“Kitaabni ‘Faaya Fayyaa’ wabii fayyaa keenyaati” -Doktar Gurmeessaa Inkoosaa

Finfinnee: Kitaabni matadureensaa ‘Faaya Fayyaa’ jedhuufi Doktar Naafyaad Geetuutiin barreeffame Dilbata darbe Giddugala Aadaa Oromootti eebbifamee gabaarra ooleera. Kitaabichi boqonnaa 12fi fuula 291 kan qabu yoo ta’u, gatiinsaa qarshii 200.

Waggoota afran darban miidiyaa hawaasummaa, yuutuubiifi miidiyaa elekrironiksiifi maxxansaarratti (Gaazexaa Bariisaarratti fuula Damaakaseerratti barreessu) odeeffannoo fayyaa barsiisuun kan beekaman Doktar Naafyaad Geetuu, torban darbe kitaaba ‘Faaya Fayyaa’ odeeffannoo fayyaa waliigalaa qabu kan Afaan Oromootiin barreeffame dubbistoota biraan ga’aniiru.

Doktar Naafyaad sirna eebba kitaabichaarratti akka jedhanitti, kitaabichi odeeffannoo fayyaa waliigalaa (fayyaa daa’immanii, dubartoota ulfaa, walhormaataa, xiinsammuufi dhibeewwan keessoo) waan qabuuf namni Afaan Oromoo dubbisuu hundumtuu kitaabicha bitatatee dubbisuun fayyummaasaa eeggachuufi kunuunfachuu akka qabu yaadachiisaniiru.

Kitaabichi hawaasa hundumaa bira akka ga’u ni taasfna kan jedhan Doktar Naafyaad, Biiroon Eegumsa Fayyaafi Biiroon Barnoota Oromiyaas hanga gandoota baadiyyaatti raabsuun hawaasa bira akka ga’uuf deggersa barbaachisu hunda akka taasisaniif gaafataniiru.

Gara fuulduraatti waa’een fayyaa kaariikulamii barnootaa keessa galee akka baratamu gochuuf Biiroo Barnoota Oromiyaa waliin hojjechaa jirraachuu himanii, biirichi kitaaba ‘Faaya Fayyaa’ kana mana kitaabaa manneen barnoota naannichaa hunda biraan akka ga’uufis gaafataniiru.

Gulaalaaltota kitaabichaa keessaa Doktar Gurmeessaa Inkoosaa akka jedhanitti, kitaabichi odeeffannoo fayyaa waliigalaa waan qabuuf wabii fayyaa keenyaati. Namni Afaan Oromoo dubbisuu danda’u hundinuu kitaabicha bitatee dubbisuudhaan fayyaasaa eeggachuufi kunuunfachuu akka qaban gorsaniiru. Kitaabichi haala kamiin dhibeewwan dursinee ofirraa ittisuu akka dandeenyuufi yoo dhukkubsannes maal gochuu akka qabnurratti gorsaafi barumsa gahaa kennuun fayyummaa keenya akka eeggannuufi kunuunfannuuf kan gargaaru ta’uus himaniiru.

Hubannoo hawaasni keenya waa’ee fayyaarratti qabu daran gadaanaa ta’uu kan himan Doktar Gurmeessaa, barreeffamoonni dhimmoota fayyaarratti barreeffaman hedduunis Ingiliffaani. Kanaafuu ummatni Oromoo kitaaba afaansaatiin qophaa’e kana bitatee dubbisuufi odeeffannoo fayyaa kitaabicharraa argates hojiirra oolchuudhaan dhibee dursee ofirraa ittisuu akka qabu yaadachiisaniiru.

Odeeffannoon fayyaa kitaabicharra jiru barattootaafi ogeessota fayyaallee daran ni fayyadu ta’uu himanii, Biiroon Barnootaafi Biiroon Egumsa Fayyaa Oromiyaa kitaabichi manneen barattoota, ogeessota fayyaa akkasumas kutaalee hawaasaa hunda bira akka ga’uuf qindoominaan hojjechuu akka qaban dubbataniiru. Doktar Naafyaadiinis “Baga gammadde, baga milkoofte” jedhaniiru.

Sirna eebba kitaabichaarratti kan argame Dargaggoo Obsaa Biiftuu akka jedhutti, odeeffannoo fayyaa Doktar Naafyaad miidiyaa hawaasummaarratti maxxansan namoota Afaan Oromoo dubbisaniifi carraa miidiyaa hawaasummaatti fayyadamuu qaban baay’ee gargaareera.

Innis akka nama dhuunfaatti dhimma fayyaarratti waan baay’ee irraa barachuu eeree, kitaanni matadureensaa ‘Faaya Fayyaa’ jedhu kun odeeffannoo fayyaa waliigalaa waan qabuuf hundumtuu bitatee dubbisuudhaan wabii fayyaasaa taasifachuu akka qabu dhaameera.

Jireenya dhala namaa keessatti waanti guddaan fayyaadha kan jedhu dargaggoon kun, kitaabichi lammii Afaan Oromoo dubbisuu danda’u hunda bira akka ga’uuf raabsasaarrattis xiyyeeffannaan hojjechuun barbaachisaa ta’uu himeera.

Natsaannat Taaddasaatiin

Gaazexaa Bariisaa Fulbaana 15/2014

Recommended For You