Imala liigii beetkiingii piriimeerii Itoophiyaa torban tokkoo

Finfinnee: Shaampiyoonaan kubbaa miilaa beetkiingii piriimeer liigii kilaboota Itoophiyaa kan bara 2014 marsaan duraa torban tokkoffaa jalqabameera.Wal morkiinis gageeffamaa kan jiru Istaadiyooma Yunivarsitii Hawaasaatti.

Hirmaattonnis kilaboota bulchinsa magaalaa Finfinneefi Dirree Dhawaa dabalate kanneen Naannoolee Sidaamaa, Kibbaa, Oromiyaafi Amaaraatti.

Shaampiyoonichi edda jalqabamee kan baranaa dabalatee waggoota 24 lakkoofsiseera. Qiddus Giyoorgis yeroo 14f shaampiyoonaa ta’uudhaan waancaan kun Finfinneetti akka hafu godheera.

Seenaa shaampiyoonichaa keessatti hanga ammaatti kilabni Tigiraayi, Kan Kibbaafi Oromiyaa yeroo tokko tokko,bara darbee ammoo kilabni naannoo Amaaraa Faasil kanamaan waancaa fudhataniiru.Magaalaan Dirree Dhawaa hirmaannaan alatti waancaaf hin milkoofne.

Wal morkii baranaa kanatti kilaboonni 16 naannooleewwan kanaan olitti tuqamanirraa hirmaachaa jiru. Guyyaa shaampiyoonichi itti eegalame kana taphoonni saddeet gaggeeffamaniiru. Shan mo’amuudhaan, sadii walqixa bahuu dandahaniiru.

Walumaa galatti galchoonni 12 kiyyoodhaan yoo wal argan, kilaboonni naannoo Amaaraa Faasil kanamaan Hadiyyaa Hosaa’inaa 3-1n, Baahirdaar magaalaa Finfinnee 3-0n gaggeessaniiru.

Akkasumas Hawaasaan Jimmaa Abbaa Jifaar,Dirree Dhawaan Walaayittaa Diichaa,Raayyaan Ittisaa Arbaaminci haala walfakkaatuun 1-0n mo’ataniiru.

 Kana malees Bulchisni magaalaa Adaamaafi magaalaan Walqixxee 1-1n, Bunni Itoophiyaafi Bunni Sidaamaa ,magaalaan Sabbataafi Qiddus Giyoorgis 0-0n adda bahaniiru.

Wal morkiin torban lammaffaa har’aas itti fufanii kan oolan yoo ta’u kilaboonni Oromiyaa Jimmaa Abbaa Jifaariifi Magaalaan Adaamaa, Walaayittaa Diichaafi magaalaan Hawaasaa ni taphatu.

Boru ammoo magaalaan Finfinneefi Aarbaaminci,Bunni Siidaamaafi magaalaa Dirre Dhawaa jidduutti gaggeeffama.

Wiixataafi Kibxatas kan adeemsifamu yoo ta’u Hadiyyaa Hosaa’inaafi magaalaan Baahirdaar, Walqixxeefi Faasil kanamaan,magaalaan Sabbataafi Raayyan Ittisaa, kilaboonni beekamon magaalaa finfinnee Qiddus Giyoorgisiifi Bunni Itoophiyaa akka taphatan sagantaa Federeeshina Kubbaa Miilaa Itoophiyaarraa odeeffanneera.

Bariisaa  Onkoloolessa 13/2014

Recommended For You