyisaa Leellisaa

“Kan manaa baaneef biyyi teenya akka hindiigamneefi diinni keenya hingammadneefi. Raayyaan keenya gootummaa kanaan duraa irra deebiidhaan akka mirkaneessuuf maddiisaa dhabachuu keenya keenya mirkaneessuufi.”

– Atileet Gazaahany Abarraa

“Har’a warra dhiiga dargaggoota keenyaatiin xuraawan, kanneen ilaalcha farra Itoophiyaa hordofan, diinota seenaa keenyaa wajjin ta’uun Itoophiyaa daandii abdii gaariirra imalaa jirtu diiguuf wixxirachaa jiran, ABUTfi jala kaattotasaa barbadeessuuf falmiin raayyaan keenya, milishaafi ummani gochaa jiran utubuufi.

Qabsoo kana hanga ABUTfi deeggartonnisaa dhabamsiifamanitti hordofnee barbadeessinutti ittifufna. Ummani keenya akkuma akaakayyootaafi abbootiisaa kutannoodhaan ka’ee Itoophiyaa baraaruuf sochii gochaa jiru keessatti anis abbaa seenaa boruu ta’uuf hiriyoota koo wajjin adda waraanaatti falmiif qophaa’era.”

– Atileet Maarqoos Gannatii

“Ani miila abbaa kiyyaarratti kufee hinbeeku. Kan ormaarratti garuu kufeera. Kun ammoo nageenya biyyaaf jechuufi. Ummanni keenya nagaan bahee nagaan haagalu jechuuf malee jilba namaa arraabuufi miti. Kanaan dura jaarsa biyyaa ta’ee Maqalee dhaqee gantoota kanneen kadhadhera.

Haata’u malee diiguu malee ijaarsa kan hinbeeknee farreen nageenyaa kunniin daandii filate qabachuudhaan Maqaleedhaa ka’ee Ummata Naannoo Amaaraa, Afaariifi jaarsaa jaartii, dhiiraa dubara osoo addaan hinbaasiin ajjeeseera.

Qabeenya hanga danda’e saamuudhaan, kan dadhabe ammoo barbadeessee biyya diiguuf yaaleera. Kanaaf deebii kennuuf raayyaan keenyaa addawwan maraanuu Itoophiyaaf haaloo bahuuf falmii gochaa jira. Nuti ammoo humna qabnuun maddiisaa dhaabannee gargaaruu qabna.”

– Atileet Hayilee Gabrasillaasee

SAMSUNG CAMERA PICTURES

“Ani nagaan bahee nagaan galuuf yoo biyyi jiraatteedha. Fiigee mo’achuu, mo’adhee alaabaa olkaasee tallisiisuu kanan danda’u yoon biyya qabaadheedha. Kanaafuu anis akka lammii tokkootti raayyaa keenya cinaa dhaabadhee wanta Itoophiyaan narraa eegdu mara gochuuf qophaa’era.”

– Atileet Faantu Migeesoo

 Tashoomaa Qadiidaatiin

BARIISAA SANBATAA Sadaasa 25 Bara 2014

Recommended For You