Itoophiyaa mootummaa haardhaan gara daandii haaraatti

Jijjiiramni mootummaa bara 2010 biyya Itoophiyaatti taasifame gama hundaan waanota danuu geddareera. Kanaanis murnoonni siyaasaa, rogeessitoonni alaa galaniiru, mana hidhaatii yaafamaniiru.

Kanneen qabsoo hidhannoo dhiisanii karaa nagaa qabsaa’uuf kutatan qaawweesaanii lafa kaa’aniiru. Hunda caalaa waldhabdeen Itoophiyaafi Ertiraa jidduutti waggoota 20 lakkoofse furameera. Dallaan jibbiinsaa dhiifamaan diigamee riqichi jaalalaa biyya keessaa hanga alaatti akka ijaaramu ta’eera.

Kan biraa dhiisnee Irreechumti har’a kabajamullee miliyoonota of maddii hiriirsee hadhuura Oromiyaafi biyyattiitti kabajuu eegaluunuu bu’aa hoggansa jijjiiramaati.

Ba’aa ba’iiwwaniif raafamni siyaasaa adeemsa jijjiiramaa keessatti mudatu akkuma jirutti ta’ee bu’aan waggoota sadii as galmaa’am tarreessanii fixuun rtakkisaa ta’us keessumaa taateen filannoo biyyaalessaa Waxabajjii 14 bara 2013 irratti mul’ate biyyattii gara boqonnaa haaraatti ceessisuuf riqichaafi agarsiistuu cimaadha.

Filannicha hordofees naannoleefi bulchiinsonni magaalotaa mootummaa haaraa hundeessuun imala boqonnaa haaraa eegalaniiru. Ijaaramuu mootummaa federaalaatiif bu’uura kan ta’an naannoleen iftaan hundeeffama mootummaa waloo mirkaneessituufi wabii imala boqonnaa haaraa ni raawwatu.

Ummannis mootummaa sagaleefi fedhiisaa guutuudhaan muuddate kana qabatee milkaa’ina boqonnaa haaraa kanaatiif yeroo kamuu caalaa hojjechuu kan qabu amma, mootummichi mootummaa ummataa, ummataaf, ummataan dhufe waan ta’eef.

Mootummaanis keessoosaa sirnaan sakatta’ee ummata sagalee guutuudhaan isa filata kana garaa ga’uufi gammachiisuuf ummatichuma, hayyootaafi dhimmamtoota kaan qabatee imala boqonnaa haaraa milkeessuufi miidhagsuufi milkeessuu qaba. Itoophiyaan imalashii boqonnaa haaraa mootummaa haaraadhaan Wixata, Fulbaana 24 bara 2014 eegaltu ni milkeeffatti. Kanuma!

BARIISAA SANBATAA Fulbaana 22 Bara 2014

Recommended For You