Waliigaltee biyyaaleessaa tokkummaa biyyaaleessaaf

 Haala qabatamaa Itoophiyaan amma irra jirturraa ka’uun hayyoonni siyaasaa hedduun tokkummaan bu’uura cimaa qabu ijaaramuu akka qabu akeeku. Kunimmoo ta’uu kan danda’u keessummaa warreen siyaasa tarkaanfachiisaniif dhimmichi kallattiin isaan ilaallatu yoo walitti dhufanii mari’atan ta’uus akka furmaataatti kaa’u.

Kanarraa ka’uun tibba kana mariin biyyaaleessaa keessumaa paartilee siyaasaa dursummaan hirmaachise gaggeeffamuuf sagantaan qabameera. Marii kana boodas waldhabdeefi tokkummaa dhabuun bakkaa bakkatti mul’atu hir’ate ummanni gara tokkummaasaa jabeeffachuutti ni dhufa jedhamee eegama.

Dhimma kanarratti hayyuun siyaasaa gameessi Jaal Leencoo Lataa yaada gaazexaa Bariisaaf kennaniin akka jedhanitti, waliigalteen biyyaalessaa adeemsifamuuf jedhu qaamolee siyaasaafi mootummaa qofa osoo hintaane hojjettoota, abbootiin qabeenyaa, abbootiin amantii, abbootii Gadaa akkasumas humnoota hidhatanii socho’aniifi miseensota paartiilee siyaasaa mana hidhaa jiran hirmaachisuu qaba. Qaamoleen kunneen haalaafi sadarkaa kamiin waliigaltecharratti akka hirmaatan adda baasuun hojii dursee irratti hojjetamuu qaba.

Humnoonni sirna Itoophiyaarraa dantaa qaban baay’ee ta’uu kaasanii, yeroo baay’ee biyyattiitti warra siyaasaan ijaaraman duwwaatu ilaalama. Hojjettoonni, abbootiin qabeenyaa, abbootiin amantii, abbootiin Gadaa biyyattiirraa dantaa qabu. Kanaafuu waliigaltee biyyaalessaa kana dhugoomsuuf humnoonni biyyattiirraa dantaa qaban hundi irratti hirmaachuu qabu. Mootummaa keessaas namni itti dabalamee wal marii dheeraa taasisuun barbaachisaadha.

Mootummaan waliigaltee biyyaalessaa kanarratti qooda fudhachuu malee kan hogganu yoo ta’e rakkoo ta’uu danda’a. Mootummaan waliigaltee biyyaalessaa kana yoo hoggane aangootu itti dabalama waan ta’eefis jedhu.

Haaluma walfakkaatuun hayyuun siyaasaa gameessiifi dubbi himaan ABO Jaal Toleeraa Adabaa mariin biyyaaleessaa kun ummattoota kallattii tokko qabsiisuudhaaf deemama yoo ta’e bareedaa ta’uu kaasu.

 Garuu wanta seeraafi sirnaan deemamurratti haasa’ama taanaan rakkoo ta’uufi “mootummaa kana keessatti hirmaachuu qabna” isa jedhurratti mari’atama taanaan kan hindeemsisne ta’u dubbatu.

Marichi hundeen Itoophiyaa maalirratti ijaaramuu akka qaburratti xiyyeeffachuun waliigaltee uumuu akka danda’urratti adeemsifamuu qaba.

Bariisaa  Onkoloolessa 20 / 2014

Recommended For You