Dubartoota hiyyummaa seenaa taasisan

Dubartiin haadha; ogeettiidha. Jiruufi jireenya keessattis gama maatii gargaaruutiin qooda dubartiin qabdu daran olaanaadha. Kanarraa kan ka’e hawaasni biyyattii, “Dubartiin ‘mi’eessituu’ jireenyaati” jechuun shoora isheen qabdu ibsa. Kunimmoo dubartiin dhiirarra obsa kan qabdu, garaa laafettiifi qajeelummaa kan qabdu ta’uu mul’isa jechuudha.

 Dubartiin akkuma jireenya hawaasaa si’eessitu gama misooma siyaas-dinagdee keessattis yoo hirmaatte dhiirotaan qixa hojjettee bu’aa caalu argamsiisuu akka dandeessu hubatamaadha. Keessumaa misooma qonnaa keessatti omishaafi omishtummaa dabaluun gaara hiyyummaa diiguun ofiifi maatiishii, akkasumas biyyashii tarree biyyoota galii giddugaleessaa hiriirsisuu keessatti qoodnishii daran olaanaadha.

Itoophiyaa keessattis gaheefi hirmaannaan dubartootni misooma waliigalaa keessatti qaban yeroodhaa yerootti guddachaa kan dhufe ta’uu ragaaleen ni mul’isu. Keessumaa hirmaannaan isaan misooma qonnaa keessatti qaban si’ana daran guddachaa dhufeera.

Tibbuma darbellee gootota misoomaa waliigalaan 717 ta’an mootummaan naannoo Oromiyaatiin marsaa 12faf badhaafamankeessaa qonnaan bultootni dubartootaa hanga miliyoona 10 horatan 132 ni argamu. Aadde Kumalee Garramuu Godina Horroo Guduruu Wallaggaa aanaa Coomman Guduruurraa meedaaliyaa kan badhaafaman yoo ta’u, dubartiin misooma hunda keessatti ciniinnattee hojjennaan dhiirotaan qixa milkaa’uu akka dandeessu dubbatan.

“Barumsaafi gorsa ogeessota misooma qonnaarraa argadhe haalaan hojiirra oolchuu danda’eera. Kanaanis kuduraafi fuduraa omishuutiin gabaa Coommaniif dhiyeessaan ture. Wayita ammaas kaappitaalli koo miiliyoona lamaa ol gaheera.”

jechuun icciitii itti milkaa’an dubbatu. Kanaan boodas caalaatti humna namaa dabalatanii hojjechuuf karoora akka qabanillee ibsu. Dubartootni kaawwanis akkumasaanii ciminaan yoo hojjetan jireenyasaaniifi maatiisaanii jijjiiruu akka danda’an dhaamu. Aadde Loomituu Dassaalees godinuma walfakkaaturraa dhufuun kan badhaafaman yoo ta’u, asiin dura hojii humnaa hojjechaa akka turan dubbatu.

“Jireenyi namaa fedhiifi hawwii qabaachuutiin jijjiiramuu hindanda’u, dubartootni hojii qonnaafi biroorratti cichanii yoo hojjetan akkuma dhiirotaa milkaa’uu danda’u” jechuun hubannoo qaban ibsu. Halkaniifi guyyaa hojiirratti bobba’an mara osoo hintuffatiin maatiisaanii waliin hojjechaa akka turan eeru.

Wayita ammaas kaappitaali isaanii miliyoona afur kan gahe yoo ta’u, fulduratti ammoo kanarra galmeessisuun gara invastimantiitti ce’uuf tattaafachaa akka jiran addeessu. Aadde Kibbituu Kabbadaas godinuma Horroo Guduruu Wallaggaatti aanaa Jaartee Jaardagaarraa kaappitaala miliyoona sadii ol horachuun dubartoota meedaaliyaa argata keessaa tokkodha.

 Aadde Kibbituun ganda jiraatan keessatti horii horsiisaa kan turan yemmuu ta’u, kuduraafi fuduraa, akkasumas buna omishuutiin yeroo gabaabaa keessatti bu’aa qabeessummaa isaanii mirkaneeffachuu akka danda’an dubbatu. “Yeroodhaa yerootti kaappitaalli koo dabalaa waan jiruuf, konkolaataa lafa qotuufi maashinii midhaan haamuufi dhahu bitachuun barbaada” jechuun karoora gara fulduraaf qabatan ibsu.

Dubartootni biroon akkumasaanii kutannootiin yoo hojjetan milkaa’uu akka danda’an dubbatu. “Waggoota hedduuf maatii koo waanan nyaachisu dhabeen rakkachaan ture. Harka namaa ilaaluun hangam yaaddessaa akka ta’e nan beeka. Kunimmoo lafee koo waan tuqeef maatii koo waliin misooma qonnaarratti cichinee akka hojjennu nu dirqisiiseera” kan jedhan ammoo jiraattuu aanaa Horroo Aadde Yashii Garbaati. Wayita ammaas kaappitaalli isaanii miliyoona afurii ol kan gahe yoo ta’u, ofiifi maatiisaaniirra darbanii ollootasaaniif hirkoo ta’uusaanii eeru.

 Fuldurattis caalaatti hojjetanii kaappitaala isaanii guddifachuuf tattaaffii walirraa hincitne akka taasisanis dubbatan. Dimshaashumatti, akka Oromiyaatti baay’inni dubartootaa misooma qonnaarratti bobba’anii bu’aa qabeessummaa isaanii mirkaneessuun kaappitaala guddaa galmeessisan yeroo yerootti dabalaa jira.

Kunimmoo paakeejiiwwan sektara qonnaa keessatti bocamuun hojiirra oolaa jiran jireenya hawaasaa waliin kan walunate ta’uusaafi qindoominni hoggantootaafi ogeessota qonnaas laafaa akka hintaane mul’isa. Kanaaf dubartootni kaawwanis cimanii hojjennaan hiyyummaa seenaa taasisuun kan danda’amu ta’uun hubatameera.

Bariisaa Guraandhala 29/2011

Takkaalliny Gabayyootiin

Recommended For You

5 Comments to “Dubartoota hiyyummaa seenaa taasisan”

  1. Pingback: blote tieten
  2. Pingback: trustbet
  3. Pingback: diyala uni
  4. Pingback: pglike
  5. Pingback: ส่งsms

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *