Deebii gootota ispoortii waamicha biyyaaf

Finfinnee: Gootonni kaleessa dirreewwan waraana nagayaarratti gootummaasaanii mirkaneessuun beekaman Atileet Hayilee Gabirasillaaseefi Fayyisaa Leellisaa amma ammoo waraana Wayyaanee gantuun Itoophiyaarratti banan qolachuuf fakkeenyummaa Ministira Muummee Doktar Abiyyi hordofuun gara adda waraanaa deemuuf qophaa’aa jiru.

Kumaalaa Hayileen “Waamicha minsitira muummichaa dabarsan hubadheera. Waanuma ta’u qabuudha. Waamichi kun kan Doktar Abiyyi qofa miti, waamicha Itoophiyaatti. Kanaafuu Itoophiyaanoonni kanneen biyya keenya ni jaalanna jennu martu waamicha kanaaf deebii kennu qabna. Anis deebii kanaaf hidhadhe ka’eera” jedhe.

Lammiin tokko biyyan qaba jechu kan danda’u yoo biyyisaa bilisummaa qabaatteedha kan jedhu atileetiin kun, miseensa Poolisii Federaalaa ta’uusaatiin waamichi kun akka lammiittis akka miseensa poolisiitti kan isa ilaallatu waan ta’eef durumaayyuu waamicha eeggachuu akka hinqabne dubbata.

Namonni baay’een Hayileen addunyaarratti nama beekamuudha naan jedhu. Eeyyeen dhugaadha. Haata’u malee “Ani addunyaarratti beekamuu kanin danda’e maqaa Itoophiyaatiini.

Qabeenyaafi maatii horachuu kanin danda’es waan Itoophiyaan jirtuufi. Itoophiyaan hinjirtu taanaan garuu beekamtii, qabeenyaafi maatiin hinjiran. Kanaafuu ana dura Itoophiyaan jiraachuu waan qabduuf gammachuudhaanin duula” jedha.

Eenyuyyuu taanaa nagaan bahe galuuf, qilleensa nagayaa keessa kan jiraatu yoo biyya qabaatte ta’uu eeree, duulli akka milkaa’uuf humna qabu maraan akka gumaacha taasisu himeera.

Atileet Fayyisaa Leellisaa, jijjiiramni biyyattiitti mul’ate kadhaadhaan osoo hintaane wareegama qeerroofi qarreen Oromoofi Itoophiyaa taasisanii kan argame waan ta’eef haalli sun akka hindeebine gochuuf ummanni martuu waamicha biyyaa fudhachun duuluu akka qabu ibsa. Innis akka lammi tokkotti waan irraa eegamu ba’achuuf gara adda waraanaatti duuluuf murteessuusaa ibsa.

Olompikii Riyoo bara 2016 biyyaa Biraazilitti gaggeeffamerratti diddaa garbummaa agarsiisuuf harkasa qaxxaamursuun rakkoo biyyattii addunyaatti kan mul’iseefi xiyyeeffannaa akka argatu kan taasise Atileet Fayyisaan, sababa sanaan biyyasaarraa baqatee jijjiirama kanaan biyyatti deebi’uusaa yaadata.

Kanaaf bilisummaaa qabsoo hadhaawaan dhufe kana kunuunsuun dhalootatti dabarsuuf ministira muummee Doktar Abiyyi cina hiriiruun gara adda waraanaa deemuun waan irraa eegamu ba’achuuf qophii ta’uu hima.

Tashoomaa Qadiidaatiin

BARIISAA SANBATAA Sadaasa 18/2014

Recommended For You