‘Mootummaa haaraan hundeeffamu ajandaa hojii uumuutiif dursa kennuu qaba” -Eebbifamtoota

Uumaafi dhalli namaa waliif waliin kan uumamanis iddoo tokko tokkotti daandii faallaa walii irratti yeroo walgufataniifi walsakaalan mul’atu. Kun badii ykn daandii jallinaa dhalli namaa faallaa uumamaa adeemuuf taasisuun kan dhufu yemmuu ta’u, uumaan immoo waan ganama uumamteef irraa taakkuu takka dabuu waan hindandeenyeef kan miidhamus deebi’ee dhaluma namaati.

Kana jechuun garuu Waaqni akka ittiin imalluuf luka waan nuu uumeef konkolaataa yookiin waan biraa fayyadamuun faallaa uumaa dhaabbachuu miti, waaqni waan harka nuu uumeef maashina hojii salphisu uumnee ittifayyadamuun faallaa uumamaa miti.

Dhalli namaa dandeettii kalaqaa wantoota jiruufi jireenyasaa itti salphifatu kan argateyyuu Waaqarraa waan ta’eef dandeettii qaban baranii ittifayyadamuun waan uumaan kenneefitti dhimma bahachuudha.

Kan faallaa ta’u garuu, gaafa wantoota uumamaan turan gara namtolcheetti geeddaruuf yaalameedha. Biqiltootni uumamaan naannawa tokkoof hedduu barbaachisoodha. Haala qilleensa naannawa tokkoo kan murteessanis biqiltoota. Gaafa biqiltoota kanneen ciranii lafa isaan irra turan qonnaaf yookiin indastiriif fayyadaman immoo haalli qilleensaa naannawa sanaa waan geeddaramuuf faallaa uumamaa ta’a.

Yeroo ammaa kana baay’inni ummataa daran dabalaa kan jiru yemmuu ta’u, lafti dhalli namaa irra jiraatu immoo inchii takkaanis dabaluu hindandeenye. Haala kana keessatti baay’ina dhala namaa ariitiin dabalaa jiru kanaaf carraa hojii uumuun dhukkubbii mataa addunyaa guutuu ta’aa kan jiru ta’us kan Itoophiyaa dabalatee biyyoota addunyaa sadaffaa garuu hamaadha.

Hojitu hojjataa dhabeefi hojjatatu hojii dhabeen adda bahuu baatus, hojjjataan hojii dhabuun biyya keenyatti olaantummaa argattee ajandaa mootummaafi ummataas taate.

Waggaa waggaan inni eebbifamuufi mootummaan mindeessuu danda’u walsimuu dhabuudhaan yeroo ammaa hoji dhabeeyyiin baratan akka baay’ataniif sababa ta’eera. Bakka humni barataafi umrii dargaggummaa keessa jiru hojii dhabetti immoo nageenyiifi tasgabbiin biyyaa gaaffii keessa galuun waan ooluu miti.

Waan ta’eefis mootummaan xumura ji’a keessa jirruutti haaraa hundaa’uuf adeemuuf dhimma nageenya biyyaa mirkaneessuutti aanee ajandaan xiyyeeffannoo guddaa barbaadu dhimma hoj dhabdummaa dargaggootaa hiikuu ta’uu akka qabu eebbifamtootni baranaa Yunivarsitii Jimmaa ni gaafatu.

Dargaggeessa hoji dhabaa ta’e baatanii biyya badhaateefi tasgabboofte uumuun waan hin yaadamne ta’uu kan hime eebbifamtoota Yunvarsiitii Jimmaa kan torbee kanaa keessaa tokko kan ta’e Doktar Habtaamuu Abbuu, rakkoo hoji dhabdummaa dargaggootaa furuun dargaggeessaafi maatiisaa qofaaf osoo hintaane badhaadhinaafi tasgabbii biyyaatiifis murteessaa ta’uu dubbatu.

Akka ibsasaatti; mootummaan carraa hojii uumuu qaba yemmuu jedhamu mootummaan dargaggeessa hunda caasaasaa keessatti mindeeuu qaba jechuu miti. Nama hojii barbaadu kallattiidhaan mindeessuun waan mootummaan raawwachuu qabu keessaa isa tokko yemmuu ta’u, inni guddaan garuu dargaggoota hunda hojii mootummaa keessa galchuun ulfaataa waan ta’eef hojii dhuunfaasaanii akka uummatan jajjabeessuufi haala mijeessuudha.

Ilaalchi hojii mootummaa qofarraa eeggachuu yeroo ammaa dargaggoota hedduu biratti hir’achaa dhufaa kan jiru waan ta’eef, mootummaan dhimma kana akka carraa guddaatti fayyadamee haalota biroo mijeessuun dargaggoonni gara hojiitti akka galan gochuu qaba.

Hojiin mootummaa kan dhabame dhiisii osoo argameeyyuu bu’aan achirraa argamu baasii ji’aa hanga ji’aa irraa hafee waan jiruufi jireenya namaa geeddaruu miti kan jedhe Doktar Habtamuun, dargaggeessi qaroon osoo kan argamus ta’ee hojii dhuunfatti yookiin gareen gurmaa’ee ummata malee isa mootummaa keessa galuuf kan hinhawwine ta’uu ibsu.

Waan ta’eefis mootummaa haaraan hundaa’uuf jedhu kun dhimma carraa hojii uumuutiif xiyyeeffannoo guddaa kennuu qaba yemmuu jedhamus haalota carraa hojii dhuunfaa ittiin uummachuun danda’amu kanneen akka iddoo hojii, liqii mijataa, walitti hidhamiinsa gabaafi carraa alaa galchuu qaraxarraa bilisa ta’e dargaggootaaf kennuu qaba.

Sirna darbeef badii inni waggoota 27 raawwate osoo hintaane sababni guddaan mufiifi fincila dargaggootaa akka ta’e hubatamuu qaba kan jedhu Doktar Habtaamuun, fincila dargaggootaaf immoo gaaffii bilisummaatti aansee isa murteessaa kan ture dhimma hojii argachuu akka ture ibsa.

Dhimmi dargaggota dhuunfaanis ta’ee gurmiidhaan gara hojiitti akka galan haala mijeessuu kan furu rakkoo hojdhabdummaa qofaa osoo hintaane rakkoo raafama siyaasaatiifis hedduu barbaachisaa akka ta’es mootummaa haaraan hundeeffamu sirna darberraa barnoota fudhachuu qaba.

Yeroo ammaa rakkoo hojdhabdummaatiin miidhamaa kan jiru dargaggoota hunda ta’us kan warra dhaabbilee barnoota olaanoo adda addaarraa eebbifamanii bifa adda ta’een ilaalamuu akka qaban kan kaase immoo Doktar Dureessaa Tarfaa, mootummaan amma hundeeffamuuf jedhu kunis rakkoolee jiran al tokkotti furuun waan ulfaatuuf tartiibota dursa argachuu qaban adda baafachuu akka qabu dubbata.

Mootummaa haaraa hundaa’uuf jedhu mitii inni yeroo dheeraaf aangoorra tureeyyuu rakkoo hangana ulfaataa ta’e yeroo gabaabaa keessatti fura jedhanii eeguun ulfaataa ta’uu himanii, rakkoolee jiran sadarkeessanii tartiiba ulfaatinasaaniitiin furuuf karoorfachuun garuu waan eegamu ta’uu ibsu.

Akka ibsasaatti; yeroo ammaa biyyattiin qormaata guddaa keessa jirti. Mootummaan yeroo ammaa hundaa’uuf jedhu kunis yeroo biyyattiin rakkoolee gara garaatiin raafamaa jirtutti kan dhufu waan ta’eef hojmaneensaa guddaa akka ta’u tilmaamuun salphaadha.

Garuu rakkoolee yeroo ammaa biyyattii muudachaa jiran hunda altokkotti furuun akka hindanda’amne baranii sadarkeessuudhaan tartiiba tartiibaan haala itti furamuu danda’an qorannoon adda baasuudhaan hojmaata itti raawwatan qopheessanii itti adeemuu gaafata.

Rakkoolee yeroo ammaa biyyattii mudatan keessaa inni guddaan dhimma nageenyaan walqabatuudha. Nageenya waaraa uumuuf immoo dargaggeessa hojii qabuufi gammadaa ta’e horachuun barbaachisaa ta’a.

Itoophiyaan seenaashee keessatti rakkoolee keessaafi alaa hedduu injifattee har’a kan qaqqabde yemmuu taatu, lammiileen biyyattiis rakkoolee biyyattii mudataniin abdii kan kutatan osoo hintaane, haala rakkoo keessaa itti bahamuu danda’us uumuu warra danda’an ta’uusaan seenaa darberraa baruun salphaadha.

Walumaagalatti; mootummaan guyyoota muraasa booda hundaa’u yeroo dhiibbaan keessaafi alaa biyyattiirratti hammaatetti ta’uu hubannoo keessa galchuun keessattuu dargaggootni biyyattii irree tokkoon dhimmaa tokkummaa biyyaarratti waliin akka dhaabbataniif ajandaa carraa hojii uumuu dargaggootaa kanaaf xiyyeeffannoo kennuun murteessaa ta’a.

Dargaggootnis eeggattummaa hojii mootummaa jalaa bahanii haala ofiisaaniitiin osoo hojii hinfilanne carraawwan argaman hundatti fayyadamanii hojii uummachuu danda’anirratti of qopheessuu qabu.

Hunda dura garuu biyyi jiraachuun dhimma mariif dhihaatu ta’uun hinqabu. Hojjjatanii jiraachuunis kan danda’amu gaafa biyyi jiraatte waan ta’eef yeroo akkanaa biyyi rakkoolee gara garaa keessa galtu immoo dargaggessi marti waan danda’uun biyyasaa bira dhaabbachuu qaba.

 Bayyanaa Ibraahimiin

Gaazexaa Bariisaa Fulbaana 15/2014

Recommended For You