Guyyaan borii kan abbaa har’a ittiqophaa’eeti

Yeroo tokko qurxummii sadiitu bishaan keessa jiraatu. Inni jalqabaa maqaan isaa “Dursii Karoorsi” jedhama. Inni lammaffaa “Saffisaan Yaadi”, inni sadaffaan “Taa’ii Eegi” jedhama. Gaaf tokko akkuma kanaan duraa utuu bishaan daakanii oduu cimaa tokko dhagaa’an.

Guyyaa ittaanu namootni qurxummii qaban akka dhufan itti himan. Sadanuusaanii marii eegalan. Inni jalqabaa “Dursii Karoorsiin” jalqabarratti karoorasaa dhiyeeffate. Ani guyyaa borii gadi fagaadheen bishaan daaka jedha. Sababiinsaa kiyyoon warra qurxummii qabduu akka nabira hingeenyetti achin oola; waanan nyaadhus achumaan barbaaddadha jedhe.

Inni lammaffaan “Saffisaan Yaadiin” ani tarii yeroo namootni qurxummii qabuu dhufan argu ilaaleen waan na baasu faladha jedhe. Sababiinsaa har’a rakkoo hinqabu; tarii bor yoo rakkoon jiraate yeroos fala jedhee kanan yaadu filannoo mara nan fayyadama jedhe.

Inni sadaffaan “Taa’ii Ilaaliin” garuu isa gara fuula duraatti dhufuuf jiru yaaduuf amma yeroo hinqabu. Maaltu itti na dhiphisee? Waan ta’u boruma ilaalla jedhe. Oduun hinoolle akkuma jedhame guyyaa ittaanu ganama bariin namni qurxummii qabu dhufee kiyyoosaa darbachuu eegale.

“Dursii karoorsiin” duraan dursee akka karoorfatetti gara qiliillee bishaanichaa keessa seenuun kiyyoon darbatame utuu hinargatin akka karoora isaatiitti waan isa barbaachisu funaannachaa jireenyasaa ittifufe. Rakkoon warra kaanii kansaa miti.

Itti yaadee karoorfateera. Of qopheesseera. Rakkoo jiru adda baafateera. Akka itti rakkoo jirus injifatanii darbanis qopheeffateera. Haa ta’u iyyuu malee warri lamaanii sababa duraan dursanii hinqophoofneef kiyyoo namichaatiin qabaman.

Kiyyoo keessa ta’anii garuu, “Saffisaan Yaadiin” qurxummii du’aa of fakkeessaa kiyyoo keessa ciise. Namichi yeroo ilaalu du’aa itti fakkaatee darbatee bishaan keessa buuse. Inni dadhabaan, karooras hinqabne, haala jiru gadi fageessee ilaaluu hindandeenye garuu gabaatti ba’e.

Karoorri fuula duratti fageessanii ilaaluu, har’a irratti yaaduufi hojjechuudha. Namni fageessee hinkaroorfanne nama rakkoof saaxilamuuf qophaa’eera. Namootni hedduun “Yeroon itti mana ijaaraan utuu aduun jiruuti” jedhu. Yeroon itti karoorsan utuu yeroon hindarbin ta’uu qaba jechuudha. Isa kana itti yaaduun barbaachisaadha.

Karoorri ilmaan namootaa hundumaaf daran barbaachisaadha. Karoora malee jiraachuun akka mana pilaanii hinqabneeti. Qabeenyi keenya karoora barbaada; maatiin karoora barbaada; hojiin karoora barbaada. Namni jireenyasaa keessatti milkaa’uu fedhu yoo jiraate karoora sirrii qabaachuu, karoora kana ammoo hojiitti hiikuu danda’uu qaba.

Karoorri hojiitti hinhiikamne karoora dhabuu caalaa miidhaa geessisa. Karoorri hojiitti hinhiikamu yoo ta’e karoora qopheessuun barbaachisaa miti. Kan waajjiraas ta’e kan dhuunfaa keenyaa irratti gadi fageenyaan hojjechuun hojiirra oolchuun gaariidha.

Yeroo tokko leenjii geggeessitootaarratti namni tokko akkas jedhe. “Ani yeroo baay’ee waggaa haaraatti hojii addaa hojjechuuf karoorawwan gara garaan nan baafadha. Waan addaa hojjechuufis fedhii guddaan qaba ture. Garuu dhuma waggaarratti yeroon of qoradhu baay’ee na gaddisiisa. Karoorri koo akkan yaadeefi akkan akeekkadhetti utuu hinta’in faallaasaa ta’een arga. Kana qofa utuu hinta’in waajjira keessatti namoota karoora qopheessan keessaa ani isa tokko. Garuu waggaa tokkollee yaadadhee karoora koo sanaan geggeeffamee hojjedhee hinbeeku.

Kun anarrattis ta’e hojii koorratti dhiibbaa guddaa waan uumeef har’as taa’ee yeroon of ilaalu gaabbiitu anatti dhaga’ama. Garuu yeroo booddeetti deebisuun waan hindanda’amneef gufuun na rukute eessa akka inni jiru amma hubadheera. Har’a homaa tokkollee gochuu kanan hindandeenye utuun hinta’in, kufaatii koo kaleessaatiin daran akkan gargaaramuufi har’a murannoodhaan ka’uuf na gargaara” jedhe.

Egaa karoora qopheessuu qofti hojii ajaa’ibsiisaa hinhojjetu. Jijjiirama addaa jireenya keenyarratti hinfidu. Karoora qabnu sirriitti hojiitti hiikuun addaa addummaa akka fidnuuf nugargaara. Hojiifi jireenya keenya keessatti milkaa’ina akka argannuuf ga’ee guddaa qaba. Isa kanaaf ammoo namoota murtoo qaban ta’uun barbaachisaadha. Yoo nama karoora sirrii qabuuf murannoon ammoo karoora isaa hojiitti hiiku taane bor galaana guddaa keessaa abdiifi carraa namoota budduqfatan ta’uun keenya hinoolu.

Akka dhuunfaattis ta’e akka walootti karoora yeroo karoorsinu wantootni nuti dagachuu hinqabne yoo jiraate karoorri keenya tartiiba barbaachisummaatiin kan karoorfame ta’uu qaba. Inni kun hojii isa kamiin jalqaba akka hojjennu, isa kamiin immoo itti aansee akka hojjechuun barbaachisu sirriitti beekuudha. Keessumattuu geggeessitootni tokko tokko waanuma hunda yeroo tokkicha hojjechuu waan barbaadaniif, irraa jalaan akkaataa barbaachisummaafi waan hinhojjenneef hojiisaanii irratti miidhaa guddaa qabaata.

Namni kamuu yeroo tokko waanuma tokko duwwaa utuu hojjetee filatamaadha. Yeroo baay’ee geggeessitootni hojii ittigaafatamummaa isa kallattiidhaan hojjechaa jiranitti dabalanii koreewwan gara garaa keessatti dura taa’aa ta’uun utuu isaan hojjetanii argina.

Haa ta’u malee koree tokko keessatti iyyuu bu’aa qabeessa utuu hinta’in hafu. Hojiin akkasii akka dhuunfattis ta’e akka dhaabbataatti baay’ee rakkisaafi miidhaa danuu qaba. Irraas of eeggachuun gaariidha.

Akka geggeessaatti waanti guddaan beekuu qabnu hojii akka barbaachisummaafi ariifachiisummaasaatti adda baasuu danda’uudha. Baay’ee gargaara jennee kan itti amannu adda baafnee duraa duubaan keenyee irratti yoo hojjetne, raawwiisaas yoo hordofnee madaalaa deemne hojii keenya keessatti milkoomina ni arganna.

Waan dura ariitiidhaan hojjetamuu qabutti yeroo utuu hinkennin hojjechuu, kan tursuun nuu ta’u immoo tursuun barbaachisaadha. Dursa kennamuufii kan qabuuf dursa kenninee waan hojjetamuu qabu waan hojjennuuf bu’aa qabeessa taana.

Waan baay’ee walga’ii teenyeef, baay’ee waan hojjenneef, baay’ee waan fiigneefis bu’aaqabeessa ta’uu hindandeenyu. Garuu hojjechuun kan nuuf ta’u yeroosaatti hojjechuudhaan, akkasumas karoora gaarii qopheessuufi sirriittis raawwachuuf of qopheessuun gaariidha. Kanaaf isa baay’ee ariitiin xiyyeeffannaa barbaadurratti xiyyeeffachuu qabna.

Darbees karoora baafnee raawwiisaa sirriitti hordofuun gaariidha. Namoonni yoo waan hojjechuu fedhan hojjetan itti tola. Akka dhuunfaattis ta’e akka nama dhaabbata tokko geggeessuutti karoora qabnu hinhordofnu taanaan kasaaraa cimaadha. Isa kana gadi fageenyaan itti yaaduun gaariidha. Geggeessaa cimaan nama karoora baafate sirriitti hordofuun hojiitti geeddaru ta’uu hindagatin. Karoora hojiitti hingeeddartu taanaan hinkaroorsin.

Haa ta’u malee karoorri nuti baafannu si’a tokko tokko gufannaan qunnamuu nidanda’a. Keesumattuu karoora jijjiiramaaf baafannu ilaalchisee namoonni hunduu gammachuudhaan harka rukutatanii simatu jennee eeguun nu irra hinjiraatu. Gufuu karooraafi mul’ata keenya qunnaman injifannee darbuun ga’ee keenya.

Gufuu karooraa keessaa tokko gufuu ilaalchaati. Inni kun daran hamaadha. Akkaataa namootni itti dhaabbata keessa hojjetan ilaalan, hojiisaanii ilaalan, karoora jiru raawwachiisuuf fedhii isaan qaban, amala isaan calaqqisiisan, faffaca’iinsa oduu hamaafi kkf walumaagalatti ilaalchi namootni qaban miidhuus ta’e fooyyessuu nidanda’a.

Karoorri ba’e tokko akka bakka hingeenye kan taasisu maal akka ta’e adda baafachuun irratti hojjechuun barbaachisaadha. Yeroo tokko tokko akka karoorsinetti deemuu yeroo dadhabnu tarii abdii nu kutachiisuu mala ta’a.

Haa ta’u malee isa kana gadi fageenyaan irratti hojjechuun abdii kutannaaf harka kennuu jala miliquun ba’eessa. Gadi fageenyaan ilaaluun abdii utuu hinkutatin irra deebinee yaalii gochuun barbaachisaadha. Abdii kutannaan diina jijjiiramaati. Akka geggeessaatti gufuun kamuu yoo nu mudate humna ittiin bira darbuufi mo’achuu dandeenyu qabaachuun murteessaadha.

Karoorri keenya fiixee gaara dheeraa addunyaa kanaa, Everesti irra ejjechuu yoo ta’e onnee ittiin bira geenyu qabaachuun daran barbaachisaadha. Akka Hiilariifi Teensiingi Noorkey baay’ee dadhabsiisaafi nuffisiisaa kan fakkaatu, ol ba’uufis ulfaataa ta’us kan karoorsine raawwachuuf isa dadhabsiisaa fakkaatu sana raawwachuu dandeenya.

Yeroo tokko jeneraalli biyya Faransaay Naappooliyoon Boonaapaartii jedhamu biyyoota hedduu lolee mo’atee ture. Dhumarrattis jechi “hindanda’amu” jedhu akka kuusaa jechootaarraa haqamu dubbate. Sababiinsaa wanti hindanda’amne hinjiru jedhe. Garuu diinni guddaan irraa of eeggachuufi irratti hojjechuu qabnu yoo jiraate geggeessummaa keessatti qormaata nu mudateef yaalii barbaachisaa utuu hingodhin dafanii harka kennachuudha.

Jabinni geggeessaa tokkoo kan madaalamu rakkina keessatti jabina calaqqisiisuufi tarsiimoo sirriitti fayyadamee geggeessee darbuusaatiin ta’uun beekamaadha. Yeroo baay’ee geggeessitootni ciccimoonis ciminnisaanii kan mirkaneeffamu rakkoo jiru mo’atanii maniisaaniitti arreeduudhaan jijjiirama fiduudha.

Warqiin sibiilarraa kan adda ba’u yoo ibiddaan ilaalameedha. Yeroo karoorsinee jijjiiramaaf hojjennu yeroo baay’ee rakkoofi ceephoon kallattiidhaan nutti baay’achuu danda’a. Yeroo hunda sababa rakkinni jiruufi ceephoon baay’ata jechuus miti. Kana wallaaluusaanii irraan kan ka’e geggeessitootni dadhaboon yeroo rakkinaatti saba geggeessaa jiran sanaafi ittigaafatamummaa kennameef dhiisanii badu. Isa kana cimsinee nibeekna.

Walumaagalatti karoorri jireenya dhuunfaa keenyarraa ka’ee hanga sadarkaa biyyaafi addunyaatti barbaachisaadha. Karoora haa qabaannu. Namni karoora qabu qilleensaan oliifi gadi hinoofamu! Jireenyasaarratti dhiibbaa gaarii nama fiduu danda’u ta’a.

 Doktar Zarihun Gabree

BARIISAA SANBATAA Sadaasa 18/2014

Recommended For You