Macaafa qulqulluu Seera Uumaamaa 38: 8 – 10 “Yihuudaan yemmus Onaaiin, “gara haadha manaa obbooleessa keetii dhaqi barcuma isaa qajeelchi obbolleessa keefis sanyii kaasi!” jedhe. Onaan garuu sanyiin kan isaati akka hinjedhamne waan beekuuf obboleessa isaa sanyii malee hambisuudhaaf, yeroo haadha manaa obboleessa isaa bira ga’u, isa sanyii ta’u sana lafatti naqee in balleessa ture. Wanti inni hojjete kun Waaqayyo duratti jal’aa ta’ee argame, kanaaf Waaqayyoo immoo akka du’u godhe.
Yeroo baay’ee namoonni dubartoota qofatu ulfa ta’a jedhanii waan amananiif gochi ulfa baasuu dubartoota qofaan kan raawwatu se’u.“Bitaanis ta’u mirgaan walga’iin kooraadhuma” akka jedhamu gochi ulfa baasuu nama gara fuulduraatti dhalatee guddatu karaatti hambisuu waan ta’eef dhiirris itti gaafatamummaa ulfa baasuu jalaa bahuu hindanda’u. Sababiin isaas dhalli namaa kan dhalatu ykn uumamu yoo dhiiraafi dhalaan walquunnamtii saalaa geggeessuun sanyiin kormaafi hanqaaquun walfudhatanii gadameessa keessatti fertilaayizeeshinii uumame qofa.
Erga ulfa baasuun nama dhalatee guddatu karaatti hambisuu ta’ee karaalee (tooftaawwan) dubartii qofti osoo hintaane karaa itti dhiirris ulfa baasu dhoksaan ni mul’atu. Isaan keessaas: Sanyii kormaa alatti dhangaasu (yeroo saalquunnamtii geggeessan bakkeetti dhangalaasuu), koondomii fayyadamuufi of maseensuu dhiiraa fa’i.
Kutaa Macaafa qulqulluu seera Uumama 38:10 irratti yeroo ilaallu Waaqayyo gochoota akkasii kana jal’inatti (cubbuutti) lakkaa’uu isaa argina. Kanaaafuu gochi kun gaariimoo gaarii miti, cubbuu moo cubbuu miti yaadonni jedhan ijoo falmii ta’anii argamu. Dubbiin kun baay’ee yaachisaa waan ta’eef hundi keenyayyuu i t t i g a a f a t a m u m m a a nama gara fuulduraatti guddachuu qabu dursinee hudhaatti hambisuun ceephoo yaadaa jala jirra.
Walumaagalatti dhimmi ulfa baasuu waan qabatamaatti hawaasa keessatti mul’atuudha. Kanaafuu ceephoowwan akkanaa yeroo nu quunnaman dubartii qofa osoo hintaane dhiirri illee itti gaafatamummaa ulfa baasuun qabu irraa fagoo akka hin taane beekuu (hubachuu) qabna.
Faallaa yaada kanaa immoo beektonni (filoosooferoonni) kan kaa’an jira. Isaan keessaas Juudiz Jaarviiz Thoomson (Judith Jarvith Thomson) akka jettutti yoo ta’e, ulfa baasuun karaalee mirga dhuunfaa, hiikoo dhala namaafi akkaataa/ haalli gochichi itti raawwatu walbira qabuun sirrii ta’uu isaa lafa keessi.
Ijoo dubbii akkanaa (ulfa baasuu) mari’achuun kan barbaachiseefis namoonni baay’een gocha kanaan kan miidhaman waan jiraniif yaada kana isiniif qooduun gaarii ta’ee natti argame. Sababni isaas:
- Shamarran yeroo akka tasaa ulfa ta’an miidhaa ulfa baasuun qabu osoo hin hubatin ariifatanii gocha kana kan raawwatanii fi lubbuu (mucaa) bor guddatu karaatti waan hambisanif;
- Yakka ajjechaa namaatiin waan himatamaniif;
- Hawaasa keessatti loogiin xiin-sammuu fi safuu adda addaan waan qeeqamaniif;
- Karoora malee ulfaa’uun kan du’a oolan yoo ta’ellee carraan isaan hiyyummaa keessatti kufuuf qaban bal’aa waan ta’eefi;
- Dhukkuboota adda addaaf waan saaxilamaniif;
- Darbee darbee gocha ‘of-ajjeesuu’ akka tasaa yaalan waan jiruuf;
Qorichoonni maloota ulfaittisuu nam-tolchee maseenummaaf waan isaan saaxilaniif fi k.k.f.dha.
Dimshaasha yaada furmaata dubbichaa
Ulfa baasuun haalota hin yaadamin keessatti baay’inaan waan nama mudatuuf furmaata jennee waan yaannu walbarsiisuun dirqama hunda keenyaati. Kunis dubartoonni ulfa kan ta’an erga dhiiraa wajjin walquunnamtii saalaa raawwatanii waan ta’eef dubartoota qofa osoo hintaane dhiirris furmaata ta’a jedhee waan yaadu hojiitti hiikuun dirqama filannoo hin qabneedha.
Maaliif yoo jenne jaallannus jibbinus shamarran dhiiraaf waan sadii tahuu danda’u. Isaan kunneenis: haadha, obboleettiifi niitii (haadha-manaati). Jireenyi dhiiraas dubartiin ykn shamarran bira hinjiran yoo tahe kan bareedu natti hinfakkaatu. Miidhamuun haadhaa, obboleettiifi haadha warraa ofii hammam kan nama miidhu erga ta’ee namni hundumtuu (shamarranis ta’e dhiirri) taatee ulfa-baasuu itti yaaduudhaan mucaan dhalatu (fiitasiin) fuuldurri isaa maal ta’a jechuun xiyyeeffannaa guddaan ilaaluu nu gaafata.
Kanaafuu, yaadni Juudiz Jaarviz Thoomson kennite faallaa ilma namaa gara fuulduraatti guddatee nama tahuuti waan taheef adaraa hundi keessan akkafeetummaa akkanaa irraa haa deebinuun ergaa koo isa dhumaati.
Barreessaan Lalisaa Daani’eel: Yunivarsitii Dambi Dollootti, Barsiisaa Kollejii Saayinsii Hawaasummaafi namummaa Muummee Siiviksiifi Qorannaa Amala Gaarii (Xiinsafuu)
Email: lalisa.daniel10@gmail.com
Gaazexaa Bariisaa SANBATAA Sadaasa 4/2014