Kilaastara xaafii Aanaa Ejersa Lafoo

Natsaannat Taaddasaatiin

Kilaastarri Xaafii Godina Shawaa Lixaa, Aanaa Ejersa Lafoo gandoota Kattaa Andoodee, Gooroo Kurkufaafi Simboo Goorootti makkanaayizeeshiniifi galteewwan qonnaa fayyadamuun omishaman torban har’aa hoggantootaafi ogeessota qonnaa sadarkaa aanaa, godinaafi naannootti jiraniifi qonnaan bultootaan daawwatameera.

Qonnaan bultoonni aanichaa akka jedhanitti, makkanaayizeeshinii qonnaa fayyadamuun, kilaastaraan qotuufi galteewwan qonnaafi qoricha farra aramaa ‘Pallas Super’ fayyadamuun omishaafi omishtummaasaanii guddisuu keessatti gahee olaanaa qaba. Qoricha farra aramaa ‘Pallas Super’ jedhamu deggersaan kan isaaniif dhiyeesse ammoo Dhaabbata Dhuunfaa Ittigaafatamummaansaa Murtaa’e Keemteeksi ‘CHEMTEX’ ta’uus eeraniiru.

Obbo Cangaree Gabbisaa aanichatti, qonnaan bulaa Ganda Simboo Goorooti. Qonnaan bulaan kun akka jedhanitti, kilaastaraan gurmaa’anii erga qotuu jalqabanii omishaafi omishtummaa fooyya’aa argachaa jiru. Kilaastaraan qotuun omishaafi omishtummaa qonnaa guddisuu keessatti gahee olaanaa waan qabuuf hojii qonnaan bultoota hunda biratti babal’achuufi hojiirra ooluu qabuudha. Kilaastarri xaafii isaan keessatti hirmaatan qonnaan bultoota 380 kan qabu ta’uufi lafa heektaara 350 ta’uusaas eeraniiru.

Kilaastaraan qotuu erga jalqabanii as omisha qonnaarraa calla fooyya’aa argachaa jiraachuu kan himan qonnaan bulaan kun, duraan lafa heektaara tokkorraa xaafii kuntaala 10 hanga 12tti argachaa turuufi kilaastaraan qotuu erga jalqabanii as lafa heektaara tokkorraa callaan argamu kan duraaniirra dachaa sadii oliin kan dabale ta’uu himaniiru.

Omisha qonnaa rooba gannaafi jal’isii fayyadamuudhaan waggaa guutuu hojjechuuf fedhii guddaa qabna kan jedhan qonnaan bulaan kun, bishaan misooma jallisiif gargaaru waan hinqabneef tibba bonaa maasaan isaanii agabuu bulaa jiraachuu eeru. Bulchiinsi mootummaa, aanichaa, godinichaafi naannoo rakkoo bishaan jallisiifi daandii isaan mudatee jiru dafee akka isaaniif furuufi ijaarsi daandii jalqabamee karaatti hafes dafee xumuramee tajaajilaaf akka ooluuf gaafataniiru.

Ummanni gandasaanii kanaan dura ijaarsa daandiitiif qarshii buufatanii deggersa mootummaa eeggachaa jiraachuu himanii, mootummaan ijaarsa daandichaa kan jalqabu yoo ta’e humna isaaniitiinis ijaarsa daandichaarratti kan hirmaatan ta’uu himaniiru. Daandiin gandaafi ganda, aanaafi aanaa walquunnamsiisu ijaaramuun rakkoolee hawaas dinagdee hedduu furuun hojii qonnaafi omisha isaanii gara gabaatti dhiyeessuuf haala mijataa kan uumuuf ta’uus eeraniiru.

Ittigaafatamaan Waajjira Qonnaafi Qabeenya Uumamaa aanichaa Obbo Taarikuu Magarsaa sirna daawwannichaarratti akka jedhanitti, aanichatti qonnaan bulaafi qonnaan bulaa qofa osoo hintaane gandaafi ganda kilaastaraan walitti hidhuuf hojjetamaa jira. Mootummaan naannichaas hojii qonnaa ammayyeessuu, wabii nyaataa mirkaneessuu, carraa hojii bal’aa uumuu, omisha waliigalaafi alergii dabaluurratti xiyyeeffatee hojjechaa jira. Aanichis hojiilee ijoo kunneen milkeessuudhaafi hojii qonnaa ammayyeessuuf ciminaan hojjechaa jiraachuu dubbatu.

Qonnaan bultoonni aanichaa kanaan dura lafa qonnaa heektaara tokkorraa calla kuntaala torbaa hanga 10tti argachaa ture kan jedhan Obbo Taarikuun, hojii omisha qonnaa aanichaa ammayyeessuuf hojjetamaa tureen callaan argamu waggaa waggaan dabalaa jira. Akka aanichaatti waggoota muraasaa as callaan kuntaala kuma 569fi 657 argamaa kan ture ta’uufi barana qonna ammayyeessuuf hojii hojjetameen callaan kuntaalli kuma 633fi 478 argachuuf kan karoorfatan ta’uu himaniiru.

Kilaastaraan qotuufi paakeejii qonnaa guutuu fayyadamuun callaa guddisuu keessatti gahee guddaa kan qabu ta’uu himanii, aanichatti barana lafa heektaara kuma torbaafi 163 kilaastara xaafiitiin hojjechuuf karoorfachuun karooraa ol lafa heektaara kuma saddeetiifi 206 kilaastara xaafiitiin uwwisuun danda’ameera. Hirmaannaan kilaastaraan gurmaa’anii hojii qonnaa adeemsisuu qonnaan bultoota aanichaa biratti babal’achaa jiraachuus eeeraniiru.

Aanichatti barana lafti heektaara kuma afuriifi 206 kilaastara qamadiitiin misoomeera kan jedhan Obbo Taarikuun, walumaagalatti lafa heektaara kuma 19fi 876 keessaa heektaarri kuma 17fi 150n paakeejii guutuu fayyadamuun kan omishame ta’uus dubbataniiru. Omishni baranaa ooyiruurra jiru fayyaalessa waan ta’eef barana omisha gaarii argachuuf hoggantoonniifi ogeessonni qonnaa to’annoofi hordoffii barbaachisu taasisaa kan jiran ta’uu dubbataniiru.

Duraan qonnaan bulaan sanyii filatamaa akka fudhatuuf dirqamsiisaa turuu yaadatanii, yeroo ammaa fedhiin sanyii filatamaatti fayyadamuu qonnaan bultoota aanichaa daran dabalus sanyii filatamaan yeroon qonnaan bultootaaf dhiyeessuu dadhabuu kaasu. Dhimmi sanyii filatamaa dhibee dandamatuufi omisha guddaa kennu qonnaan bultootaaf dhiyeessuu sadarkaa Biiroo Qonnaafi Qabeenya Uumamaa Oromiyaatiin xiyyeeffannaa olaanaan kennamuufii qaba. Qorannoon biyyoo akka aanichaatti geggeeffames irra deebi’amee sirriitti akka qoratamuuf gaafataniiru.

Qonnaan bultoonni aanichaa bishaan misooma jallisiif gargaarus nu gaafachaa jiru kan jedhan Obbo Taarikuun, aanichatti hanga meetira saddeetii gadi qonnaan bishaan argamuu danda’a. Boolli bishaanii mootummaa federaalaatiin kanaan dura hojjetamee tures cuqqaalamee hojii malee taa’aa jira. Boolli bishaanii kun tajaajila akka kennu yoo taasifame lafa qonnaa bal’aa misoomsuu danda’a waan ta’eef dafee hojjetamee tajaajila akka kennuuf gaafataniiru.

Dhaabbatni Dhuunfaa Ittigaafatamummaansaa Murtaa’e Keemteeksi ‘CHEMTEX’ jedhamu qoricha farra aramaa ‘Pallas Super’ jedhamu dhiyeessuudhaan omishaafi omishtummaa qonnaa aanichaa guddisuu keessatti gumaacha guddaa taasisaa jiraachuu himanii, qorichi farra aramaa kun akaakuuwwan aramaa gara garaa balleessuudhaan callaa guddisuu keessatti gahee olaanaa qaba. Dhaabbatichi qoricha farra aramaa lafa heektaara 16 ga’u nu deggereera. Dhaabbanni Qorannoo Qonnaa Holotaas galteewwan qonnaafi qoricha farra aramaa nuuf dhiyeessuudhaan deggersa gara garaa isaaniif taasisaa jiraachuus himaniiru.

Ittigaafatamaan Waajjira Qonnaafi Qabeenya Uumamaa Godina Shawaa Lixaa Obbo Tarrafaa Araarsaa akka jedhanitti, Biiroon Qonnaafi Qabeenya uumamaa omishaafi omishtummaa qonnaa guddisuudhaaf hoggantoota, ogeessotaafi qonnaan bultootaaf leenjii gara garaa kennaa tureera. Godinichis omishaafi omishtummaa qonnaa guddisuudhaaf qonnaan bultoonni kilaastaraan gurmaa’anii akka qotan taasisaa tureera. Barana akka godinichaatti lafa heektaara kuma 613 qotuuf karoorfate keessaa lafa heektaara kuma 608 midhaan gara garaan uwwisuun danda’ameera. Lafa midhaan gara garaan uwwifame kana keessaa lafti heektaara kuma 370 (%60) ol paakeejii guutuutti fayyadamuun omishuun danda’ameera. Barana omisha bara darbeerra callaa kuntaala miliyoona tokko daballa jennee hojjechaa jirra jedhaniiru.

Barana akka godinichaatti lafa heektaara kuma 349 kilaastaraan omishuuf karoorfanne keessaa heektaara kuma 350 kilaastaraan omishuun danda’ameera kan jedhan Obbo Tarrafaan, xaafii akka godinichaatti omishamu keessaa %74 ol kilaastaraan omishuun danda’ameera. Kilaastarri xaafii baranaa karooraan ol (%121)n milkaa’eera. Barana xaa’oo kuntaala kuma 683 akka godinichaatti fayyadamne keessaa kuntaalli kuma 415 kilaasteraaf akka oolu ta’eera jedhu.

Godinichatti hojiin kilaastaraan qotuu waggaa waggaan dabalaa jiraachuu himanii, barana kilaastara kuma 32 akaakuuwwan midhaanii gurguddoo sagaliin hojjechuuf karoorfame keessaa kilaastara kuma 30 akaakuuwwan midhaanii gara garaatiin uwwisuun danda’ameera. Gara fuulduraattis qonnaan bultoota godinichaa hunda gara kilaasteraatti fiduuf xiyyeeffannaan kan hojjetamu ta’uu himaniiru.

Godinichatti omisha midhaanota gara garaa qofa utuu hintaane omishaalee fuduraafi kuduraas gara kilaastaraatti fiduuf hojjetamaa jira kan jedhan Obbo Tarrafaan, hojii kilaastaraa guutummaatti ceesisuudhaaf hanqinaalee jiran furuunis dhimma xiyyeeffannaan irratti hojjetamuu qabu ta’uus eeraniiru. Qonna keenya ammayyeessuuf sangaadhaan qotuurraa gara tiraaktaraan qotuutti, humna namaatiin midhaan sassaabuurraa gara kombaayinaraan midhaan sassaabuutti ce’uuf jalqabbiin jiru cimee itti fufuu akka qabus kaasaniiru.

Rakkoo gabaa qonnaan bultootaa furuudhaafis hojiin yuuniyenoota waliin walitti hidhuufi haala gabaa mijeessuus hojii xiyyeeffannaan irratti hojjetamuu qabu ta’uu himanii, omishaalee qonnaarratti bu’aa dabalanii (value add) gochuunis dhimma xiyyeeffannaa addaatiin irratti hojjetamuu qabu ta’uu eeraniiru.

Lafa barana akka godinichaatti qotame keessaa %54 kilaastaraan kan qotame ta’uu himanii, hojiin kilaastaraan humna, teknolojiifi hirmaannaa bal’aa waan gaafatuuf dhaabbileen Qorannoo Qonnaa, Yunvarsitoonniifi ogeessonni qonnaa deggersa gama hundaan isaaniif taasisaa jiran cimsanii akka itti fufaniif gaafataniiru. Dhaabbanni Dhuunfaa Keemteeksi (CHEMTEX) Ittigaafatamummaansaa Murtaa’es qoricha farra aramaa isaanif dhiyeessuudhaan omishaafi omishtummaa qonnaa guddisuu keessatti gumaacha olaanaa kan taasise ta’uus himaniiru.

Qonnaan bulaan midhaan nyaataatiin akka of danda’u taasisuurra darbee gabaaf dhiyeessuun dinagdeen akka of danda’u taasisuudhaaf hojiileen gama hundaan eegalaman cimanii kan itti fufan ta’uus dubbataniiru.

Hogganaa Ittaanaa Biiroo Qonnaafi Qabeenya Uumamaa Oromiyaa Obbo Geetuu Gammachuu akka jedhanitti, biyyi keenya midhaan nyaataatiin akka of dandeessu taasisu keessatti qonnaan bultoonni naannoo Oromiyaa gahee olaanaa qabu. Kana milkeessuuf ammoo omishaafi omishtummaa qonnaa guddisuun dhimma murteessaadha. Hojii qonnaa akka biyyaatti geggeeffamu keessaa %50 Oromiyaa keessatti geggeeffama. Omishaafi omishtummaa qonnaa guddisuudhaaf makanaayizeeshiniifi calla guddistuutti fayyadamuufi kilaastara qonnaa babal’isuun dhimma murteessaa itti fufiinsaan irratti hojjetamuu qabuudha. Hojii kilaastaraa keessattis wantoota qonnaan bultootaaf barbaachisan dursanii karoorsuun yeroon dhiyeessuufiin barbaachisaa ta’uu himaniiru.

Akka Oromiyaatti barana lafa heektaara miliyoona 6.3 ta’u qonna gannaatiin kan uwwifame ta’uu himanii, lafa midhaanota gara garaatiin uwwifame kanarraa callaa kuntaalli miliyoona 198 argachuuf karoorfameera. Omishni ooyirurra jiru yommuu ilaalamu isa karoorfameen ol argachuuf abdiin akka jirus ni himu. Wabii nyaataa mirkaneeffachuudhaaf waggaa guutuu omishuu akka barbaachisu eeranii, kana milkeessuuf ammoo misooma jallisii babal’isuun barbaachisaa ta’uu dubbatu.

“Rooba gannaa qofarratti hundaa’uun wabii nyaataa keenya mirkaneeffachuu hindaneenyu. Baay’ina ummataa yeroo yeroon dabalaa jiru kana yoo hojii qonnaa gannaa qofaan nyaachisuu waan hindandeenyeef hojii qonna bonaatiifis xiyyeeffannaa addaa kenninee hojjechaa jirra” jedhu.

Karoorri qabame milkaa’uu kan danda’u hundumtuu bakka jirurrutti hojiirraa eegamu sirriitti yoo ba’ate ta’uu kan himan Obbo Geetuun, Biiroon Qonnaafi Qabeenya Uumamaa Oromiyaas rakkoolee qonnaan bultoota mudatan furuuf mootummaa naannichaafi federaalaa waliin kan hojjetu ta’uus himaniiru.

Bariisaa  Onkoloolessa 20 / 2014

Recommended For You