Mojoo: Itoophiyaa keessatti omishni biiraa gosa garaa garaafi waggoota dheeraa laakkoofsisan kan jiran ta’us, hundisaanii kan moggaafaman garuu afaan Amaariffaa ykn Ingiliffaatiini. Moggaasa qofaa osoo hintaane qaruuraa qabiyyee biiraa sanaa ibsurratti barreeffamni isaan fayyadamanis afaanotuma lameen eeramaniini.
Erga hundeeffamee turtii waggaa sadii hincaalle keessatti kaampaaniin ‘United beverage’ jedhamuufi handhuura Zoonii Indaastirii Oromiyaa kan taate magaalaa Mojootti argamu, torbaan darbe ‘Biiraa Waliinii’ Afaan Oromootiin moggaafameefi barreeffamni qaruuraasaa hundi afaan Oromootiin barraa’e gabaaf dhiheesseera. Biiraan kun moggaasa maqaasaa qofaan osoo hintaane wantoonni qariuuraa biiraa sanarra jiran duudhaa Oromoo kan ta’e waliin jireenya, hammachuu, waliin guddachuufi waliin hojjechuu kan ibsu ta’uu Hojigaggeessaan kaampaanichaa Obbo Tarreessaa Urgeessaa himaniiru.
Kaampaanichi ‘Biiraa Anbassaa’ jedhamu kanaan dura gabaaf dhiheessaa kan ture ta’uu himanii, babal’ina warshichaa humna omishasaa dabaluuf taasifamaa tureen immoo omisha biiraa haaraa ‘Biiraa Waliin’ torbee darberraa kaasee gabaaf dhiheessuu eegaluusaa dubbatu.
Bayyanaa Ibraahimiin
BARIISAA SANBATAA Onkoloolessa 27 Bara 2014