Biyyoota Afrikaa hanga ammaatti Waancaa Kubbaa Miilaa Addunyaarratti hirmaatan

Finfinnee: Walmorkiin Waancaa Kubbaa Miilaa Addunyaa akka qophaa’u yaanni isaa kan dhiyaate ALA bara 1920 Yaa’ii Olompikii 7fa Magaalaa Beeljiyeem, Antiweeroopitti adeemsifamerratti ta’usaa seenaan waancaa kubbaa miilaa addunyaa ni mul’isa.

Haata’u malee Waldaan Kubbaa Miilaa Addunyaa “FIFA”n walga’ii ALA bara 1929 Ispeen, Baarseloonaatti taasifateetti walmorkiin waancaa kubbaa miilaa Addunyaa akka adeemsifamu murtee dhumaa dabarse. Murtichis walmorkiin Waancaa Kubbaa Miilaa Addunyaa waggaa afuritti al tokko akka qophaa’u kan jedhuudha.

Waancaa kubbaa miilaa Addunyaa jalqabaa kana qopheesuufis Xaaliyaan, Neezarlaandi, Haangaarii, Siwiidiin, Ispeeniifi Uraaguwaay kaadhimamummaan dhiyaatan.

Yeroo sana biyyi waancaa kana qopheesu baasii barbaachisaa biyyoota hirmaatan maratu danda’a waliigaltee jedhutu ture. Haata’u malee yeroo san biyyoonni waancicha qopheessuf kaadhimaman dinagdeedhaan dadhabdoota waan turaniif fedhii isaaniitiin yaada isaanii geedaran.

Dhumarratti Uraaguwaay ALA bara 1924fi 1928 Olompiikota adeemsifamanitti walitti aansuudhaan waancaa kubbaa miilaa Olompikii waan fudhatteef, akkasumas ALA bara 1930 waggaa 100fa bilisumaashee waan kabajduuf carraan qopheesusmmaa isheef kenname. Wanti nama ajaa’ibsiisu biyyoota qopheesummaaf kaadhimaman keessaa Uraaguwaayiin alatti hundisaanii carraa hirmmaannaa hin arganne.

ALA bara 1930 Waancaa Kubbaa Miilaa Addunyaa isa jalqabaa magaalaa guddoo Uraaguwaayi, Montividotti adeemsifamerratti biyyoonni 13 kan hirmaatan yoo ta’u, isaanis qopheessituu waancaa Uraaguwaay, Arjeentiinaa, Biraaziil, Peeru, Chiilii, Paaraaguway, Boliviyaa, Meeksiiko, Ameerikaa, Yugoozilaaviyaa, Rumaaniyaa, Faransaayiifi Beeljiyem fa’i.

Biyyoonni hirmaatonni walmorkii jalqabaa ramaddii afuritti adda qoodamuudhaan tapha gulaala duraa qabxiidhaan kan gageeffatan. Ramaddii saaniirraa qabxii gaarii kanneen argatan Uraaguwaayi, Arjeentiinaa, Ameerikaafi Yugozilaaviyaan tapha walakkaa maahessaaf dhihaachuudhaan Uraaguwaayi Yugoozilaaviyaa, Arjeentiinaan ammoo Ameerikaa haala wal fakaatuun 6-1n mo’achuudhaan tapha waancaaf dhiyaatan.

Walmorkii waancaaf adeemsifametti Uraaguwaayi Arjeentiinaa 4-2n mo’achuudhaan waancaa kubbaa miilaa addunyaa seena qabeesaa jalqabaa kana qopheesuudhaans, mo’a’attee fudhachuudhaan biyyaa duraa taate.

Uraaguwaayi Waancaa Kubbaa Miilaa Addunyaa kana fudhachuu kan dandeesse walmorkiiwwan irratti hirmaatterratti Peeru 1-0n, Rumaaniyaa 4-0n, Yugozilaaviyaa 6-1n, Arjeentiinaa 4-2n mo’achuudhaani.

Walmorkii Waancaa Kubbaa Miilaa Addunyaa kanatti Isteebilaa kan jedhamu lammiin Arjeentiinaa galchota 8 lakobsisuudhaan taphataa beekamaa “FIFA” jedhamuudhaan badhaasa addaa argateera.

Walmorkiin kun erga jalqabamee waggoota 92 lakkobsiseera. Waggoota kanneen keessatti yeroo 23faf qophaa’uun osoo isarra jiruu sababii waraana Addunyaa lammaffaatiin bara 1944fi 1948 addaan citee yeroo 21f adeemsifameera. Miseensota Waldaa Kubbaa Miilaa Addunyaa 208 keessaa 82 qofatu hirmaate.

Waancaan kubbaa miilaa Addunyaa kun Ardiiwwan adda addaatti qophaa’uuf carraa kan argate yoo ta’u, Awuroppaatti al 11f, Ameerikaa Kibbaatti al shaniif ,Ameerikaa Giddu Galeessatti yeroo sadiif, Isiyaafi Afrikaatti ammoo yeroo tokko tokko qophaa’eera.

Walmorkii kanarratti Awuroppaarraa biyyoonni 33 kan hirmaatan yoo ta’u, waancaa kan fudhatan biyyoota shan qofa. Isaanis, Xaaliyaanifi Jarman yeroo afur afur, Faransaayi al lama, Ispeenifi Ingilizi ammoo al tokko tokko fudhataniiru.

Ardii Ameerikaa Kibbaarraa biyyoonni 11 hirmaataniiru. Biraaziil waancaawwan hundarratuu hirmaateetti. Hirmaannaa kanneen keessa yeroo lama wal morkii keesumeessiteetti. Al torba tapha waancaaf dhiyachuudhaan shanitti shaampiyoona ta’uun waancaa tokko kan dhunfaa godhateetti. Al lama sadarkkaa lammaffaa, yeroo sadiitti ammoo sadaffaa yoo taatu, tokkotti arfaffaa ta’uu dandeesseetti. Arjentiinaafi Uraaguwaayis yeroo lama lama waancica fudhataniiru.

Isiyaa irraa biyyoonni 15, Afrikaarraa 13, Ameerikaa Giddu Galeessaarraa biyyoonni 11 hirmaataniiru. Isaan keesaa biyyi tokkolee waancaa fudhatee hinbeektu.

Biyyoota Afrikaarraa 54 keessaa Waancaa Kubbaa Miilaa Addunyaa kanarratti hirmaachuf carraa kan argatan biyyoota 13 yoo ta’an, isaanis Kaameeruun, Naayijeeriyaa, Aljeeriyaa, Gaanaa, Misira, Morookoo, Tuniziyaa, Afrikaa Kibbaa, Kotidivaar, Seeneegaal, Toogoo, Angoolaafi Zaayer.

Biyyoota kanneen keessaa Kaameeruuniifi Naayijeeriyaan al ja’a ja’aa, Tuniziyaafi Morookoon yeroo shan shan, Aljeeriyaan si’a afur, Afrikaan Kibbaafi Gaanaan yeroo sadi sadi, Seeneegaalifi Kotidivaar al lama lama, Zaayeri, Togofi Angolaan al tokko tokko hirmaataniiru.

Biyyoota Afrikaa kanneen keessaa Waancaa Kubbaa Miilaa Addunyaa kanarratti Afrikaa bakka bu’uudhaan yeroo jalqabaaf kan hirmaatte Misira. Inis waancaa lamaffaa ALA bara 1934 Xaaliyaan qopheessiterratti ture.

Waancaan kun barana Waxabajii bara 2022 yeroo 22faf Ardii Isiyaa Kuwaataaritti gageefama jedhameetu eggama. Qopheessituun waancichaa Kuwaataariin dabalatee biyyoonni 32 ramaddii saddeetitti qodamuudhaan ji’a tokkoof kan walfalman ta’a.

Biyyoonni miseensota Waldaa Kubbaa Miilaa Addunyaas walmorkii waancaa kanarratti hirmaachuuf Ardiisaaniirraatti taphawwan gulaalaa adeemsifachaa jiru. Afrikaa bakka bu’uuf biyyoonni 40n hirmaachaa turans Itoophiyaa dabalate biyyoonni 30n sadarkaa sadarkaadhaan harca’uudhan kudhan qoftti hafaniiru.

Biyyonnu kurnan hafan Aljeeriyaa, Tuniziyaa, Naayijeeriyaa, Kotidivaar, Maalii, Misira, Gaanaa, Seeneegaal, Morookoofi Rippaabiliika Dimokiraatawaa Kongoodha.

Biyyonni kunneen tapha mo’anii darbuu godhachuudhaan mo’attoonni shanan Afrikaa bakka bu’uudhaan Waancaa Kubbaa Miilaa Addunyaa 22fa barana adeemsifamuuf jedhurratti kan hirmaatan ta’u.

Tashoomaa Qadiidaatiin

BARIISAA SANBATAA Sadaasa 11/2014

Recommended For You