Amboofi misoomashee waljala darban

Oromiyaa, Godina Shawaa Lixaatti Finfinneerraa kiiloo meetra 114 fagaattee kan argamtu Magaalaan Amboo, baldhinni lafashee heekitaara kuma 8fi 578 ta’uu ragaaleen ni mul’isu. Gandoota jaha kan qabdu magaalaattiin, ummata kuma 122 olitti shalagamutu keessa jiraata.

Magaalota Itoophiyaa umrii dheeraa qaban keessaa takka kan jedhamtu magaalaan Amboo, jaarraa 19fa keessa bara 1881 hundaa’uushees seenaan ishee ragaa kan bahu. Magaalaan tun umrii dheeraa lakkoofsistus guddinnishee garuu sababa dhiibbaa sirnoota darbaniifi rakkoo bulchiinsa gaariitiin daran duubatti harkifataadha.

 Ummanni magaalattii sabummaa, gosummaafi amanatiidhaan osoo adda hinqoodamiin misooma magaalittiifi naannoosheef yeroo dheeraa qabsaa’aa waan tureef, dhiibbaa guddaan irra gahaa turuusaadha, jiraattonnishee kan dubbatan. Obbo Shaasamaa Shaangee jiraataa magaalaa Amboo, Ganda 01 yoo ta’an, waggoota 35f magaalittii keessa jiraachuusaanii dubbatu. Wayita ammaas miseensa hawaasa ganda 01fi ittigaafatamaa Gooxii naannawichaati.

“Ambo daandiin tokko, ummata garaan tokkoo’’ jedhamuun beekamti. Kunimmoo sababii malee miti kan jedhameef. Magaalattiin daandii aspaaltii Finfinneedhaa ka’ee gara Wallaggaa deemutu qaxxaamure keessa darba. Daandiin aspaaltii tokko qofa yaa ta’u malee waliigalteefi ejjennoon jiraattota magaalitti garuu tokko ta’uusaati jedhu. Kunis tokkummaa isaanii mul’isa jechuudha.

 Haa ta’u malee, daandiiwwan magaalattii keessa jiran ammoo aspaaltii hawwuudhaan waggoota dheeraa dabarsaniiru. Koreeleen adda addaa hundaa’uun misooma magaalattiif iyyachaa turus qaamni isa dhagahu hinturre.

Dhiibbaa mootummaa federaalaatiin godhamaa ture dabalatee hanqinni bulchiinsa gaariis Amboo keessa waan tureef abdii dhabaa turuusaanii yaadatu. Yeroo dhihootii as garuu haalli mijataan jiru ifaa waan fakkaatuuf abdiin nu misoomaaf qabnu lataa jira jedhu jiraataan kun. “Ummatni misoomaa magaalittii babal’isuuf yeroo baay’ee baasii taasisaa tureera.

 Haata’u malee bakka in galu hinbeeknu ture. Namni abbummaatiin qindeessus waan hinturreef sagaleen ummataa ukkaamfamee ture. Sochiin amma jiru garuu ummata yeroo dheeraaf misoomaafi nageenya Magaalaa Amboo hawwaa ture tasgabbeessaa waan jiru fakkaata” jedhan. Ittigaafatamaan damee hawaasummaafi dinagdee Ganda 01 Obbo Gammachuu Balaayi gamasaaniitiin akka ibsanitti, rakkinni magaalattii yeroodhaa gara yerootti itti fufaa jira.

Ummanni yeroo baay’ee iyyata dhiheeffachaa turre. Haata’u malee qaamni isa dhagahu hinjiru jedhu. Magaalaa Amboo keessasaa daandiin aspaaltiifi humni elektirikii hinjiru. Yoo ni jira jedhamellee haalaan tajaajila kennuu kan hindandeenyeedha. Tajaajilli elektirikiis yeroo baay’ee addaan waan ciccituuf manneen bunaafi rifeensaa akkaataa barbaadaniin hawaasa tajaajiluuf rakkachaa jiru jedhan. Hojiiwwan misoomaa ni jalqabamu malee qulqullinaan hinxumuraman.

 Fakeenyaaf, Ganda 01 keessatti daandiin ni hojjetama jedhamee kontiraaktaraaf kaffaltiin raawwatameera. Daandichi garuu osoo hinxumuramiin hafee. Maallaqni ummataa bahes hindeebine jechuun qeequ. Riqichi gandoota ollaa walitti fida jedhamee Ganda 01 keessatti jalqabame ammaan tana biyyoodhaan, kosiifi haayilaandiiwwaniin duunfamee jira.

Daldaltoonni ammoo muka irra tuuluudhaan wiirtuu daldalaa taasifachuusaanii ibsu. Roobni si’a roobu bishaan waan irra ciisuuf jiraattonni naannawichaa dhibeewwan adda addaatiif saaxilamaa jiru jedhu.

Kana malees, Giddugala Bashannana Dargaggootaa Amboofi Dhaabbatni Baraarsa Daa’immanii (“Save the Childern Ethiopia”) ijaaramaniyyuu tajaajila barbaachisaa ta’e kennaa hinjiran. Bulchiinsi magaalittiis kana sirreessuu osoo qabuu hinhojjennee jechuun komatan. Manneen magaalaa Amboo hedduun umrii dheeraa kan lakkoobsisaniifi kan mootummaa waan ta’aniif, akkasumas deebisanii suphuuf bajetni waan hinjirreef horoomaa bahaa jiraachuusaanis ittigaafatamaan kun ni addeessu.

 Dargaggoo Abbush Olaanaas jiraataa gandichaa yoo ta’u, giddugalichi wayita ijaaramu dargaggoonni iddoo malee akka hinoolleef gargaara jedhamee ture. Ta’us, yeroo dheeraaf cufamee taa’uun daggalaan uwifameera jedha. Giddugalli kun wayita ijaaramu bakka oolmaa dargaggootaa waan jedhameef jiraattota baay’eetu iddoo kanarraa buqqa’e. Haata’u malee abbaa dhabuudhaan qabeenyi ummataa kun horoomaa bahaa akka jirus dargaggoon ni ibsa.

Maanaajarri pirojektii hojii daandii aspaaltii Gamshuu Bayyanaa, Obbo Oliyaadi Tafarraa gamasaaniitiin akka ibsanitti, daandiiwwan keessoo magaalattii kiiloo meetira 15 hojjechuuf Abbaa Taayitaa Daandiiwwan Oromiyaafi Bulchiinsa magaalaa Amboo wajjin waliigaltee kan maltatteessan ALA bara 2016 ture. Waliigaltichaanis ijaarsicha waggaa afur keessatti xumuruuf ture.

Haata’u malee sababoota adda addaatiin hanga ammaatti kiiloo meetira 3.5 qofatu hojjetame jedhu. Kunis, manneen achirra jiran kaasuufi wantoota gufuu ta’an yeroodhaan qulqulleessuu dhabuu bulchiinsa magaalichaati jedhu. Kunimmoo hojiin kun akka hinsaffisne taasiseeras jedhan. Kanarraa kan ka’e ijaarsi daandichaa qarshii miliyoona 500n hojjetamee xumurama jedhamuun yaadame kan ture hojiinsaa duubatti harkifateera.

Meeshaaleen itti fayyadamnu yeroodhaa gara yerootti gatiin dabaluun qarshii miiliyoona 700 ga’uun kisaaraa keessa galleerra jechuun dubbatan. Ijaarsa daandii kana cinattis addababayiiwwan sadii hojjechuuf qabamee ture.

Haata’u malee diizaayinii harka keenya galee geddaruudhaan magaalattiin addababayii akka dhabdu taasifameera jedhu. Dimshaashumatti, misooma Magaalaa Ambooiif jiraattotni, bulchiinsi magaalittiifi mootummaa naannichaa qindoominaan hojjechuu qabu. Qaamolee misoomni magaalattii akka hindhugoomneefi fayyadamummaan hawaasaa mirkanoofne gufuu ta’an ittisuunis barbaachisaa ta’uun eerameera. Abbootiin qabeenyaa biyyattiis birmachuu akka qaban gaafatameera.

Bariisaa Guraandhala 29/2011

Tashoomaa Qadiidaatiin

Recommended For You

One Comment to “Amboofi misoomashee waljala darban”

  1. Pingback: ks quik 2000

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *