“Abbichuu nagaa nagaa qarreerra hinmarmaarinii; achittuu fayyaa nagaa qoreen sin waraaninii”. Walleen kun ummata Oromoo biratti daran beekama, jaalatamas. Artistoonni Oromoos ummatarraa fuudhuun mimmi’eessanii sirbaniiru, isa kanaafimmoo Artisti Abbabachi Daraaraa maqaa dhahuun ni danda’ama.
Walleen kun maaliif weellifame isa jedhu oggaa ilaallu hangas mara beekee kan himu namoota muraasa. Hayyoonni seenaafi aartii tokko tokko akka ibsanitti walleen kun leenca warra Jaarsoo, Abbichuu faarsuuf akka weellifame himu.
Kanneen seenaa gootummaa leenca warra Jaarsoo, Abbichuu beekaniifi dhagahan shamarran Salaalee aartiidhaan fayyadamuun sagalee mi’aawuufi dhaamsa qabuun hawwii nama kanaaf qaban walleedhaan ibsachaa akka turan ragaaleen seenaa ni ibsu.
Abbichuun jiraachuu Itoophiyaaf nama xiiqiin keessa buleefi umriisaa Gaammummaatti faashistii xaaliyaanii loluuf barnoota addaan kutee adda waraanatti bobbahe ture.
Gootummaa inni agarsiise seenessuufis ta’e dhalootaaf dabarsuuf barreessitoonni wayita sana turan hintattaafanne.
Akkuma waa’eekee yoo warri ati duuteef sidhokse alagaa gaafadhu jedhamu leenca onneen barbaadaa, Abbichuun eenyu akka ta’e kitaabileen biyya hambaa tokko tokko ni ibsu.
Seenaa hurufa Salaalee ilaalchisuun dhalataan lammii Rippablikii Cheek, Injiinar Adolfi Paarlisaak kitaabasaa ‘Habesiikaa Kaawdees’ jedhamu keessatti gootummaa Abbichuu tuqeera.
Seenaan abbichuu daran hawwataa ta’us waa’eensaa ukkaamamee hafeera. Ta’us Obbo Tacaanee Gabruus kitaabasaanii ‘Ya Habashaa Jabduu’ jedhamu keessatti kan Injiinar Adolfi wabii godhachuun seenaa gooticha kanaa hamma tokko barreesseera.
Kanamalees Ministirri Muummee Itoophiyaa Doktar Abiyyi Ahmadis kitaabasaanii Kadir Satatee “Dara’aaz” jedhamu keessatti seenaan Abbichuu hanga hojiisaa kan hinhimamneef ta’uu eeraniiru.
Seenaa hojjennus hingalmeessinu, sirnoonni kan jaalatan olkaasanii waaqarra kaahu kan fedhanimmoo gaddarbatanii gatu gochi akkasii sirrii miti. Seenaan keenya nu yaaddessuu qaba, abbichuuwwan kumaatama dagataman sakattaanee baasuu warra dhufanis seenessinee barreessinee dhalootaaf dabarsuu qabna jechuun Abbichuu jajaniiru.
Irra deddeebi’aniis guyyaa aangootti dhufanii kaasanii namoonni hedduu maqaa Abbichuu jedhuun akka isaan waaman kan eeran, Doktar Abiyyi isaan garuu hanga Abbichuu kan hinhojjenneefi kan isaan hafu ta’uu himu.
Har’a garuu guyyaan itti Abbichuu dhugaa ta’anii argaman kan dhufe fakkaata, miidiyaaleen warra lixaa hedduun adda waraanaatti duuluu Doktar Abiyyi walharkaa fuudhanii lallabaa jiru.
Doktar Abiyyi mirgaan galanii lammiileesaanii gammachiisuuf duulanii duulchisuuf loltoota waliin bu’uun akkuma Abbichuu gammoojjiitti qajelaniiru.
Abbichuun bara dukkanaa sana keessa Faashistoota Xaaliyaanii raatessuun imimmaan lammiisaa; gumaa sanyiisaa baasaa ture.
Umriisaa ganna 16n waraanatti kan makame Abbichuun, yeroo gabaabaa keessatti raajii addaa hojjechuun wayita Xaaliyaanota afaan qabachiisuu eegalu Hayilasillaaseen akeekkachiisa karaa Xaaliyaanotaa ergamaafii ture sodaachuun Abbichuun waraana akka dhaabu “Ya lijuun nagar andi nagar Adirguu” jedhanii itti erganis arganii itti himuu hindandeenye; goonni salphaatti waan hinargamneef. Baandota gootota Oromoo dabarsanii kennaa turaniif maallaqa kennanii Abbichuu to’achuuf yaalanis hinmilkoofne.
Ittuu Abbichuun jaalleewwansaa wajjin ta’uun seenaa addaa hojjetee loltoota Roomaarraa dabalataan itti ergaman halkan daandiirratti eegee hurreessuun Xaaliyaanota daaraa godheera.
Gootummaa akkasii kan hojjete Abbichuu ta’uun hinbarreeffamneef. Quuqama seenaa gootota Oromoo kan qaban Itoophiyaa Dorkar Abiyyi seenaa hojjenna aadaa barreessinee dhalootaaf dabarsuu gabbifachuu akka qabnu kitaabsaanii keessatti eeraniiru.
Egaa Abbichuu 2fa, Doktar Abiyyis adda waraanaa ittibobbahan Salaaleen bahuufanii; barana Salaaleen bahuufanii; Yawaaq nan ajjeesin bakkuma garaakoo gahu malee kan jedhan fakkaatu.
Seenaa hojjetanii galuusaanii kan eegan danuudha. Seenaa isaan hojjetan kunimmoo akkuma Abbichuu dhokatee akka hinhafne dhaloonni ittiyaaduu qaba.
Maaf jette jechuu dandeessu waraana Itoophiyaa kaabaatti yeroo ammaa waggaa tokkoo ol lakkoofsise keessatti gootummaan jala dhaabatee wareegama qaalii kaffalaa kan jiru qeerroofi qarree Oromoo akkasumas ilmaan sabaafi sablammii Itoophiyaa hedduu waan ta’aniif seenaa dhugaa barreessuuf qophaa’uun gaariidha.
Abbichuuf silaa siidaan dhaabatee, kitaabileefi seenessoonni danuun barreeffamaniifii, tiyaatiroonni hojjetamuufi qabuuyyu. Hanqinni akkanaa lamuu akka irra hindeebi’amneef Abbichuu; “Bofti lafa uleen si harka”
Horaa Bulaa!
Waasihun Takleetiin
BARIISAA SANBATAA Sadaasa 25 Bara 2014