Dhugaan mi’aadha; Piroopogaandaan rakasa (Stokes)

Yeroo hedduu addumaan yeroo waraanni jiru jecha piropogaandaa jedhu yeroo dhageenyu jecha haaraafi hammayyaa nutti fakkaata. Biyyoottan akka Ameerikaatti jechi kun kan fayyadamuu eegale bara waraanni addunyaa tokkooffaan eegale bara 1914 akka ta’e beekamaadha. Haa ta’u iyyuu malee jechi kun isa dura iyyuu yaadaafi ilaalcha namootaa gurmeessuuf yaaliin godhamu piropogaandaa jedhamee akka beekamu dubbatama.

Isa booda biyyoottan akka Girikii akka har’aatti yoo meeshaalee sabqunnamtii garagaraa dhaban illee haalottan garagaraatti fayyadamuun ilaalchaafi yaada namaa bocaa turan. Bakka garagaraatti fakkeenyaaf kanneen akka dirree taphaaa, agarsiisa addaaddaa, yaa’ii garagaraa, ayyaana garagaraafi kkf. piropogaandaaf carraa guddaa kenneeraaf. Kanaaf warri Girikii diraamaa garagaraa siyaasaaf, haala hawaasummaafi haala jireenyaarratti akka barsiisa kennuuf itti fayyadamaa turan. Egaa manni maxxansaa, barreeffamni garagaraa, akka har’aatti hinjiru yoo ta’e illee Giriikotni ilaalcha namoota to’achuufi bocuuf piropogaandaatti fayyadamu turan.

Jaarraa kudha ja’affaa keessas hawaasni piropogaandaa akka fayyadamaa ture seenaan ni addeessa. Bara 1588 keessa mootiin Ispeen Philip II namni jedhamuufi mootiin Ingiliz giiftiin Elzaabet bifa hammayyaa ta’een piropogaandaatti akka fayyadaman seenaan ni addeessa. Yeroo tokko keessumatti ‘Sir Walter Raleigh’ namni biyya Inglizii keessatti bakka guddaa qabu waa’ee piropogaandaa biyya Ispeeniin tamsa’ee tokko irratti akka daran gadde dubbatama. Kun hunduu haa jiraatu malee jecha piropogaandaa jedhu sirriitti kan fayyadamuu eegalan warra Awuroophaati. Isaaniin sochii misiyoonummaa wajjin kan wal qabate akka ta’e agarra. Har’as innni kun jira. Dhalootni har’aa oduu hedduun marfamneera. Miidiyaaleen garagaraa ilaalcha keenyarratti miidhaa hamaa fidanii dhufu. Yoo gadi fageenyaan itti yaadne malee inni kun salphaa miti. Raadiyoon, televizyoonni, gaazexaan garagaraa, interneetiin fayyadamnu akkaataa itti yaadnuufi itti ilaallu irratti dhiibbaa mataasaanii fiduun amala keenya geeddaru.

Haa ta’u iyyuu malee ganna dhibba tokko dura akkaataa itti namoota irratti dhiibbaa hamaa fidaa ture har’as dhiibbaa hamaa nurratti fiduu hinqabu. Murtoon keenya murtoo beekumsa irratti hundaa’e malee haasaafi olola namaa qofa irratti ta’uu hinqabu. Kanaaf wantoota namootni ykn gaazexessitootni dabarsan qofaan unkuramuu hinqabnu. Isa kana dhalootni keenya har’a gadi fageenyaan beekuu qabu. Keessumatti piropogaandaa hamaan dhaloota humna buusuun mo’amuuf akka isaan saaxilu kaleessas ta’e har’a addunyaa keenya irratti agarreerra.

Piropogaandaan beekumsa irratti hundoofnee hinto’annu taanaan miidhaa nurraan ga’uu danda’a. Seexaa (moral) nuti waan tokkoof qabnu ajjeesa. Diinni nama mo’uufis ta’e diina ofii mo’achuuf seexaan (moral) baay’ee barbaachisaadha. Diina keenya injifachuuf seexaa isaa kuffisuun (bring his moral down) barbaachisaadha. Inni kun akka ummatni diina deggeran akka isaan dandeettii geggeessaa isaanii shakkan taasisuun irraa jalaan tumsa isaan godhaniif irra kutuudha. Akka hordoftootni diinaa sun waa’ee dhaabbata hordofanii kanaa shakkan, akka inni kufu akka amananii cina dhaabachuu dhiisan taasisuudha.

Namni ykn dhaabbanni ykn mootummaan tokko loliisa keessa yeroo seenu tarii akka inni lolee hinmo’anne, dandeettii lolanii mo’uu akka hinqabne yoo shakkan gargaarsa godhan dhaabu. Inni kun gama kan biraan isa irratti piropogaandaa/olola geggeessaa jiruuf humna cimaa ta’a. Hawaasa tumsuufi mootummaa addaan baasuun diinaaf daran gaariidha. Kanaaf dandeettii geggeessaa tokko akka hawaasni shakku taasisuun kaayyoo diinaa isa cimaadha. Sababiin isaa namootni lolaa jiranis ta’e hawaasni loliisa keessa jiran sana nimo’amna jedhanii gara amanuutti dhufu.

Akkuma arginu yeroo loliisni tokko jiru oduu danuu dhagaa’aa oolla. Kaayyoon oduu kanaas uummata shakkii itii naquun dhaabbatas ta’e mootummaa loliisa keessa jiru irraa adda baasuudha. Seexaan loltootaa yoo gadi bu’e loliisni walakkaan dhumeera jechuudha.

Loliisa keessatti karaa biraa diina ofii sirriitti beekuun, ofis beekuun barbaachisaadha. Isa kana keessatti yeroo hundumaa wanti dagatamuu hinqabne yoo jiraate loliisa keessatti waan hundumaa akka diinni keenya beeku gochuun balaa guddaadha. Inni kun akka diinni tarsiimoo ba’e fashalsiisu gochuuf karaa bana. Inni guddaan raayyaan ittisa biyya tokkoo loliisa keessa jiru yeroo hundumaa tarsiimoo tokko qofaan socho’a jechuu miti. Akkas taanaan miidhama guddaadha. Yeroo hundumaa tarsiimoo garagaraa qabaachuun barbaachisaadha.

Yoo tarsiimoon lolaa tokko milkaa’uu dide kan biraatti fayyadamuun nidandaa’ama. Kanaaf tarsiimoo garagaraa qabaachuun barbaachisaadha. Darbees baay’ee dubbachuurraa of qoqqobbachuun barbaachisaadha. Yeroo dubbannus of eeggachuun gaariidha. Dhoksaa qabnus gadi baafnee mul’isuu irraa of qoqqobbachuun ba’eessa. Sababnisaa wal’aansoo jiru mo’uuf yaalii gochuu irra dhoksaa diinni bira ga’e sanatti dhiphachuufi isa eeggachuu irratti yeroon keenya danuun darbuu danda’a. Egaa daandiin ittiin diina naasisanii namootni daandii kan biraan akka yaadaan taasisuun piropogaandaa jedhama.

Piropogaandaan waa’ee diinaa oduu cimaa dhageessisuun hawaasa raasuudha. Kanneen kana fakkaatan kanaan dura biyya keenya keessatti namoota addaddaan raawwatameera. Namootni waa’ee diinota isaanii ol kaasanii odeessuun akka hawaasni raafamee bitaatta’u taasisuudha. Inni kun ammoo gama humna waraanaan, dinagdeen, siyaasaan kaayyoo waan tokkoof jecha fayyadamuun sammuufi miira namaa irratti hojjechuun ilaalcha namaa irratti jijjiirama fiduuf meeshaalee sabqunnamtii wiixineeffaman bifa qindaa’aa ta’een fayyadamuudha. Egaa piropogaandaan yaada qaban tokko namoota irratti ykn gartuu tokkotti fe’uudha.

Karaa biraas piropogaandaan yeroo lolaatti nifayyada. Yeroo yaadni namootaa addadda ta’u, yaada namoota hundumaa gara yaada tokkootti fiduuf nigargaara. Piropogaandaan ilaalcha alta’umsa namootni qaban keessaa baasuun namootni tokkummaan akka wal’aansoo jiru gargaaran taasisa. Loliisa keessatti piropogaandaan gartuun tokko akka gartuun kan biraa nama ta’e akka irraanfatan humna taasisuu danda’uu qaba. Namootni dhugaa waan hintaanerratti akka ijaaraman taasisuu danda’a. Keessumaa akka biyya keenyaatti wanti nama gaddisiisu yoo jiraate namootni garagaraa miidiyaa hawaasummaatti fayyadaman kan isaan tamsaasan gadi fageenyaan utuu hinqoratiin, seccaa’anii utuu hinilaalin akkuma jirutti fudhachuun namoota wallaalummaanis ta’e utuu beekanii namoota dogongorsaniif nyaata ta’aniiru; ta’aas jiru. Qorichi isa kanaa barnoota. Qorichi isaa waan dhagaa’an akka dhugaatti utuu hinsimatiin dura gadi fageessanii yaaduu gaafata. Haala dhagaa’an utuu hinqoratiin dabarsuirraa of qusachuu gaafata.

Isa kanaaf ammoo qaamni dhimmi isaa ilaallatu, keessumatti mootummaan saba geggeessu seexaasaa jabeessuu gaafata. Humna waraanaasaa seexaasaanii ijaaruu barbaada. Isaan kun diina raasanii kan jilbeeffachiisaniidha. Duraan dursee garuu namoota seexaa qaban ta’uutu irra jiraata. Akka beekamu piropogaandaan qaama waraanaati. Namootni isa kanarratti hojjetanis qaama waraana kanaati jechuun nidandaa’ama. Piropogaandaan hiikkaa alta’umsaa yoo qabaate illee namootni hedduun faayidaa isaatti ni amanu. Muummichi ministeeraa biyya Ingilizii ‘Winston Churchill’ jedhaman yeroo loliisa addunyaa isa lammaffaa biyyi Ingilizii gara dhumaatti erga mo’amuuf dhiyaattee booda dargaggoota sochoosuun injifannoon akka dhufu kan taasisan waa’ee piropogaandaa ilaalchisee yeroo dubbatan “Yeroo loliisaatti dhugaan gatiin ishee baay’ee mi’aa waan ta’eef sobaan marfamuu qabdi” jedhu. Egaa yeroo loliisni jiru dhugaafi soba adda baafachuu, raafamuu, jeeqamuufi kkf. irraa of qoqqobbachuun tasgabbaa’uun daran murteessaadha.

Darbees diina injifachuuf yerootii gara yerootti haala oggantummaa jiru itti siqeenyaan ilaalaa deemuun, sakatta’uun bakka barbaachisetti fooyyessuun barbaachisaadha. Inni kun lafa dadhabbii keenyaa sirriitti hubachuun utuu yeroo hindarbiin akka of fooyyeessaa deemnuuf baay’ee nugargaara. Burqaalee jiran irraa yaada dhiyaatan mara fudhachuun of fooyyessuun, oggansa jiru fooyyessuun barbaachisaadha. Odeeffannoo jiru irratti hundaa’uun tarsiimoo keenyas jijjiiruun yoo barbaachise jijjiiruu qabna. Cimina qabnu irratti xiyyeeffachuun dadhabina diina keenya irratti yaaduufi tarkaanfii fudhachuu daran barbaachisaadha. Qaawwa diinni qabutti fayyadamuun balleessuun murteessaadha. Ofitti amanamummaa cimaa qabaachuun gaarii yoo ta’e illee hanga barbaachisuu olitti ofitti amanachuun garuu barbaachisaa miti.

Diina keenya hanga barbaachisuu gadittis ilaaluunis miidhaa qaba. Yoo diinni keenya cimina qabaate illee tarsiimoo sirriitti fayyadamuun gara nu loluu irraa (offensive) gara of irraa ittisuutti ceesisaa deemuun dhumarratti injifachuun barbaachisaadha. Inni kun garuu tarsiimoo sirrii gaafata. Ogganaa sirrii gaafata. Namootni yeroo dubbatan “Hilleettii danuun leencaan geggeeffamtu leenca danuu helleettiin geggeeffamtu caala” jedhu mitiiree. Oggansi maal fakkaata? Tarsiimoon jiru maal fakkaataa? Odeeffannoon maal fakkaataa?…isaan kun daran murteessoodha.

“Cimina qabnu irratti xiyyeeffachuun dadhabina diina keenya irratti yaaduun tarkaanfii fudhachuu gaafata…Ofitti amanamummaa cimaa qabaachuun barbaachisaadha. Hanga barbaachisuu olitti ofitti amanachuun garuu barbaachisaa miti. Diina kee hanga barbaachisuu gadittis ilaaluun gaarii miti.”

 Doktar Zarihun Gabree

Gaazexaa Bariisaa SANBATAA Sadaasa 4/2014

Recommended For You