Liigiin ‘Beetkingi’ Itoophiyaa torban lamaaf addaan cita

Finfinnee: Bu’uura ispoortii kubbaa miilaa Itoophiyaa kan ta’e taphin kubbaa miilaa Itoophiyaa erga jalqabee walakkaa jaarraa tokkoo ol lakoofsiseera. Waggoota kanneen keessatti maqaa adda addaatiin mogaafamuudhaan adeemsifamaa tureera.

Fakkeenyaaf walmorkii waancaa Itoophiyaa, “Walmorkii Waancaa Zawdi, Walmorkii Itoophiyaan Haadursituu Diviiziyoona Tokkoffaa” Shaampiyoonaa Kilaboota Diviziyoona tokkoffaa Itoophiyaa, Shaampiyoonaa Kilaboota Itoophiyaa jedhamuudhaan gageefamaa tureera.

Bara 1990 kaasee shaampiyoonaa liigii piriimeerii Itoophiyaa jedhamuudhaan hanga bara 2012 kan adeemsifame yoo ta’u, bara 2013 irraa kaasee ammoo shaamiyoonaa Kilabota Liigii Piriimeerii ‘Beetkingi’ Itoophiyaa jedhamuudhaan gageefamaa jira.

Shaampiyoonaan “Beetkingi’ kun baranas Onkololessaa 7 bara 2014 irraa kaassee Naannoo Siidaamaa, Istaadiyoomii Yunivarsitii Hawaasaatti gageeffamaa jira.

Bulchiinsota magaalaa Finfinneefi Dirre Dhawaa dabalatee kilaboonni naannoolee Oromiyaa, Siidaamaa, Umatoota Kibbaafi Amaaraa 16 gidduutti gageefamaa kan jiru shaampiyoonaan kun, kilaboota naannoo Amaaraatiin durfamaa jira.

Walmorkiiwwan hanga ammaatti adeemsifamaniin, shaampiyoonaa bara darbe adeemsifametti shaampiyoona kan ture kilabni Faasiil Kanamaa qabxii sagaliin, kan bulchiisa magaalaa Baahir Daar ammoo qabxii torbaan tokkoffaafi lammaffaa ta’uudhaan dursaa jiru.

Dargaggoota cicimoodhaan kan ijaaraman kilaboonni Faasiiliifi magaalaa Baahir Daar walmorkiiwwan hanga ammaatti adeemsifaman injifachuudhaan dursaa jiru.

Garaagarummaa galchaan walcaaluudhaan kilabni magaalaa Hawaasaa, Walaayitaa Diichaafi Raayyaan Ittisaa walqixa qabxii ja’a, ja’aan sadarkaa sadaffaadhaa hanga shanaffaarratti argamu.

Waggoota dherraadhaaf shaampiyoonaa ta’uudhaan waancaa sassaabbachaa kan ture kilabni hangaftichi Qaddus Giyoorgis qabxii shaniin sadarkkaa ja’affaarratti kan argamu yoo ta’u, yoo kilaboonni Buna Siidaamaa, magaalaa Adaamaafi Arbaaminci ammoo garaagarummaa galchaan walcaaluudhaan qabxii afur afuriin sadarkaa torbaffaadhaa hanga saglaffaarratti argamu.

Bulchiisn magaalaa Dirre Dhawaafi magaalaa Finfinnee galchaan walcaaluudhaan walqixa qabxii sadi, sadiin, magaalaan Sabataa, Walqixxeefi Buni Itoophiyaas galchaan walcaaluudhaan walqixa qabxii lama lama galmeesisuudhaan sadarkaa kurnaffaadhaa hanga kudha afuraffaarratti argamu.

Walmorkiiwwan hanga ammaatti adeemsifaman sadanitti mo’amuudhaan qabxii malee sadarkaa dhumaarratti kan argaman kilaboota Hadiyyaa Hosaa’inaafi Jimmaa Abbaa Jifaar.

Walmorkiiwwan adeemsifamanitti kilabni magaalaa Faasiil galchoota saddeetti galchee tokkaa qofa keesumeesuudhaan, kilabnni magaalaa Baahir Daar ammoo shan galchee takka qofa lakkoofsisuudhaan dorgommicha sadarkaa tokkoffaafi lammafaadhaan dursaa jiru.

Sagantaan Federeeshinii Kubbaa Miilaa Itoophiyaa akka mul’isutti, walmorkiin marsaa tokkoffaa torban afuraffaa sababii gareen kubbaa miilaa biyyaaleessaa”Waaliyaan” tapha gulaalaa deebii waancaa kubbaa miilaa Addunyaaf Gaanaa waliin qabuuf addaan cituusaa adeesseera.

Shaampiyoonaan kun Sadaassa 12 bara 2014 eegalee Istaadiyomiidhuma Yunivarsitii Hawaasaatti kan itti fufu ta’uus beeksiseera.

 Tashoomaa Qadiidaatiin

BARIISAA SANBATAA Onkoloolessa 27 Bara 2014

Recommended For You