Raawwii milkii misooma Qonnaa Oromiyaa;Abdii Itoophiyaa

Bayyanaa Ibraahimiin

Haadha dameewwaniifi seektaroota hundaa, madda galii cimaafi wabii nyaataa kan ta’e qonni, biyyoota guddataniifi guddachaa jiranittis madda hojii cimaafi bal’aa ta’uudhaan carraa hojii bal’aa ta’e lammiilee biyyaatiifis kan uumuudha.

Wabii midhaan nyaataa mirkaneessuudhaan omishni waggaa waggaatti omishamu biyya nyaachisee irraa hafuudhaan sharafa alaa hedduus yeroo kanatti kan argamsiisaa jiru dameedhuma qonnaa kana.

Biyyi teenya Itoophiyaanis biyyoota yeroo jalqabaatiif lafa qotanii omishuudhaan jireenya adamsanii buluurraa gara qotanii buluutti addunyaa ceesisan keessaa ishee tokko yemmuu taatu, sadarkaa yeroo ammaa qonni irra gahe waliin adeemuu garuu hindandeenye.

Teknolojii qonnaa guutuu fayyadamuun, qonna guutummaatti gara makaanaayizeeshiinitti ceesisuufi nyaatarra darbee gabaadhaaf omishamuurratti ammas hanqinni jiraachuun waan ragaa barbaaduu miti.

Biyya keenyatti lammiilee biyyatti keessaa dhibbantaan 80 ol garuu har’as jiruufi jireenyisaa kan hundaa’e hojuma qonnaa kanarratti. Waan ta’eefis qonni utubaa dinagdee biyya kanaati jechuun ni danda’ama.

Haa ta’uu malee xiyyeeffannoon dame qonnaatiif kenname karoorarra kan darbe inni lafarratti hojirra oolee qonnaan bulaa daka jiru fayyadamoo taasise daranu muraasa ture.

Fayyadamni hawaasa qonnaan bulaa daka jiruu osoo hinmirkanaa’in garuu maqaasaatti hedduu daldalamee hedduus nyaatameera. Jijjiiramni yeroo sanatti qonnaan bulaan waggoota dheeraadhaaf argachaa ture maqaasaatiin daldaluu bira kan darbe wanti qabatamaan argate hinturre.

Dhiheenya kana garuu maqaa qonnaan bulaatiin kakachuu bira darbamee qonnaan bulaatti bu’aa qabatamaa agarsiisuun waan mul’achuu eegale fakkaata.

Wantoota qooda qonni haala waliigalaa dinagdee biyyaa keessatti qabu hubachuudhaan xiyyeeffannoo olaanaan damee kanaaf kennamuu agarsiisaan keessaa inni tokko keessattuu jijjiiramaan booda damichaaf bajata olaanaa ramaaduudha.

Qonnaan bulaan akkuma jiraataan magaalaa kaartaa manasaa qabsiisee liqeeffatutti lafa qonnaasaatiin liqii baankotarraa akka argachuu danda’u gochuunis wantoota jijjiiramaan booda damichaaf xiyyeeffannoon kennamuu agarsiisan keessaa isa birooti.

Tanaan dura garuu qonnaan bulaan lafa qonnaa bal’aa roobarra darbee jallisiin misoomuu danda’u qabuuf liqiin dhoorkamee, nama magaalaa manaafi lafa qabu qofaaf kennamaa tureera.

Kanaanis lafa baadiyyaa misoomee bu’aa dabalaa argamsiisuu malu agabuu bulchuudhaan omishaafi omishtummaan akka hin daballeefi qonnaan bulaan galtee qonnaa sadarkaa barbaaduun akka hin arganne gufuu ta’aa tureera.

Waan ta’eefis murteen qonnaan bulaan liqii akka argatuuf murtoofte sun murtee seena qabeettii seenaa qonnaan bulaa keessatti murteefte taatee kan yaadatamtuudha.

Xiyyeeffannoon qonnaan kennamuusaa wantoota agarsiisan isa biraa keessaa immoo ogeeyyota damichaa garaa garummaa ilaalcha siyaasaatiin osoo hindaangofne hirmaachisanii mariisisuudha.

Mariisisuu bira darbee immoo keessattuu omisha qonnaa biyyattii keessatti harka caalu kan uwwiftu Oromiyaatti qorannoo akka gaggeessan afeeruudhaan bu’aa qorannoonsaaniis osoo irraa hinsharafamin hojiirra oolchuudha.

Wabii midhaan nyaataa sadarkaa biyyaafi maatiitti mirkaneessuu, omishaalee alergii akaakuufi baay’inaan dabaluun galii sharafa alaarraa argamu cimsuu, omishaalee qonnaa biyya alaatii galan humnaafi haala mijatoo jirutti fayyadamuudhaan omisha biyya keessaatiin bakka buusuun sharafa alaatiif bahu hambisuufi hojiiwwan hojjataman mara keessatti carraa hojii baay’inaan uumuudhaan rakkoo hojdhabdummaa xiqqeessuunis bu’aa qorannichaarraa ka’uudhaan kaayyoowwan guguddoo galma geessisuuf adda bahaniidha.

Keesattuu waggootni sadeen darban seenaa qonna biyyattii keessatti boqonnaa haaraa kan saaqan ta’uu kan himu ministeerri qonnaa, lafa bal’aa ta’e qotuun callaa achirraa argamu dabaluunis bu’aan argame olaanaa ta’uu Ministirri Qonnaa Obbo Umar Huseen ni dubbatu.

Obbo Huseen daaw’annaa hojii misoomaa xibbana hooggantoota biyyattii olaanaa waliin tibbana taasisaa turanirratti haasaa taasisaniin, ganna darbe akka biyyaatti lafa qonnaa qotamuu qabuufi qotame keessaa dhibbantaan 98 sanyiin uwwifamuu ibsu.

Akka ibsasaaniitti; bara omishaa kanarraayyis omishaalee ijoo ta’anirraa omishni kuntaalli miiliyoona dhibba 382 ni argama jedhamee eegama.

Callaa gaariin baranaa kan iddoowwan rooba gahaa argatanii qofa osoo hintaane, naannolee gogiinsaaf saaxilamoo ta’anittis omishni abdachiisaan ni argama.

Wantoota omishaafi omishtummaa dabaluu danda’an keessaa inni guddaan sanyii filatamaa yemmuu ta’u, dhiyeessiin sanyii filatamaa ganna darbee kan bara achi aanuurra dhibbantaa 25 dabaleera.

“Hanga qonni hinceenetti ce’umsi gara indastirii bu’aa qabeessa hinta’u” kan jedhan immoo sadarkaa pirezdaantii ittaanaatti Qindeesaaan Kilaastara Horataalee Mootummaa Oromiyaa Doktar Girmaa Amantee, akka Oromiyaatti ce’umsa qonnaa mirkaneesuuf dameewwan sagalirraatti xiyyeeffachuun hojjetamaa jiraachuu dubbatu.

Haaluma kanaan teknolojiiwwan garagaraa hojiirra oolchuun qonna ceesisuurratti xiyyeffatamuun hojjatamaa jiraachuus ibsaniiru.

Hanga qonni hinceenetti indastiriitti ce’uun bu’aa qabeessa waan hintaaneef qonnarratti xiyyeeffatamuun murteessaa akka ta’es kaasaniiru.

Adeemsi alergii yoo sirrate boloqqee gabaa alaatiif dhiyaatu caalaatti dabaluun kan danda’amu ta’uu kan eeran immoo Pirezdaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaati. Dinagdee waliigalaa biyyattii keessatti shoora olaanaa akka taphatu hubachuun barbaachisaa ta’uu dubbatu.

Ministeerota haaraa muudamaniin kan daaw’atame kilaastarri boloqqee Godina Arsii Lixaa Aanaa Shaashamannee kanarraa bu’aa olaanaafi iddoowwan birootiifis fakkeenya ta’ee akka argamu amantaa qabaachuus ibsaniiru.

Akka ibsasaaniitti; lafa qonnaa boloqqee akka Godina Arsii Lixaatti midhaan akaakuuwwan garagaraa kilaastaraan misooman hektaara kuma dhibba 274 ol kan misoome yoo ta’u, kana keessaa lafti hektaarri kumni 24 ol kilaastaraan kan misoomeedha.

Kun ammoo kilaastara boloqqee akka Oromiyaatti jiran keessaa isa bal’aafi sadarkaa duraa kan isa taasisuudha.

Barana lafa qonnaa omishaalee garaa garaatiin akka naannichaatti uwwifaman keessaa dhibbantaan 74 ol kilaastaraan kan misoomeedha.

 Barana akka Oromiyaatti lafa kana dura hinmisoomne gara omishaatti galchuun danda’amuusaatiinis bu’aa gaariin argamaajira.

Bara omishaa 2013/14 akka Oromiyaatti Callaan Kuntaalli miiliyoonni 195 ol kan eegamu ta’uun ibsameeraAkka Godina Arsiitti lafa hektaara kuma dhibba 6fi kuma 8 qotame keessa lafti hektaarri kumni 388 kilaastaraan misoomeera.

Dhiibbaa alaa yerorraa yerotti cimaa dhufuu malu dandamachuuf qonna biyyattii ammayyeessuun dirqama ta’uu kan himan immoo Ministira Muummee Ittaanaafi Ministirri Dhimma Alaa Obbo Dammaqaa Mokonnin, waan hunda dura dhaabachuuf dinagdeen of dandanda’uun murteessaa ta’uu dubbatu.

Akka ibsasaaniitti; qonna ammayyeessuuf hojiin Oromiyaatti hojjetameefi hojjatamaa jiru fakkeenyummaa kan qabu waan ta’eef akka biyyaatti yoo babal’ate seenaa hojjechuun ni danda’ama.

Biyyi humna dinagdee jabaa qabdu eenyuufuu kan jilbeeffattu waan ta’eef dhimmi kun dhimma qonnaafi dinagdee qofa osoo hintaane kan siyaasaas ta’uu hubatamuu qaba.

Waan ta’eefis misooma qonna biyyattii ammayyeessuuf hoggansi amma jiru xiyyeeffannoon hojjechuu akka qabus hubachiisaniiru.

Daaw’annaan hooggantoota siyaasaa olaanaa biyyattiin tibbana godinaalee Oromiyaa gara garaatti taasifame kun kan mul’isu Oromiyaan hojii kanarratti xiyyeeffannoo kenneefi bu’aa gaarii argachaa jiraachuusaati.

Seektara utubaa lafee dugdaa dinagdee biyyattii ta’e kana cimsuufis hojiin fakkeenyummaa qabu kan Oromiyaa raawwachaa jiru kun naannolee hafaniif kaka’umsa cimaa akka ta’utu eegama.

Hoggansi misooma kana daaw’atee gales hojii walfakkaataan iddoowwan birootti babal’atee biyyattiin gama hundaan akka of dandeettuuf shoorasaanii bahachuun murteessaa ta’a.

Bariisaa  Onkoloolessa 13/2014

Recommended For You