Mootummaan Itoophiyaa Ministira Muummee Doktar Abiyyiin hogganamu ummanni biyyattii ammaan tana waraana otoo hinjaalatiin ittiseenan adeemsasaa jiru.
Rayyaan Ittisaa Itoophiyaa (RIB) Ministira Muummeefi Ajajaa Waliigalii Humnoota Waraanaa, Doktar Abiyyin adda waraanaatti hogganamu guyyoota gabaabduu, 12 hincaalle keessatti injifannoo cululuqaa bilchina dura bu’ichaa agarsiise keessummeessaa jira.
Gootni RIBfi hoggansisaa, “Lafeen koos haa caccabu, dhiigni koos haa lola’uuf, Itoophiyaa biyya koo diinni hintuqu” jechuun shororkeessaa ABUT irratti duula Gamtoomina Tokkummaa Biyyaalessaa geggeessaa jiraniin injifannoorratti injifannoo dabalaa harcaatuu diinaa hafte qulqulleessuuf gara fuulduraatti arreedaa jira.
Kanas Ministirri Muummeen duula injifannoodhaan dabaalamee deemaa jiru ilaachisuun, “Injifannoon Bahaafi Lixaatti argame giddugala biyyattiitti irra deebi’ama; oppireeshinii tibbana taasifameen dabalataan magaalonni humna shororkeessaa TPLFn qabaman bilisa ba’u. Diinni diigameera, bittinnaa’eera. Filannoon diinni qabu meeshaa harka jiru wajjin harkasaa kennachuudha” jedhan.
Kanaaf waraanni adeemsifamaa jiru kun irra aanamee hogganaan biyyaafi duulichaa akkasumas RIBn akka mirgaan galaniif hunduu bakka jirutti deggarsasaafi hirmaannaasaa baramaa cimsee ittifufuu qaba.
BARIISAA SANBATAA Sadaasa 25 Bara 2014