Luusiiwwan Yugaandaan mo’amanis tapha ittaanu xiiqiin injifachuuf qophaa’aa jiru

Finfinnee: Bu’uura kubbaa miilaa dubartoota Afrikaa kan ta’e Wal morkiin waancaa kubbaa miilaa Dubartoota Afrikaa ALA bara 1991 jalqabame.Waldaa kubbaa miilaa Afrikaa kan ta’e “CAF” walmorkiin waggaa lamatti al tokko biyyoota miseensota isaatti akka qophaa’u murteessuun niyaadatama.

Haata’u malee dhaabbataan biyyi shaampiyoonicha keessummeesitu dhabamusaatti wal morkichi haala dhaqaaf deebiitiin akka adeemsifamu godhame .Haaluma kanaan waancaan bara 1991fi bara 1995 haala dhaqaaf deebiitiin gaggeeffameera.

Haata’u malee Waancaa sadaffaa bara 1998 magaalaa guddoo Naayjeeriyaa, Leegoositti gaggeeffamerraa kaasee dhaabbataan biyyoonni dabaree dabareedhaan gaggeessaa jiru.

Walmorkiiwwan hanga ammaatti adeemsifamanitti biyyoonni Afrikaa 26 hirmaachuuf carraa argataniiru. Biyyoonni jaha qofti waancicha yoo keessumeessan Naayijeeriyaafi Afrikaan Kibbaa yeroo sadi sadi, Ikuwaatoriyaal Giiniin lama, Naamiibiyaan, Gaanaafi Kaameeruun ammoo al tokko tokko qopheessaniiru.

Waancaan kun yeroo 13f kan gaggeeffame yoo ta’u, Naayijeeriyaan yeroo 12f hirmaate al 11tti shaampiyoonaa taateetti.

Akkasumas walitti aansuudhaan shaampiyoonaa ta’uusheetti Waancaawwan sadi kan dhunfaa godhachuun biyya duraatti  Ikuwaatoriyaal Giiniin ammoo yeroo lama fudhachuun ishee kan yaadatamuudha.

Gareewwan biyyoota saddeetii qofa jidduutti waggaa lama lamaan adeemsifamaa kan ture wal morkiin kun ammaan tana biyyoota 12 hirmaachisaa jira. Hirmaat tonnis ramaddii isaanirraa biyyoota gulaallii darban jechuudha.

Waancaan Kubbaa Miilaa Dubartoota Afrikaa kun kanaan dura yeroo 13f yoo gaggeeffamu ALA bara 2022 yeroo 14ffaa Morookoo Raabaatitti adeemsifama jedhamee eegama.Biyyoonni Afrikaas ramaddii adda addaatti adda qoodamuudhaan tapha gulaalaa gaggeeffachaa jiru.

 Haaluma kanaan Luusiiwwanis roobii darbe tapha gulaalaa duraa garee Dubartoota Yugaandaa wajjin magaalaa Kaampaalaatti godhachuudhaan 2-0n mo’amuun deebi’eera.

Miseensota 24 kan hammatu gareen Luusiiwwan walmorkii godhatetti taphaafi taaktikiidhaan Yugaandaa Caalus kubbaafi kiyyoo wal agarsiisuudhaan hanqina agarsiiseera.

Taphattuu piroofeeshinaalaafi Ambalii kan taate Loozaa Abarraatiin kan durfamu gareen Luusiiwwanii tapha gulaalaa kanaaf taphattootaaf wamichi kan godhameef guyyoota xinnoo keessatti ta’uu eerteerti.

Haaluma Kanaan taphattoota kilaboota adda addaarraa walitti qabaman iddoo tokkootti shaakalchisuudhaan akka wal baratan gochuuf yeroon isaa gabaabaa ta’usaatti mo’amuusaaniif sababa ta’eera.

Walmorkiin deebii guyyoota muraasa keessatti Itoophiyaatti kan adeemsifamu waan ta’uuf luusiiwwan tapha ittaanuuf darbuuf galchoota 3-0n mo’achuutu irraa eegama.

Bariisaa  Onkoloolessa 13/2014

Recommended For You