Ayyaana Irreechaa: Waltajjii tokkummaan Oromoo irraa calaqqisu

Ayyaanni Irreecha Hora Finfinneefi Hora Arsadee Fulbaana 22fi 23 bara 2014 kabajama. Biiroon Aadaafi Turizimii Oromiyaafi Gamtaan Abbootii Gadaa Oromoo Kibxata darbe haala kabaja Irreecha baranaarratti Adaamaatti mari’ataniiru.

Hogganaan Biiroo Aadaafi Turizimii Oromiyaa Obbo Kabbadaa Deessisaa akka jedhanitti, Ayyaanni Irreechaa waltajjii guddaa ummanni Oromoo miliyoona shan ta’u bakka tokkotti hirmaachisuudha. Akkasumas waltajjii guddaa aadaafi duudhaa Oromoo addunyaatti beeksisu waan ta’eef eeguufi kunuunsuun dhaloota ittaanutti dabarsuu qabna jedhu.

Irreechi ayyaana araaraafi nagaa waan ta’eef kan wallole utuu walitti hinaraaramin ayyaanicharratti hinhirmaatu kan jedhan Obbo Kabbadaan, ayyaanichi waltajjii ummanni Oromoo garaa qulqulluudhaan itti waaqasaa galateeffatu ta’uus eeran.

Hayyuu Gadaa Tuulamaafi Gorsaa Abbootii Gadaa Naggasaa Nagawoo Gaazexaa Bariisaatti akka himanitti, Irreechi Hora Finfinneefi Hora Arsadee bara darbe sababa weerara dhibee koviid-19n qorree ture barana dhibechi baduu baatus ayyaanichi barana maloota of eeggannoo dhibichaa fayyadamuudhaan sirna ho’aadhaan ni kabajama.

Irreechi ayyaana nagaafi araaraa ummatni Oromoo miliyoonaan lakkaa’amu bakkawwan gara garaatii dhufee tokkummaan waltajjii tokkorratti kabaju, ayyaana guddaa aadaafi duudhaa sabichaa ibsu ta’uus eeraniiru.

Abbaan Gadaa Maccaa Warqinaa Tarreessaa akka jedhanitti, Ayyaanni Irreechaa ibsituu aadaa, eenyummaafi tokkummaa ummata Oromoo waan ta’eef hiika guddaa qaba. Irreechi Hora Finfinneefi Hora Arsadee ayyaana ummatni Oromoo bakkawwan gara garaa jiru walitti dhufee gaaddisa tokko jalatti ykn waltajjii tokkorratti waliin kabajuudha. Ayyaana aadaafi duudhaa Oromoo addunyaatti beeksisu kun milkiidhaan akka xumuramuuf hunduu gaheesaa bahachuu akka qabu yaadachiisaniiru.

Ayyaanni Irreechaa waltajjii ummanni Oromoo miliyoonaan lakkaa’amu uffannaafi faayawwan aadaatiin miidhagee, irreessa qabatee malkaa bu’ee itti uumaasaa waliin galateeffatuudha kan jedhan Abbaa Gadaa Warqinaan, ummata Oromoo ayyaanicha sirriitti tikfachuufi eeggachuu akka qabu yaadachiisaniiru.

Irreechi baranaa milkiidhaan akka xumuramuuf hundumtuu dhaamsaafi ergaa hayyootaafi Abbootii Gadaa dhaggeeffachuudhaan hojiirra oolchuu akka qabu dubbataniiru.

Umanni Oromoo keessumaa kan Magaalaa Finfinnee jiraatu keessummoota Irreecha Hora Finfinneerratti hirmaachuuf dhufan akkuma aadaasaatti waan nyaatamu, dhugamuufi bakka bultii kennuufiidhaan simachuu akka qabu yaadachiisanii, Irreechi qabeenya Oromoo guddaa waan ta’eef akka qaroo ija keenyaatti tikfachuufi kunuunfachuu qabna jedhan. Ayyaana Irreechaa guyyaa araaraa, nagaa, jaalalaa, kabajaa, safuun Oromoo itti calaqqisufi guyyaa madda turizimii guddaa ta’uusaa mirkaneessuudhaaf hundi keenya gahee nurraa eegamu bahachuu qabna jedhu.

Ayyaanni Irreechaa eeguufi kunuunsuun dhimma aadaa, tokkummaafi eenyummaa Oromoo guddisuuti akka ta’e himanii, ayyaanichi milkiidhaan akka xumuramuuf hundumti keenya waan abbootiin Gadaa jedhan dhaggeeffannee hojiirra oolchuu qabna. “Namni waan abbootiin Gadaa jedhan dide adda Waaqaatti bu’a” jedha Oromoonis yoo mammaaku.

Dhibeen koviid-19 jiraachuu jechaan qofa utuu hintaane qabatamaan jiraachuunsaa beekamaadha kan jedhan Abbaan Gadaa kun, kanaafuu ummanni ayyaanicharratti hirmaatu hundi akkaataa ogeessonni fayyaa jedhanitti maaskii (aguugduu afaaniifi funyaanii) godhachuudhaan, saniitaayizarii harkatti qabachuudhaan, harka walfuudhuu, walhaammachuufi waldhungachuu dhiisuudhaan ayyaanicha akka kabajaniif dhaamsa dabarsaniiru.

Haati Siinqee Tuulamaa Caalii Tumsaa akka jedhanitti, Irreechi ayyaana ummanni Oromoo Uumaa uumamaa itti galateeffatuudha. Irreechi Hora Finfinnees waggoota 150 booda nuu deebi’ee bara 2012 qophii addaatiin kabajameera. Ayyaanichi bara darbe sababa weerara dhibee koviid- 19n baay’ina namoota murtaa’een akka kabajamu ta’eera.

Weerarichi ammayyuu waan jiruuf hirmaattonni ayyaana Irreechaa baranaa of eeggannoo barbaachisu hunda akka taasisaniif dhaamaniiru.

Hirmaattonni ayyaana Irreecha baranaa gorsaafi dhaamsa abbootii Gadaa dhaga’uu akka qaban yaadachiisanii, abbootii Gadaafi Bokkuu, Haadholii Siinqeefi Siinqee dura dhaabbachuunis safuudha. Ayyaanicharratti qeerroofi qarreen akkasumas foolleen dubartoota ulfaafi maanguddootaaf dursa kennuufi nageenyaasaaniis eeguu akka qaban yaadachiisaniiru.

Hirmaattota ayyaanichaa simachuudhaan hunduu nagaan bahee akka galuuf keessumaa ummanni Oromoo gahee guddaa kan qabu ta’uu himanii, qaamoleen nageenyaas nageenya uummataa mirkaneessuuf gahee isaanirraa eegamu bahachuu akka qaban gaafataniiru.

Abbaa Gadaa Dirjaamaa Kadir Abdii akka jedhanitti, Ayyaanni Irreechaa mallattoo eenyummaa, aadaafi tokkummaa Oromooti. Ayyaanni Irreechaa waltajjii itti ummanni Oromoo bakka adda addaa jiraatu uffannaafi faayaawwan aadaatiin miidhagee itti wal arguufi itti walbaruudha.

Akkasumas waltajjii jaalala, tokkummaa, aadaafi duudhaa Oromoo addunyaatti beeksisuudha. Ayyaanni Ummanni Oromoo miliyoonaan lakkaa’amu kabaju kun ‘UNESCO’ irratti galmaa’ee kana caalaa akka beekamuuf sochiin jalqabame cimee ittifufuu qaba.

Ummatni Oromoo ayyaana tokkummaafi aadaasaa ibsu kana duudhaa ayyaanichaa eegee kabajuu akka qabu kan yaadachiisan Abbaan Gadaa kun, saboota, sablammoota, turistootaafi keessummoota ayyaanicharratti hirmaatanis haala gaariin simachuu akka qaban gaafataniiru.

Natsaannat Taaddasaatiin

Gaazexaa Bariisaa Fulbaana 15/2014

Recommended For You