“Kilabni bulchinsa magaalaa Sabbataa liigii piriimeerii baranaatiif qophii ga’aa taasiseera”

Finfinnee: Kubbaan miilaa naannoo Oromiyaa keessatti yeroorraa gara yerootti guddachaa kan deemeefi babaldhachaa jira. Bu’uurri guddinaafi baballini sochi kubbaa miilaa naanichaa kan ta’e inni guddaan liigiin kubbaa miilaa baldhinaan gaggeeffamaa jiraachuusaati.

Liigiin Oromiyaa kun bara 2001 erga hundaa’ee kaasee kilaboonni naannichaa hedduun gara liigii biyyaalessaafi piriimeerii Itoophiyaatti guddataniiru. Fakkeenyaaf barana Oromiyaa bakka bu’uudhaan kilaboonni sadii hirmaachuuf qophiisaanii xumuraniiru.

Kilaboota Oromiyaa liigii piriimeerii Itoophiyaa keessatti barana hirmaatan keessaa kilabni bulchinsa magaalaa Sabbataa isa tokko.

Kilabichi bara 2005 kan hundaa’e yoo ta’u, kilaboota liigii Oromiyaa keessatti hirmaachaa turuunn yeroo gabaabaa keessatti gara liigii biyyaalessaatti makamuusaa hojii gageessaan kilabichaa Obbo Alamaayoo Mindaa gaafdeebii Roobii darbe Gaazexaa Bariisaa wajjin taasisanirratti eeraniiru.

Bulchiinsa magaalattiitiin kan deggaramu kilabichi xiyyeeffannaan kennameefii abbaa istaadiyoomaa waan ta’eef rakkina iddoo oolmaa ispoortii hinqabu jedhu hojii gaggeessichi.

Akkasumas garee kubbaa miilaa dargaggootaafi dubartootaa ijaaruudhaan taphattoota bakka bu’ootaa horachuun kilabichi akka cimuuf hojjetamaa akka jirus addeessaniiru.

Kilabichi gitootasaa kan Magaalaa Adaamaafi Jimmaa Abbaa Jifaar wajjin barana naannicha bakka bu’ee liigii piriimeeriirratti hirmaachuf carraa argachuusaatti gammaduu ibsaniiru.

Kilabni magaalaa Sabataa shaampiyoonaa liiggii piriimeerii Itoophiyaa baranaa baru, Onkoloolessa 7 bara 2014 jalqabamuuf ejjeennoosaa madaallahuuf taphawwan michummaa taasifachuu eeraniiru.

Haaluma kanaan waancaa kubbaa miilaa Naannoo Sidaamaa yeroo jalqabaaf bara 2014 Hawaasaatti adeemsifamerratti aferamuun shaampiyoona ta’eera jedhu.

Walmorkiin kan adeemsifame kilaboota Naannoo Sidaamaa Hawaasaa, Buna Sidaamaa, Hadiyyaa Hosaa’inaafi magaalaa Dirre Dhawaa jidduutti yoo ta’u, walumaagalatti taphawwan afur godhatee tokkotti mo’amee saditti mo’achuudhaan qabxii sagaliin tokkoffaa ta’ee waancaa fudhachuusaas Obbo Alamaayyoon ibsaniiru.

Shaampiyoonicharratti taphataa beekamaa (Urjii) ta’uudhaan Bahaayiluu Girmaa, galchaa cimaa jedhamuun ammoo Jaaniyaansi Naajeeboo (lammii biyya alaa) kilaba Sabbataarraa filattamanii badhaafamuusaani muldhisaniiru.

Shaampiyoonaa liigii piriimeerii Itoophiyaaf Onkololeessa 10 bara 2014 Qiddus Giyoorgis wajjin taphatuuf kilabichi qophii gochaa jiraaachuus ibsaniiru.

Obbo Alamaayoon bara 2011 erga hojii gageessaa kilaba magaalaa Sabataa ta’anii kaasee qaamolee bulchiinsa magaalattii wajjin dhiyeenyaan hojjechaa jiraachuus nutti himaniiru.

 Tashoomaa Qadiidaatiin

BARIISAA SANBATAA Onkoloolessa 6 Bara 2014

Recommended For You