Biyya keenya, Itoophiyaa ammaan tana hoggansa dhala Oromoo keessaa bahe, Ministira Muummee Doktar Abiyyi Ahmadiin geggeeffamaa jiru, waan toora misoomaa, araara, jaalala, tokkummaa walqixxummaarratti hundaa’eefi kkf qabattee arreedaa jirtuuf alaa keessaa qormaanni ittihammaateera.
Keessumaa dhiibbaan Ameerikaa dabalatee biyyoonni lixaa tokko tokko hariiroo gaarii kanaan dura Itoophiyaa wajjin qabaachaa turan maddiitti dhiisuun ejjennoon ammaan tana tarkaanfachiisaa jiran lammiilee Itoophiyaa bira darbee ajandaa ummatoota ardii addunyaa maraa ta’eera.
Dhaadannoo dhiibbaa kana qolachuufi mormuuf bocame, ‘#NOMORE’/ #NIGA’A jedhamuun sochii cimaan biyya keessaa hanga alaatti haala ardiilee hundatti nama jechisiisuun qindoomina daran ajaa’ibsiisaa ta’een adeemsifamaa jira.
Sosochii mormii kanaan ergaawwan onnachiisoon “Itoophiyaanonni seenaasaanii keessatti dhiibbaaf birmadummaasaanii kennanii hinbeekan, otoon arguu biyyi koo dhiibbaa warreen lixaatiin hindiigamtu” jedhanfaan darbaa turaniiru.
Duula mormii ‘#NOMORE’/ #NIGA’A Itoophiyaa keessaa ka’ee Afrikaa keessa labee addunyaa waliin ga’aa jiru akkasumas bu’aa gaariin irraa argamaa jiraachuun Ministeera Dhimma Alaa Itoophiyaatiin himameef kanarratti dippilomaatonni, artistoonni, rogeessitoonni, atileetonni walumaagalatti namoonni bebbeekamoon dhugaa Itoophiyaa hubataniifi dhiibbaa guddaa uumuu danda’an dammaqinaan qooda fudhachaa jiru.
Egaa adeemsa duula dhaadannoo ‘#NOMORE’/ #NIGA’A keessumaa akkuma ummatoonni gurraachi miira, “Funyaan rukutamu ijji bo’aatiin” dhimma Itoophiyaa akka kansaaniitti fudhatanii dhiibbaa taasifamu kamuu sagalee tokkoon balaaleffachaa jiran lammiileen biyya keessaas haaluma eegalaniin yeroo kamuurra tokkummaasaanii cimsanii ijaarsaafi nageenya biyyasaaniitiif tattaafachuu qabu. Eeyyee dhugaadha, dhiibbaan kamuu #NIGA’A!
BARIISAA SANBATAA Sadaasa 25 Bara 2014