Rasaasa qabsoo Aartii Oromoo dukkana keessaa ife, Dhaabaa Wayyeessaa (Namoo Daandii) waliin fuulduratti

Waasihun Takileetiin

Addunyaan keenya dhala namaa qixa hinkeessummeessitu; kaan ofitti simattee duuniyaan badhaastee bashannansiisti; kaanimmoo sakaaltee gadadoon waxaltee hiyyuma badhaasti. Abbaan Raajiis surree jilbasaaniirraa dhumte wawwaaraannatanii, gonfoo aduun mataarratti fixe funyaanirra buufatanii ulee okkoosaanii mirmirsaa deega isaanirra darbee ilmoosaanii nyaachuuf ka’e ofirra qolachuuf waan aggaaman fakkaatu.

“Bara sirna nama nyaataa; bara Oromoon qe’eefi qabeenya abbaasaarratti ciisanyaa ta’ee maxxantoota sooraa ture; bara dukkanaahaa; bara dhalli maatii jala hinbulle as sindeebisiin ayyaanni abbakoo” jedhu.

Humna dhumeefi irree bututeen ulee hokkoon asiif achi akaahaa ittuu jechaa hancufa tuffii tufanii ija tuffiif nyaara tuffiin sirna isaan nyaataa jiru yoo qiqirmaanan ilmisaanii umrii dargaggummaa jala dhufeeru taa’ee ijakeessa isaan ilaala.

Abbaan Raajii ilmasaanii taatee kana taa’ee daawwatu akkas jedhanii akeekkachiisan “Ilma yoo dalchan kan abbaa caalu malee kan abbaa dhaanu ta’uu hinqabu. Kan abbaan gadii ta’ee argamnaan horii miti gurgurtee hin geeddartu ilmi gootaa kara deemaaf ykn addunyaa dukkanooftuu garaan shumburiif hinjilbeeffatu kanaaf dammaqi” jechaa sagalee dullumaan akeekkachiisu, Ilmisaanii ijuma keessa isaan ilaalaa waan ta’aa jiru kana yaad qalbiin ilaala.

“Elaa Raajii (gurbaa) argitaa deega diddee waaroo salphinaa sitti haguugde teessee hinilaaliin” jedhanii gonfoo mataasaanii aduun irratti gubee daanfureesse ofirraa mulqanii darbatanii dhooqa buusan.

Maal taatan Abbaa? jedhee ilmi gonfoosaanii harka aariin furguggifamtee dhooqa buute fiduuf yoo kaatu dhiisi deegan gate; deega natti hindeebisiin feetu haaraa naaf biti, jedhanii ilmasaanii oladeemaa sana akeekkachiisaa geerarsatti taa’an.

“Gaagura onte taanee bookeen nuttu galtekaa.

ilma dabeessaa taanee gadheen nutti maltekaa.

Hinqottu jennaan qote bajjii tattaraareenoo

hin loltu jennaan lole faranjoota raaseenoo.

Gaarreen Aduwaa marsee yoon faranjii hurreessu

fardeenkoo gogombisaa lafeeshee yoon bulleessu

kaan taa’ee dibbee dhaha waa biraa maayii hinbaasu.

Baddaafi gammoojii jooree kan ajjeesee kan lole gaanfuree Bijagaatii

kan filatee dibatee, faacha gootaa diratee, jirra jechaa garmaamu kara deemtuu ormaati.

naannoo kanatu nagube maal jettu ijoolleen kootii.”

Ilmisaanis bakka ka’e sanuma dhaabatee takkaa gomfoo abbaasaa dhooqatti ilaalaa, takkaanimmoo geerarsa abbaasaa sagalee dullumaan mi’aahaa nama seentuufi lafee cabsitu sana mi’eeffachaa hirriba yaadaa keessa seenee osoon beekiin imimmaan ijasaarra lola’e.

Abbaan Raajiis ilmasaanii kana ofitti qabanii imimmaan isarra lola’e kana handaara beleesaaniin (uffata bullukkoo haphii) haquu wayita eegalan hirqimfannan ilmasaanii dachaa dabale. Kanarraa kan ka’e miirri xiiqii ilmasaanii keessa akka bule baranii eebbisanii qe’eetti oldeebihan.

Deegni maali, gomfoon abbaakoo maaf gatame abbaankoo maaf hiyyoome, kan kaleessa qotee biyya nyaachisu har’a maaf harkisaa gabaabbate? Umrii dullumaa irreensaa butute kanaan ulee hokkoo micciirratee geeraruun; garmaamuunsaa maalifi? yaanni jedhu sammuu Raajii keessa naannahuu eegale.

Ilmi Abbaa Raajiis gaaffilee kana deebisuuf addunyaa waliin walloluu eegale.Mataa abbaasaa gomfoon irraa gatamte kana deebisee gomfuuf fala dhahuu jalqabe. Addunyaa kana mo’achuu fi mo’achuu dhabuun waanuma jiru ta’us biiftuu jirtu sussuku akkuma jedhamu ganamfatanii warraaqnaan warraaqsa kaasanii addunyaa nama raastu raasuun waan oolu miti.

Addunyaa walii lamaa kana injifachuuf qeeqxuunfi fala dhooftuun kan barbaachistu yoo taatu innuu hadhaa’aa keessa taa’uun kufanii ka’anii iccitii addunyaa baruun gadadoo namatti marsee maraammartoof nama saaxilu sana jalaa miliquuf of kennuun murteessaadha.

Of kennanii hojjennaan ofis ta’e biyya jijjiruun waanuma jiru yoo ta’u Ogeessi aartii addunyaa hamaa qeequufi isa gaarii faarsus haaluma kana keessa ta’ee dhalata.

Isa kanaaf dacheen Oromiyaa Ibantuun goota aartii gaafa xiiqii dukkana limixii keessa nuuf arjoomuun waaroo deegaa ilmaan Oromoo sakaaleeru bagag godhee ibseera Dhabaa Wayyeessaa. Waggaa shantamii shanan har’aa ture dacheen Ibantuu goota artii Dhaabaa Wayyeessaa ykn Namoo Daandii addunyaaf kan badhaaste.

Ilaalcha jibbiinsaa sirni gabroomfataan ummata Oromoof qaburraa kan ka’e Oromoon dacheesaarratti abbummaa dhabee, mirga ofiin of bulchuu, mirga afaansaa guddifachuu aadaasaa dagaagfachuu mulqamuun orma fakkaachaa ormummaa dhaalee akka jiraatu taasifamaa tureera.

Xiiqiin diddaa kan hirriba isa dhorke Dhaabaa Wayyeessaa qeeqasaa ibsachuuf aartii jechoota warqiidhaan ijaarame, afoolaan ulameefi jechamaan ichimameen dukkana limixii keessa dhohee bahuu dandaheera.

Baga dhalatte Dhaabaa, baga dhalatte Namoo gaafa ati dhalatte sana ciniinsuun harmeekeetti hinhammaannee laata? Goonni gaafa xiiqii yoo dhalatu ciniinsuun hammaata jedhu, sababnisaas addunya dukkanooftuu kana mo’uu waan dandahuuf addunyaan hinsimadhu jettee ciniinsuu hammeessiti jedhu jaarsoliin; jechamamoo dhugaadha laata? Isa kana Dhaabaafan dhiisa.

Akkuma haati ilmooshii ji’a sagaliif garaatti baattee ciniinfattee deessee dhungattu Dhaabaa Wayyeessaa ogbarruu Afan Oromoo guddisuuf jecha miixuu yeroo dheeraa booda dukkana keessa ilmoo hinduuneefi hindulloomne lama daheera. Ilmooleensaa hinduuneefi hindulloomne kunniinis kitaabilee Asoosamaa GODAANNISAAAFI GURRAACHA ABBAYAATI.

Dhaabaa Wayyeessaa kitaabileesaa Asoosamaa lameen kanneen keessatti haala ilmaan Oromoo keessa jiraniifi miidhaginaafi hadhaa’aa addunyaa ummatichi keessa jiru dhalootaaf olkaa’eera. Godaannisni cabaafi meeluu kaleessaa keenya har’a akka dhidhiibbannuuf karaa nuu saaqeera.

Gurraachi Abbayaa hamaa dhoksaan nugaaduufi numiidhaa ture beeknee har’a waloon akka dhaabannu asoosama qalbii nama hawwatuun dhufaa darbaa dhaloota hawachaa ijaaraa kan jiraatuudha.

Kanarraa kan ka’e ilmaan Dhaabaa Wayyeessaa dukkana limixii keessa ciniinsuu hamaadhaan dhalatan har’a ogeeyyota aartii kumoota horachuu danda’aniiru, isa kanaafimmoo Dhaabaa Wayyeessaa ykn Namoo Daandii ummata Oromoo biraa galata guddaa qaba.

Kitaabileensaa asoosamaa waggoota dheeraa dura maxxanfaman Godaannisaafi Gurraachi Abbayaa tibbana bifa haaraan irra deebiin maxxanfamun magaalaa guddoo Oromiyaa, Finfinnee, Giddugala Aadaa Oromootti ifatti eebbifamaniiru.

Dhaabaa wayyeessaa ykn Namoo Daandii sirna kanarratti argamuu baatus karaa hiriyootasaa sirnichi bifa miidhagaa ta’een Dilbata darbe gaggeeffameera.

Hiriyyaasaa yeroo dheeraa waggaa 30 dura walbeekan keessaa Tasfaayee Mokonnon isa tokko. Obbo Tasfaayeen dhaabbata leenjii aartii Obbo Dhaabaa Wayyeessaatiin hundaa’e, daariktara Saandiskiraayib Kominikeeshiniiti.

Dhaabbatichi leenjii fiilmii, ogeessota kaameeraafi taatota ga’umsa hedduu qaban akka horataman taasiseera. Leenjii kanaan dura dhaabbatichi kenneen leenjitoonni 700 ol eebbifamaniiru.

Eebbifamtoonni kunniin karaa Namoo Daandii saaqe kana riqicha godhachuun guddina artii Oromoo gama Hogbaruun,Diraama ykn Weeshoon, Walaloon, Asoosama Gabaabaafi Dheeraan addunyaa dukkanoofte qeequu, miidhaginashii faarsuun danda’ama.

Addunyaa madaalashii eeguu diddee kaan ofitti qabdee hoosistu; kaanimmoo sagal boossistu kana bakkatti deebisuuf galaa Dhaabaa Wayyeessaa dhaloota galaafachiiseeru kan hinduunee fi hindulloomnedha.

Ga’umsa Dhabaa Wayyeessaa gama aartiin qabu daran olaanaa yoo ta’u, kitaabilee asoosamaatiin ala tiyaatira Gaadidduu Farraa, Gurraacha Abbayaa Dukkanaan Duuba, Faana Miillaa, Fuula Dhokate, Imimmaan Haadhaa, Jennaan jedhaman Oromoof gumaacheera.

Erga gara Ameerikaa deemees Afaan Ingiliziin Yunivarsiitii Haarvaarditti wayita digriisaa 2fa barataa turettis fiilmii gabaabaa Ingiliffaa “The Fallen Bit” jedhamu agarsiisaaf dhiyeessuun badhaasawwan gara garaa argateera. Kanamalees fiilmii dabalataa “At The Age Of The Day” jedhamu hojjeteen nama badhaasota gara garaa argatedha.

Dhaabaa Wayyeessaa quuqama guddina aartii Oromootiif qabu gadi baasee agarsiisuuf jechoota warqiin kuulee seenaa dhugaadhaan qoraasee imala aartii Oromoo tarkaanfachiisaa kan jiru yoo ta’u, yeroo ammaas Raadiyoo Ameerikaa (VOA)kutaa qophii Afaan Oromoo keessatti maqaa Namoo Daandii jedhamuun hojjetaa jira.

Dhaabaa Wayyeessaa hojii inni hojjete kanaaf galanni Oromummaa isaaf malu olaanaa yoo ta’u imaanaa Abbaan Raajii ilmasaaniif dabarsan sanaa fi kan Dhaabaa Wayyeessaa galaafachuun Aartii Oromoo ceessisuuf haa kaanu.

Qabsoon kee cunqursaa cabseera; kobbeenkee sammuu dammaqseera, caaffatnikee galaa hindhumne galaaseeraa ammas fuulduratti deemi, addunyaa jajallatte dhaabi Dhaabaa Wayyeessaa; Addunya namummaan keessaa dhibe namoomsi; Namoo Daandii faana fuulduratti.

Bariisaa  Onkoloolessa 13/2014

Recommended For You