Dubartoota hoggansarra jiraniifi murtoo guguddaa murteessuun beekaman keessaa Ministirri Galiiwwanii Aadde Adaanach Abeebee isaan tokko. Aadde Adaanach barnoota seeraan digrii tokkoffaa, barnoota ‘Transformational Leadership and Change’ jedhamuun ammoo digrii lammataa qabu. Dhimmoota garagaraarrattis dhaabbilee biyyaalessaafi biyyoolessaatti leenjiiwwan addaddaa fudhataniiru. Sadarkaawwan hoggansaa garagaraa keessas darbaniiru.
Muuxannoo hojiifi jireenyaasaaniirratti guyyaa dubartoota addunyaa sababeeffachuun turtii Gaazexaan Bariisaa isaan waliin taasise akka armaan gadiitti dhihaata.
Bariisaa: Aadde Adaanach eenyuu, yoom, eessatti dhalatan, guddatan, baratan?
Aadde Adaanach: Maqaan koo guutuun Adaanach Abeebee Dasaa jedhama. Mudde 21 bara 1965 Godina Arsii, Aanaa Asagoo, Ganda Caffee jedhamuttin dhaladhee guddadhe. Yommuun waggaa torba guutuus mana barumsaa naannawa keenyarraa yoo xiqqaate kiiloo meetira shan fagaatuu, Irreecha jedhamuufi gandoota 16f giddugaleessa ta’ettin barumsa koo eegale.
Bariisaa: Yeroo baay’ee, keessumaa yeroo keessanitti daa’imman umuriisaaniitti barumsa hinseenan. Isin garuu umrii sirriidhumatti seentan. Kun akkamiin ta’e?
Aadde Adaanach: Abbaan koo bara Hayilasillaasee keessa sababa siyaasaatiin hidhamee ture. Yommuu achi ture xalayaawwan addaddaa himata isaatiin walqabatan yommuu dhufan dubbisuu dadhabuusaatiin waan inni jedhe jijjiiranii barreessanii dhiheessaa waan turaniif baay’ee aara ture. Achii yoo ba’us xiiqii ijoolleesaa barsiisuutiin guutamee waan ba’eef yeroodhuma kootti barumsa na galche. Kana malees, daldalaa waan tureefis magaalaatti deddeebi’aa tureera; kanaanis namoota baratan heddu waan arguuf faayidaa barnootaa hubateera.
Bariisaa: Fageenya mana barumsaa, umrii ijoollummaafi shamarrummaa, hojii mana keessaa, ilaalcha hawaasaafi kkf waliin barnooti cimaa hinturree?
Aadde Adaanach: Cimuunsaa hinhafu. Guyyaa guyyaadhaan yoo xiqqaate kiiloomeetira 10 waanin deemuuf na dhukkuba ture. Garuu barnootarraa hinhafu. Gaaf tokko tokko abbaan koo gaangeedhaan na geessa. Kana biraan manni barnootichaa yommuu ijaaramu gumaacha olaanaa taasiseera, walittiqabaa koree maatii barattootaa waan tureef baay’ee na deggaraa ture.
Ani maatiikoof dubara tokkittiifi mucaa dhumaati; obbolaa dhiiraa shaniin qaba. Hangafoonni koos waan barataniif isaan biraas deggarsa qaban ture. Deggarsi abbaan koo naa taasise galaa guddaa naa ta’eera. Galgala yommuun barumsaa galu faanosii naa ibsee “Waan barreessite naa dubbisi” jedhee sagalee ol fuudhee akkan dubbisu na taasisa. Akkasumas, raadiyoofaa banee seenaa wayii na dhaggeeffachiisee akkan irra deebi’ee dubbadhu na taasisa. Yommuu maatiin dhimma wayiirratti haasa’u akkan yaada koo ibsadhuuf na jajjabeessa.
Haatiikoo akkuma haadholii kamiiyyuu hojii mana keessaa akkan baruufi ogeettii akkan ta’u ni barbaaddi. Yeroo baay’ee abbaan koo barnootakoo irratti akkan xiyyeeffadhu waan taasisuuf hojii wallaalti jettee yaaddofti. Abbaa koo waliinis yeroo baay’ee walfalmu. Isheen “Hojii wallaaltee nu arrabsiisti, intala takkittii jedhanii balleessan nuun jedhu” jettiin.
Innis “Hin yaadda’iin intallikoo haadha seeraa taati, kanaaf namni biraa hojjechuufii danda’a, si hinrakkistu, soddaas hindhabdu. Namni hojii mana keessaa dadhabee kufe hinjiru” jedhaan. Anaaf kun humna naa ta’e.
Bariisaa: Mana barumsaa keessattiwoo deggarsi ture maal fakkaata?
Aadde Adaanach: Ani baay’ee carra qabeettiidha. Yommuun gara mana barnootaa dhufummoo barattuu qaxalee waanin tureef barsiisonni baay’ee na onnachiisu. Ga’een isaanii jireenyakoorratti guddaadha. Hanga kutaa lammaffaatti barsiisonniikoo dhiirota; garuu baay’ee na deggaru.
Hiriirafaarratti barreeffamoota addaddaa akkan dubbisu na taasisaa turan. Yommuu isaan harka naa rukuchiisan nama guddoo, dandeessuufi beektuu godheen of ilaalaa ture.
Kutaa keessatti ani ittigaafatamtuu daree ta’een filatama. Kutaa lammaffaarraa eegalee hanga 12fatti akkasiinin xumure. Kana malees hojii waa qindeessuu, kilabii gaggeessuufi kkf keessatti adda durummaadhaaniin hirmaachaa ture. Keessumaa shamarraniif humnan ture jechuu nan danda’a. Akka isaan yaadasaanii ibsataniifi akka hinsodaanne naan jajjabeessa.
Akka waliigalaatti deggarsi maatiifi barsiisotakoo jireenya koo har’aatiif shoora olaanaa qaba. Yommuun barumsa eegale shamarran shan waliinin eegale. Kan keesssaa ba’ee as ga’e garuu ana qofa. Tokko ni butamte, lama ni heeruman, tokko jireenyaaf osoo carraaqxuu lubbuun ishee darbe, tokko lafa isheen buutellee hinbeekamu.
Bariisaa: Isiniinoo yaaliin butamuu yookiin heerumsiifamuu isin hinmudannee?
Aadde Adaanach: Akka carraa ta’ee yaaliin butamuu narra hingeenye. Garuu maatiin koo naannawa keenyatti namoota jireenyaan fooyya’oo jedhaman waan turaniif dafanii isaanitti soddoomuu barbaaduun tureera. Haatiikoofi akkoonkoos akkan dafee heerumu ni barbaadu turan. Ejjennoon abbaan koo barnootarratti qabu garuu akkan heerumatti seenu osoo hintaane dafee abjuukoo bira akkan ga’uudha.
Barsiisonni koos sammuu koo keessa bakkan yaade ergan ga’ee booda fedhii kootiin akkan heerumu malee barnoota koo akkan adda hinkunne na gorsu turan. Mana manarra deemaniis maatii ni barsiisu turan. Nan yaadadha guyyaa tokko yommuun kutaa ja’affaa baradhu gurbaan tokko xalayaa jaalalaa barreessee natti kenninaan, animmoo barsiistuukootti geessee hiriirarratti reebsiseera.
Waliigala, dhiibbaan tureera; isa akkan hindhaggeeffanne garuu akkaataa abbaan koofi barsiisonni koo itti na gorsan sun fuuldurakoo qofa akkan ilaalu na taasiseera.
Bariisaa: Yeroo barattummaan maal ta’uu hawwaa turtan?
Aadde Adaanach: Hanga kutaa torbaffaatti narsii ta’uun hawwan ture. Akkaataa isaan ummata tajaajilaniifi haala uffannaa isaanii ilaaleen akkasaanii ta’uu hawwa ture. Isaa booda garuu isa haadha seeraa yookiin abukaatoo ta’uun hawwan ture. Kanaaf ka’umsi fedhii abbaakoofi wantootan naannawakootti argu ture. Keessumaa ijoolleen dubaraa osoo haqa qabanii yommuu miidhaman arguun koo seera akkan baradhu fedhii na keessatti uumeera.
Yommuudhuman baradhu wantin itti hamatamu tokko “Waan ishee hingalchine keessa galti, ni gurmeessiti, namarratti kakaasti” kan jedhuudha. Ani garuu yommuu haqi dabu waan na dhukkubuuf “Kun sirrii miti, kana mormuu qabna” jedheen ijoollee kakaasa ture.
Bariisaa: Barumsa keessan maatiidhuma bira teessanii barattanii xumurtan moo?
Aadde Adaanach: Lakkii. Yommuun kutaa 10ffa baradhu Dargiin “Umriin kee ga’ee osoo jiruu waldaa dargaggootaatti hingurmoofne” jechuun na hordofuu eegale. Abbaan koo immoo “Yoo achi keessa seente hawwisootti makamtee sirbituu taata, yookiin ni heerumta. Warri dhiiraammoo duula deemu waan ta’eef dhokseen isin barsiifadha” jedhee obboloota koo waliin Matahaaraa eessuma keenya bira akka teenyu godhe.
Ta’us Dargiin bakka hundaayyuu inuma ture. Utuman barachaa jirruu guyyaa tokko akka boriisaa qormaata xumura seemistaraa fudhachuuf utuu qopha’aa jirruu waldaa dargaggootaatti hingurmoofne jedhanii akka jirrutti qabanii ganda keessatti nu hidhan. Anis akkan ba’u shakkii tokkoyyuu waan hinqabneef shaamaa qabsiifadheen achuma taa’ee qo’achuu eegale. Warri eegan halkan na arganii dhufanii “Akkamitti asitti abidda qabsiifta?” jedhanii naan lolan. Anis qormaata akkan qabu itti himnaan “Mana hidhaa jirtamee qormaata maalii qoramta?” naan jedhan.
“Bor qormaatan qaba, kaffaltii waldaa dargaggootaa obboleessikoo naa kaffala. Isin nama barate waan taataniif waa’een barnootaa isinii gala.
Kanaaf na gadhiistu jedheen abdadha” jedheen garaa laaffifadhe. Isaanis itti tolee dubbisi jedhanii baatiriiyyuu naa kennanii na dhiisanii deeman. Akkuman jedhe ganamaasaa warri kaffaltiin kanfalameef gadi lakkifamnee qormaata koo qorame. Waan akkas akkasii keessa darbeen barnoota koo xumure.
Bariisaa: Erga barnoota xumurtanii leenjii barsiisummaa fudhattanii barsiistuudha kan taatan. Isinoo haadha seeraa ta’uu hawwitu turtanii kun akkamiin ta’e?
Aadde Adaanach: Bara 1983 yommuu ADWUIn seenu, Dargiin ammoo itti kufe ture qormaata biyyaaleessaa kutaa 12fa kanin fudhadhe. Haalli tasgabbaa’aan waan hinturreef qabxii gaarii hin arganne. Maatiin koo yoo xiqqaate 3.8 fiddi jedhanii utuu na eeganiin 2.00 fide. Kanaan namni hinrifanne hinturre. Maatiinis natti gaddanii turan. Gidduu sana ajandaan waa’eedhuma koo ture. Ani garuu gurra itti kennuu hinbarbaanne. Bakka dongongora koo waaniin beekuuf bor akkan sirreessu shakkii hinqabuun ture.
Maatiin koo sababa lolli tureef qabeenyisaanii gubateefi saamamanii buqqa’aniiru. Kanaaf kana booda na deggaruu hindanda’an. Animmoo kaadhimamee waanin tureef dafee bultootti seenuu hinbarbaanne. Waan xiqqoodhaan of danda’ee dafee barumsa koo fooyyeffachuu akkan qabu murteeffadheen carraa jirutti fayyadamuuf utuun dorgomuu carraa leenjii barsiisummaa argadhe.
Utuman leenji’uu garuu qabxiikoo fooyyeffachuuf nan qo’adhan ture. Achiis irra deebi’ee qormaata biyyaalessaa fudhadhee qabxiikoo fooyyeeffadhe. Leenjiikoo xumuree ba’ees barsiistuun ta’e. Yommuun barsiisuus baay’ee of kenneen hojjedhan ture. Isa na fuuldura jiru sana yaadee achi ga’uuf jedheen hojjedha osoo hintaane bakkan jirutti bu’aa qabeessa ta’uuf irriba hinqabu. Namoonni “Siif jireenyi hojii qofaayii” hanga naan jedhanittin hojjedha. Haala kanaan ogummaa barsiisummaafi daarektarummaatti waggaa afuriif hojjedhe.
Bariisaa: Hawwiin barnoota itti fufuu keessanoo yoom milkaa’e?
Aadde Adaanach: Akkan of fooyyessu shakkii tokkoyyuu hinqabuun ture. Kanaaf baay’een dubbisa; ofin qopheessas. Utuu kanaan jiru nan heerume. Yommuusuman ulfaa’e. Yeros barnoota gannaa dorgomee darbeen ture; garuu deemuu hindandeenye. Kun garuu na keessatti xiiqii uumee darbe.
Akka waanin dogoggooreettin of ilaale. Barachuuf heerumuu dhiisuu, haadha ta’uu dhiisuutu narra turemoo jedheen of ceepha’e. Utuu kanaan jiru ganna ittaanuuf leenjii daarektarummaa fudheen daarektara ta’e.
Achii bara 1988 filannoon yeroo jalqabaatiif taasifamnaan Aanaa Gunaatti filatamee damee hawaasummaa hogganuu eegale. Aanaan keenya dachaanaan ammoo gara Aanaa Colleetti deeme. Yeroo kana mucaa koo daa’imaafi abbaa manaa koo dhiisee deemuun narra ture. Waanin da’eef hojii hinjalqabu jechuun immoo injifatamuu natti fakkaate. Kanaaf abbaa manaakoo achitti dhiiseen daa’ima qabadhee bakkan ramadame deeme.
Yeroon sun anaaf daran rakkisaa ture. Hojiin keenya leenjiifaa keennuu waan tureef hojii dirree ni qaba. Daa’ima koo namootan sirriitti hinbeekne biratti dhiisee deemuuf haadhummaan na rakkisa; hojii dhiisuun ammoo anaaf injifatamuudha. Guyyoonni itti daa’ima koo baattadhee dirreetti ba’ee leenjii kennaa ture baay’eedha.
Ummanni gaafa haasa’u “Dubartiin manaafi abbaa warraashee dhiistee bakkee keessa deemuun aadaa keenya miti” jedha malee yommuu ati dhugaadhaaf akka hojjettu argu siif na’a; si kabajas. Dhiironnillee waanin leenjisu fudhatanii hojiitti bobba’uu malee hamilee nan buusan. Akkasiinin hojjechaa ture.
Sana booda carraan barnootaa Yunvarsiitii Siiviil Sarviisii aanaa keenyaaf dhufnaan dorgomeen darbe. Yommus ammoo lammaffaa ulfan ture. Kana arganii eeggataaf carraa kenninaan himadhe. Sababasaa gaafannaan “Waan da’uu geesseef malee akka dandeessu beekna naan” jedhan. Yoo kana amalaan xiiqoftuu waanan ta’eef baay’ee aareen “Ani haadha ta’uu, dhaloota itti fufsiisuun barnoota na dhowwaa?” jedhee hanga sadarkaa olaanaatti dhaqeen himadhe. Carrichi deebi’ee naaf kenname.
Himatarraa galeen guyyaa sadaffaatti da’e. Akka carraa seensaaf qophiin waan tureef ji’a sadii booda waamamne. Anis hangasitti namoota na dura baratan irraa waan dubbifamu fudheen dubbisaa ture.
Bariisaa: Siyaasa keessatti hirmaachuu yommus eegaltan jechuudhaa?
Aadde Adaanach: Ifatti miseensa kanin ta’e bara 1986 malee isa dura hojii siyaasaan hojjechaan ture. Utuun leenjii barsiisummaarra jirruu maqaa keenya hanga akaakayyuufaatti ilaalanii qubee akka barsiifnuuf dhaabni (ODP) ergama nuu kennee turan. Yeroo sana ilaalchi Oromoof ture gadaanaa, “Kun naannawa Finfinneeti” jedhaniifaa barachuu didu. Gaafa nuti abdii kutannee dhiisuuf kaanu dabballoonni nu onnachiisu turan.
Hojii kana kaffaltii tokko malee sa’aatii barnootaa ala barsiifna turre.
Hojii kana kan nu bobbaasaa tureefi qindeessaa ture dhaaba. Miseensa ta’uu baadhuus hojii dhaabaa hojjechuun kanin eegale yommuusi. Kanaaf hirmaannaan koo achii eegale.
Bariisaa: Mee haalota akkanaa keessa dabartanii amma sadarkaa ministeerummaa akkasumas koree raawwachiistu hojii ADWUI taatanii jirtu. Iccitiin milkooma keessanii maali?
Ittifufa
Saamraawiit Girmaa
Gaazexaa Bariisaa Guraandhala 29 bara 2011
4 Comments to ““Sababa hojii kootiin ga’een haadhummaakoo tokkollee hafuu hinqabu” -Aadde Adaanach Abeebee”