Rakkoo walsimachuu dhabuu gartuu dhiigaa abbaa warraa, haada warraafi daa’ímaa

Abbaan warraa gartuun dhiigasaa Rh Poozativii (Rh+ve) ta’eefi haati warraa gartuun dhiigashee Rh negativii (Rh-)  taate yoo walfuudhanii dhala godhachuu barbaadan; ulfa uumamu (mucaa garaa keessaa) irratti dhiibbaa akkamii fiduu mala?

Akkuma beekamu namni kamuu yoo walfuudhee maatii godhachuu barbaadu xiyyeeffannoon inni jalqabaa jaalalaafi waliigaltee akka ta’e beekamaadha. Haa ta’u malee qorannoowwan barbaachisoon tokko tokko keessumaa qorannaan ‘HIV’ dirqama barbaachisaadha. Namni gartuu dhiigaa qoratee walfuudhu hinjirus hingorfamus.

Ta’us akka carraa ta’ee darbee darbee abbaan warraa dhiignisaa Rh poozativii ta’ee haati warraa Rh negetivii gaafa taatu daa’ima garaa keessaa irratti rakkoo guddaa hanga daa’imni lubbuun hinjirre dhalachuuttillee deemu danda’a. Rakkoo kana akkamiin akka fidu ilaaluu keenyaan dura mee gartuu dhiigaa jechuufi Rh negatiivii ykn Rh poozatiivii jechuun maal jechuu akka ta’e haa ilaallu.

Dhalli namaa akaakuuwwan dhiigaa jiran afur keessaa tokko qabaata. Gosoonni dhiigaa kunis qubee guguddaan kan moggaafaman yoo ta’u: gartuu dhiigaa akaakuu A, gartuu dhiigaa akaakuu B, gartuu dhiigaa akaakuu ABfi gartuu dhiigaa akaakuu O jedhamu.

Dhiigni akkuma beekamu akakuuwwan garagaraa kan ofkeessaa qabu yoo ta’u, kan gartuu adda addaatti qoodamu seelii dhiiga diimaarratti hundaa’uudhaani. Gartuuwwan armaan olitti A, B, ABfi O jedhamuun adda addatti qoodaman kun tokko tokkoonsaanii deebi’anii qaama Rh jedhamu seelii dhiiga diimaasaaniirraa qabaachuufi dhiisuusaaniirratti hundaa’uun qoqqoodamu.

Kana jechuun gartuun dhiiga akaakuu “A” bakkawwan lamatti qoodama jechuudha. Haaluma kanaan gartuu dhiiga “akaakuu A poozaativii”fi gartuu dhiigaa “akaakuu A negativii” jennee bakka lamatti qoodna. Kana jechuun namni tokko kan inni/isheen qabaachuu dandeessu gartuu dhiigaa armaan gadii keessaa tokko qofa yoo ta’u isaanis:

  • Gartuu dhiigaa akaakuu A negativii (A -Ve)
  • Gartuu dhiigaa akaakuu A poozativii (A +Ve)
  • Gartuu dhiigaa akaakuu B negativii (B -Ve)
  • Gartuu dhiigaa akaakuu B poozativii (B +Ve)
  • Gartuu dhiigaa akaakuu AB negatiivii (AB -Ve)
  • Gartuu dhiigaa akaakuu AB poozativii (AB -ve)
  • Gartuu dhiigaa akaakuu O negativii (O -Ve)
  • Gartuu dhiigaa akaakuu O poozativii (O +Ve)

Gartuun dhiigaa kun namni tokko akka carraa kan argatu osoo hintaane haadhaaf abbaasaarraa kan dhaaluudha. Namni harmeen isaa gartuu dhiigaa akaakuu “A” qabduufi abbaan isaa gartuu dhiigaa “B” qabu gartuu dhiigaa mucaan qabaachuu malu: (A), (B), (O)fi (AB) keessaa tokko ta’a jechuudha.

Kanneen afran keessaa kama akka qabaachuu danda’u adda baafachuun xiqqoo gadi fageenyaan ilaaluu waan gaafatuuf isa ammaaf hinkaafnu. Gabatee armaan gadiirratti yoo gartuun dhiiga maatii lameenii beekame kan mucaa mala ta’uu akka danda’u salphaatti ilaaluun ni danda’ama.

Gartuu dhiigaa kan maatii lameenii (haadhaafi abbaa) Gartuu dhiigaa mucaan ykn dhala qabaachuu malu.
O fi O O
O fi A O ykn A
O fi B O ykn B
O fi AB A ykn B
A fi A A ykn O
A fi B O ykn A ykn B ykn AB
A fi AB A ykn B ykn AB
B fi B B ykn O
B fi AB B ykn A ykn AB
AB fi AB A ykn B ykn AB

Gartuu dhiigaa ofii beekuun hedduu barbaachisaadha. Namni gaafa dhibamu gara mana yaalaa deemee kan dhiiga fudhachuu danda’u gartuu dhiigaa isa fakkaatu qofaarraati.

Haaluma kanaan akka tasaa balaan nama yoo mudate mana yaalaa deeman hanga dhiiga qoratanii akaakuusaa baranitti yeroo waan fudhatuuf, dursanii beekuun hatattamaan dhiiga fudhachuudhaaf hedduu nama gargaara jechuudha.

Gara gaaffii jalqaba kaafneetti yoo deebinu, dhiirri gartuu dhiigaa kan Rh isaa gara garaa (poozativiifi negatiivii) ta’e yoo waalfuudhan dhibee akkamiitu uumama kan jedhu yaa ilaallu.

  • Yoo abbaan manaa gartuun dhiigasaa Rh poozatiivii ta’e ulfa irratti homaa rakkoo hinfidu (haati warraa negatiivas poozatiivas yoo taate jechuudha)
  • Yoo haati manaafi abbaan manaa lameen isaanii gartuun dhiigasaanii Rh negativii ta’e ulfa irratti homaa rakkoo fidu hinqabu.
  • Yoo abbaan warraa gartuu dhiigaa Rh poozativii ta’ee kan haadha warraa Rh negativii ta’e garuu ulfarratti dhiibbaa guddaa waan geessisuuf of eeggannoo guddaafi yaala ga’aa barbaada.

Akkamiin dhiibbaa geessisa?

Dhiigni gartuun tokko gartuu kan biraa waliin yoo walitti makame, akka alagaatti ilaaluudhaan wal lola. Fakkeenyaaf namni dhiigni isaa “A” ta’e tokko dhiigni gosa “B” yoo kan dhiiga isaatti makamu ta’e ni lola, kan “A -Ve” fi “A +Ve” ta’es akkasuma. Dubartiin gartuu dhiigaa nagativaa(Rh-ve) qabduu tokkoo dhiira gartuu dhiigaa pozativaa (Rh +ve) qabuu waliin ga’eela yoo godhatee yoo ulfooftu, gartuun dhiigaa kan miciree/mucaasaanii kan gadameessa haadhaa keessa jiruu sun carraan Rh pozativii (Rh +Ve) ta’uu olaanaa qaba.

Yoo dhiigni mucaa gadameessa keessa jiruu Rh +Ve ta’u, dhiigni haadhaa kan Rh -Ve sun akka alagaatti ilaaluudhaan seelii dhiigaa mucaa loluu eegala. Rakkoon kunis kan danda’uu yommuu seeliin dhiigaa diimaa kan miciree/mucaa dhiigaa haadha isa waliin walmaku dha.

Yeroo dhiigni walmaku kanatti sirni haadha irra dhukkubaa dhorkuu (maternal immune system) seelii dhiigaa diimaa miciree kana kan ittiin lolu (maternal antibody) qopheessa. Ulfi jalqabaa carraan osoo hinmiidhamiin dhalachuu qaba.

Kunis sirni dhiiga diimaa mucaa loluuf dhiiga haadhaa keessatti uumamu kun osoo dafee rakkoo irraan hinga’iin hafuu waan qabuufi. Ulfa lammataafi kan itti aanee dhufu garuu sirriitti qophaa’ee waan eeguuf salphaadhumatti miidhuu danda’a. Midhaalee ulfa irratti dhufuu malan keessaa:

  • Ulfi ba’uu (abortion)
  • Hir’ina dhiigaa mucaa irratti (fetal anemia)
  • Du’aatii mucaa gadameessa keessatti (stillbirth)
  • Qaama mucaa keessatti bishaan kuufamuufi kanneen birooti.

Rakkoo kana akkamiin ittisuu dandeenya?

Yeroo ulfaa qoricha iminooglobuuliin (anti-D ) jedhamu haadhaaf kennuudhaan rakkoo dhufuu malu kana hambisuun ni danda’ama.  Iminooglobuuliin (anti-D ) kun yeroo lama kan kennamu yoo ta’u ergaa dubartootaa rakkoo akkasii kana qabaniif erga ulfaa’anii kan jalqabaa  ji’a 7 ykn torbee 28 irratti yoo kennamu kan lammataa ammoo yoo gartuun dhiigaa mucaa Rh poozativii ta’e, eega deesse sa’aatii 72 keessatti kan kennamuudha.

Fayyaa hindhabinaa!

Doktar Naafyaad Geetuu

Gaazexaa Bariisaa SANBATAA Fulbaana 29/2014

Recommended For You