Waancaa Finfinnee eenyuutu fudhata?

Fifinnee: Taphni waancaa kubbaa miilaa magaalaa Finfinnee hara’a xumurama. Taphni waancaa kun Isaadiyoomii Abbabaa Biqilaatti kilaboota Raayyaa Ittisaafi Magaalaa Baahir Daar gidduutti geggeeffama. Sadarkaa sadaffaa argachuuf ammoo kilabni Qiddus Giyorgisifi Jimmaa Abbaa Jifaar ni taphatu.

Wal morkiin kun ALI bara 2004 kan jalqabame yoo ta’u, bara 2008fi 2009 sababiiwwan adda addaatiin hinadeemsifamin hafeera. Taphni kun kan baranaa dabalatee yeroo 13f adeemsifamera.

Walmorkiiwwan adeemsifamaniin Qiddus Giyoorgis yeroo ja’aaf shaampiyoona ta’uun waancaa fudhateera. Yeroo sadii walitti aansee mo’achuudhaan ammoo waancaa tokko kan dhunfaa godhateera.

Taphicharratti kilaboonni Humna Ibsaafi Buna Itoophiyaa yeroo sadi, sadi waancaa yoo fudhatan, Baankonni Itoophiyaa ammoo yeroo tokko qofa waancaa fudhachuunsaa ni yaadatama.

Tapha waancaa kubbaa miilaa Magaalaa Finfinnee kanarratti kilabonni saddeetti hirmaachaa kan turan yoo ta’u, isaan keessaa afur Finfinneetii ala naannoolee Oromiyaafi Amaararraa kanneen afferamaniidha.

Kilaboota afran magaalaa Finfinnee keessaa kilabnni Bulchinsa Magaalaa Finfineefi Bunni Itophiyaa mo’amuudhaan taphaa ala ta’aniiru.

Kilaboonni naannoolee Amaaraafi Oromiyaarraa dhufan Faasil Kanamaafi Kilabni Magaalaan Adaamaas mo’amuudhaan yeroomaan gara naannoosaaniitti deebi’aniiru.

Sababa dhibee koviid-19n tapha waancaa kana daawwachuudhaaf namoonni tikeetii kutatan muraasa ta’uunis beekameera.

 Tashoomaa Qadiidaatiin

Gaazexaa Bariisaa SANBATAA Fulbaana 29/2014

Recommended For You