Kubbaaniyaan Inshuraansii Awaash Ittigaafatamummaansaa Murtaa’e torban har’aa walga’ii idilesaa 27fa Finfinnee Galma Hoteela Hiiltan Addisitti adeemsiseera. Hoggantoonni, miseensonni boordiifi abbootiin aksiyoona kubbaaniyichaa walga’icharratti kan hirmaatan yoo ta’u, gabaasi daarikteerota boordiifi oditarootaa ALA bara 2020/21 walga’icharratti dhiyaataniiru.
Kubbaaniyaan Inahuraansii Awaash ALA bara 2020/21 hanga Waxabajjii 30tti galii areboonii qarshii biiliyoona 1.28 ol walittiqabuudhaan seenaa kubbaaniyaawwan Inshuraansii dhuunfaa keessatti seenaa haaraa galmeessisun industirii Inshuraansii biyyattii keessatti Kubbaaniyaa Inshuraansii dhuunfaa isa jalqabaa ta’uusaa ibseera.
Kubaaniyichi bara baajataa darbe hojii inshuraansii waliigalaatiin galii areboonii qarshii miiliyoona 952.2 ol walitti kan qabe yoo ta’u, damee kanaan guddina galii gurgurtaa %23 galmeessiseera. Damee hojii inshuraansii lubbuutiin ammoo galii areboonii qarshii miiliyoona 332.6 ol argachuudhaan guddina %181 galmeessiseera. Kubbaaniyichi damee hojii lamaaniin galii areboonii biiliyoona 1.28 ol walitti qabuudhaan guddina galii waliigalaa %44 galmeessiseera.
Kubbaaniyaan Inshuraansii Awaash galii areboonii waliigalaa bara bajatichaatti walitti qabeen kubaaniyaawwan Inshuraansii dhuunfaa 17n garaagarummaa guddaadhaan dursuudhaan seenaa haaraa galmeessiseera. Kubbaaniyaan Inshuraansii Awaasha kubbaaniyaawwan dhuunfaa dursuudhaan akkuma kanaan duraa dursummaa gabaa adda addummaa guddaafi amanamummaadhaan dursuudhaan waggoota walitti aananiif milkaa’ina cimaa galmeessisaa tureera. Kubaaniyichi gara fuulduraattis tajaajilootasaa caalaatti ammayyeessuudhaan fedhii maamiltootasaa guutuuf kan hojjetu ta’uu ibseera.
Kubbaaniyichi bara bajataa darbe kan bu’aa qarshii hinqulqulloofne miliyoona 281.7 kan argate yoo ta’u, gahee bu’aa %36 galmeessiseera. Bara bajatichaa dhuma (Waxabajjii 30 ALA bara 2020/21tti kaappitaalli kaffalame qarshii miliyoona 754.88 ol ga’eera.
Kubbaaniyaan Inshuraansii Awaash mul’ata Afrikaa Bahaatti kubbaaniyaa dorgomaafi filatamaa ta’uuf qabu dhugoomsuuf kubbaaniyaa sadarkaa addunyaatti beekamtii qabu ‘Deloitte’ jedhamu Roodmaappii tarsiimowaa waggaa 10 ‘Transforming AIC: vision 2030’ jedhu qorachiisee jalqaba bara bajataa kanarraa ka’ee hojiirra oolchaa jira. Roodmaappiin tarsiimowaan waggaa 10 hojiirra oolaa jiru kun sadarkaa Kubbaaniyaan Inshuraansii Awaasha akka biyyaatti amma irra jiru ol kaasuudhaan Afrikaa Bahaatti dorgomaa cimaa akka ta’u kan isa dandeessisuudha jedhamee amanama akka kubbaaniyichi ibsutti.
Kubaaniyaan Inshuraansii Awaash fedhii maamiltootasaa yeroo yeroon guddachaafi dabalaa dhufe guutuudhaaf tajaajila inshuuraansii ‘Salaam Takaafuul’ jedhamuufi seera Shari’aatiin hogganamu qoratee ulaagaalee homaataaf barbaachisan guutee Baankii Biyyaalessaa Itoophiyaarraa eyyama argachuudhaan bara bajataa kanarraa eegalee dameeleesaa filatamanirratti maamiltootasaatiif kennaa jira. Kubbaaniyichi tajaajila kana dameeleesaa filataman Finfinneefi magaalota naannoleetti argamanitti kennaa kanaa jira. Gara fuulduraatti tajaajilicha dameeleesaa hundatti babal’isuuf kan hojjetu ta’uus ibseera.
Jechi ‘Takaafuul’ jedhu hundee jechaa kan Afaan Arabaatiin ‘Kafalah’ jedhurraa kan dhufe yoo ta’u, hiiknisaa waliif wabii ta’uu, walgargaaruu, ykn waliin ittigaafatamummaa fudhachuu jechuudha. Kaampaaniin tajaajila gosa inshuraansii ‘Takaafu’ jedhamu yeroo jalqabaaf ALA bara 1979 Afrikaa, Sudaanitti kan jalqabe yoo ta’u, yeroo ammaa tajaajilichi hedduu barbaachisuun biyyoota akka ‘Gulf of Arab’ jedhaman Ardii Eshiyaafi Awurooppaa keessatti bal’inaa kennamaa jira.
Tajaajilli inshuraansii ‘Takaaful’ seera Shari’aafi seera daldala biyyattiitiin hogganama. Akkaataa tajaajila kanaatti miidhaan yoo qabeenyaarra gahe qaamoleen puulii tajaajila sana keessatti argaman walgargaaranii beenyaa kaffalu. Kaayyoo guddaan maamiltoota inshuraansii kanaa rakkoo mudate walgargaaranii furuudha. Invastimantiin tajaajilamtoota kunneeniis dhalarraa bilisa kan ta’eefi seera Shari’aarratti kan bu’uureffate ta’uu kubaaniyichi ibseera.
Kubbaaniyaan Inshuraansii Awaash Fulbaana 20 bara 1987 mootummaarraa eyyama daldalaa argatee abbootii aksiyoonaa 456n hojiisaa ifatti kan jalqabe yoo ta’u, yeroo ammaa baay’inni abbootii aksiyoonaa kuma tokkoofi 670 ta’eera. Kubbaaniyichi ALA hanga Waxabajjii 30 bara 2020/21tti hojjettoota 600 oliifi dameelee 59 kan qabu ta’uunis ibsameera.
Kubaaniyichi guddatee sadarkaa kanarra ga’uusaatiif maamiltootasaa waggoota 26 darban amanamummaan isa waliin turaniif galataafi kabajaa guddaan kan isaaniif malu ta’uu ibsuun, kubaaniyichi gara fuulduraattis qorannoowwan babal’aa taasisuufi tajaajiloota haaraa dhiyeessuun fedhii maamiltootasaa caalaatti mirkaneessuufi sadarkaa amma irra jiru daran fooyyessuuf kan hojjetu ta’uus ibseera.
Natsaannat Taaddasaatiin
BARIISAA SANBATAA Onkoloolessa 27 Bara 2014