“Tokkummaa ummataatiin awwaala Juuntaa gadi fageessina” – Jiraattota Magaalaa Amboo

Dandeettii keessoo keenyaafi misooma keenya cimsaachuun diinota keessaafi alaa injifachuun murteessaadha jedhan jiraattonni magaalaa Amboo.

Biyyi keenya yeroo waraana humni juuntaafi Shaneen biyyarratti bananiifi humnoonni alaa tokko tokkos ifatti murnoota kanneen waliin dhaabbachuun dhiibbaa gochaa jiru. Hidha Haaromsa Itoophiyaa guddichaa danquufis yaaliin taasifamaa jiru guddaadha.

“Nutis kana qoolachuuf tokkummaa keessoo keenyaafi bakkuma jirruu waan irra jirurratti kallattii saayinsaawaadhaan cimnee hojjechuun humnoota badii kanneen barbaadeessuu waan qabnuuf kallattiilee dandeenyu hundaan Raayyaa Ittisa Biyyaa (RIB) keenya ofii du’ee ummatasaafi alaabaa biyyasaa ol kaasuuf wareegamaa jiru bira dhaabbachuu qabna” jechuun ibsu jiraattonni magaalitti.

Itoophiyaan biyya sabaafi sablamoonni aadaa, afaan, seenaa, amantiifi duudhaalee garagaraa qabdu ta’ushee eeranii, akkuma dur garagummaan keenya miidhagina keenya jechuun waldanda’uu, walkabajuun waliin jiraachaa turan ammas caalaatti itti fufsiisuun diinonni isaanii kan waloo ta’uu baranii waliin ta’uun diinotasaanii qolachuufi qaanessuu akka qabanis ni ibsu.

Erga waantota kanneen raawwatanii booda Itoophiyaa har’as ta’ee dur injifatamuus ta’ee injifatamtee hinbeeknee ta’uufi abjuun diinotashees soba ta’uu qabatamaan yeroo dhiyootti itti agarsiisuun badhaadhina maatiifi biyyaa fiduu akka qabanis kaasaniiru.

Diinonni Itoophiyaa alaafi keessa ta’anii juuntaa waggoota 27 guutuu Oromiyaa akkasumas biyyattii irraa qabeenyarra darbee dhiiga ijoollee Itoophiyaa dhugaa tureefi yeroo ammaa isaa dheebotee foolachaa jiru yoomiyuu kan ofitti hindeebifneefi tokkummaa ummataatiin awwaalasaanii gadi fageessuuf kan duulan ta’us dubbatu.

“Juuntaan garajabeessa saba isaafiiyuu hintaane, ummata biraaf ni ta’a jedhanii warri abjootan namoota sammuunsaanii hindalagneefi warra garaasaanii qofaaf yaadaniidha. Ummannis yoomiyuu caalaa gurmaa’uun naannawasaafi biyyasaa eeggachuu qaba” jechuun abbootiin Gadaafi jaarsoliin biyya magaalaa Amboo dhaamaniiru.

Garafuuldurattis misooma biyyaafi hidha guddicha Itoophiyaa deeggaruu, ittifufsisuun nageenya naannoofi biyyattiif yoomiyyuu caalaa akka tumsanis ibsaniiru.

“Juuntaan waggoota 27 guutuu sabafi sablamoota biyyitti walitti buusuun umurii aangoosaa dheereffachaa tureera. Fincila qeerroofi qarreen biyyattii bakka garaagaraarratti dhiigasaanii dhangalaasuun harka qullaa qawwee fuuldura dhaabbachuun ari’anii Maqaleetti galchan ummanni keenya saamamuufi dhiitamuurraa aara galfatee ture” jedhu.

Hata’uu malee saamanii nyaachuu, qabeenya tokko itti dadhabeefi ta’anii irratti bashannanuu waan baraniif obsa isaan dhowwee biyya ani hin bulchineefi ummanni anaaf hinbitamnee jiraachuu hinqabuu jechuun RIB irratti waraana banuun duguuggaa sanyii taasisasaaniis ni himu.

Warqinash Ajjamaa, Waajjira Dhimmoota Kominikeeshinii Godina Shawaa Lixaarraa

BARIISAA SANBATAA Sadaasa 11/2014

Recommended For You