Kantiibaa Ittaantuun Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee, Aadde Adaanach Abeebee kallattii xiyyeeffannoo bulchiinsaa bara kanaarratti ibbana ‘EBC’ wajjin gaafdeebii taasisaniiru. Nutis isuma qindeessinee akka ittaanutti dubbistoota keenyaaf dhiyeessineerra.
Raawwii hojii bardheengaddaa ilaalchisee
Finfinneen naannawawwan Itoophiyaa jijiiramaa as xiyyeeffannaa olaanaa argatan keessaa ishee ijoodha. Finfinnee gama misoomaatiin, jireenya hawaasaa jijjiiruufi komiisaa dhaggeeffatanii deebisuutiin, haala jireenyaa ummata gadi jedhanii ilaaluun tarkaanfii haalicha salphisuu danda’u gama hojjechuutiin Finfinneen xiyyeeffannaa addaa argatteetti amantaa jedhun qaba.
Yeroowwan jijjiiramaa kanneenitti Ministirri Muummeen biyya keenyaa otoo hinhafiin Finfinneetti pirojektiisaanii karoorsanii hojii guddaa raawwataniiru. Kunis hojii muuxannoo haaraan irraa argameedha. Pirojektonni goguddoon akka Paarkiiwwan Tokkummaa, Inxooxxoofi Shaggar akkasumas pirojektiin Addababa’ii Masqalaafaan akka karoorfaman kan taasisan Doktar Abiyyi.
Manni kitaabaa ummataa Itoophiyaa qofatti otoo hintaane sadarkuma Afrikaattuu kan jalqabaa kan ta’e ijaaamuun, otoo qabiyyeensaa alaa hinxumuramiin haaressi keessoo Waajjira Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee haala adda ta’een haareffamaa jiru haala qabatamaa magaalattii qabatamaan jijjiiruu keessatti shoora olaanaa taphateera.
Kana keessatti lammiileen carraan hojii haala bal’ina qabuun uumameera. Haaressi gamoo waajjirichaatiif taasifame akkuma haaraa hojjechuuti. Dizaayiniinsaa alaa hintuqamne malee keessumaa haala daran ammayyaa ta’een sadarkaa biyyoolessummaasaa eeggatee jijjiiramaa jira. Haalli hawataan mana qopheessaarraa kaasee hanga Lagahaaritti jirus hambaadha. Kanneen hunda ilaaluudhaan magaalattiin akka jijjiiramtuuf xiyyeeffannaan kennamee hojjetamaa jira.
Sagantaa keenya barattoota sooruu oggaa ilaallus hallitti barattoonni barumsaaf deemanii daree keessatti itti kufan mul’ataa ture. Har’a barattoonni guyyaatti yeroo lama yaada tokko malee xiyyeeffannaasaanii barumsarratti qofa godhachuun haallitti qixxee uffatanii meeshaa barnootaa itti argatan uumameera.
Yeroo barsiisotaaf kabajni itti kennamedha. Hojiin baruu barsiisuu bu’aa qabeessa akka ta’uuf waanti hojjetame bu’aas argamsiiseera. Firii barattootaa barana baheen bu’aa olaanaa kan galmeessisan baay’inaanis Finfinneedha akka biyyaatti tokkoffaa kan baate. Hojiin dhalootarratti hojjetame hojii kamuurra olaanaadha jennee ilaalla.
Paarkotas yoo ilaalle gama haala Itoophiyaa jijjiiruutiin gumaacha olaanaa qabu; Finfinneen mgaalaa guddoo biyyattii waan taateef. Sadarkaa addunyaa magaalaa dippilomaasii sadaffaarratti argamtuudha. Haala kan madaalu qabaachuu qabdi. Haalli maqaafi ulfina qofa miti, galiidhanisi. Magaalattiin tajaajila ishii madaalu dhiyeessaa hinturre.
Amma hojiilee guguddoon hojjetamaniiru, hojjetamaas jiru. Lammiilee karaarra jiraatan kanneen guyyaatti al tokkollee nyaata argataa hinturre xiyyeeffannaa argataniiru. Sagantaan maaddii qooddachuu iddoo kaaniirra Finfinneetti bal’inaan hojjetameera.
Gannuma kana qofallee lammiilee kuma 700 nyaata dhiyeessineerra. Kanaanis miirri waliiyaaduufi walitti dhiyaachu sirnaan akka uumamu ta’eera. Hojichi hiyyeessaaf abbaa qabeenyaa, jiraattotaafi mootummaa kan walitti dhiyeesseedha.
Pirojektonni fayyadamummaa ummataa mirkaneessan kuma sadii ta’an bara 2013 qofatti xumuramaniiru. Deggarsi bal’aan raayyaa ittisaatiif, hidha guddichaafaa dabalatee qabeenyi biliyoona jaha ta’u gumaachi keenyas ittidabalamee hawaasarraa sassaabameera.
Waggoota sadan darbanitti lammiileen miliyoona tokko ta’an carraa hojii dhaabbiifi yeroo arganiiru. Bara 2013 qofa lammiileen kuma 340 ol carricha argataniiru, pirojektota guguddoo hojjetamaniifi hojjetamaa jiran fa’itti. Yeroo jijjiiramaa kana keessatti haalli Finfinnee geddaramaa jira.
Karoora bara 2014
Hojiilee lakkaa’amuu danda’an karoorfanneerra. 1ifa waan jalqabne xumuruu qabna. Kan ummata keenyaaf waadaa gallu waan hinxumurre hinjalqabnu. Waan jalqabne garuu ni xumurra. Waajjirri mana qophheessaa ji’a tokko keessatti xumurama. Paarkii Adwaa, pirojeltii giraandi paalaasii ni xumurra.
Laayibirarii ni xumurra. Isaan kanneen xumuruun akkuma jirutti ta’ee haaraan jalqabnus ni jiru. Wiirtuu turizimii fayyaa gochuuf hospitaalonni ni ijaaramu. Qarshii biliyoona 10 oliin biiroo kilaastaraa ni ijaarra.
Pirojektichi daran guddaa waan ta’eef waggaa tokko keessatti kan xumuramu miti. kunis tajaajila iddoo tokkoo kennuuf kan gargaaruudha. Baasiis ni qusata.
Paarkii Adwaa misoomsuu eegalla. Wiirtuuleen gabaa guguddoon sadii qaala’ina jireenyaa tasgabbeessuu keessatti shoora qabanis ni ijaaramu. Bakka gabaa loonis ni ijaarama. Wiirtuun gabaa midhaanis ni ijaarama.
Wiirtuu gabaa kuduraafi muduraa ni ijaarra. Waggaa 60 booda ijaarsa hidha bishaanii guddaa ni eegalla. Kunis pirojektii bishaani Garbii jedhama. Oromiyaa wajjin dubbannee bakkasaa fudhanneerra. Kontiraanni kennameera. Madda galiis arganeerra. Ijaarsi kun Laga Daadhiitti aanee kan lammataati. Qonnaan bultoota wajjis waliigallee kafaltii beenyaa walakkaadhaan raawwanneerra.
Pirojektota tajaajilaa adda addaas jalqasiisneerra. Pirojektii jireenya qonnaan bulaa naannawaa jijjiiru bocnee lafa mijeessineerra. Sababa bishaanichaatiin buqqa’ee rakkoof akka hinsaaxilamneef of eeggannaa barbaachisu gooneerra. Kunis rakkoo bishaanii bu’uurarraa furuuf faayidaa guddaa qaba.
Isa lammaffaas qo’achaa jirra, karaa Sulultaa. Bara darbe pirojektii bishaanii guyyaatti bishaan meetir kuubii kuma 100 omishu hojjenneerra. Kanaafis hojii boolla bishaanii 55 milkeessine. Kun seenaa magaalattii keessatti isa olaanaadha.
Barana bishaan meetir kuubii 120 omishuuf karoorfanne. Kanaafis Laga Daadhii boqonnaa 2 ni qaqqaba. Wiirtuu haaressa dubartootaas ni ijaarra. Pirojektiin carraa hojii uumuus karooraan qabameera. Pirojektonni xixiqqoofi jiddugaleessaa 200 ni hojjetamu.
Akkuma damee bishaaniirratti kaasne rakkoon bu’uuraa jiraattotaa mana jireenyaati. Kanneen rakkoo bu’uuraa ijaarsa qaban turaniiru. Jireenyaan mijatoo hinturre. Sarara dhangala’aa hinqaban.
Mana wajjummaa ijaarametti sarara dhangala’aa galchuun daran rakkisaadha. Bishaan dhugaatii, daandii, bakka tajaajila wajjummaa hinqaban ture. Manuma ijaarameyyuu akka manaatti kennuun rakkisaa ture. Kontiraarkaroonni gatanii badan. Otoo hinhojjetiin kanfalameef.
Rakkooleen kunniin gara fayyadamaatti akka hinceeneef of eeggannoowwan danuun ni barbaachisu. Hanqinni maallaqaas tureera. Kan namoonni qusataniin manni jireenyaa hinijaaramu. Manneen waliinii kunniin otoo rakkoolee danuudhaan xaxamanii jiranii carraan irratti bahuun sirrii hinturre.
Bara 2013 qarshii biliyoona shan Baankii daldalaarraa liqiidhaan arganne. Isaan hojii danuu hojjenne. Waliigalteen kafaltii namoonni seenan akka turuuf baankii wajjin waliigalleerra. Ijaarsa manneenii amma xumurreerra. Warra carraan baheef hedduuf furtuu kennineerra.
Ittigalanii miidhagfataa jiru. Koyyee Facceefi iddoowwan tokko tokko malee baay’eensaanii fudhataniiru. Kan Koyyee Faccees taanaan walakkaa ol furtuu fudhataniiru. Kan warra gafees xumurree furtuusaanii ni kennina. Manneen kuma 30 ta’an nu harka jiran galmeeffamtoota 1997f dursa kenninee dabarsina.
Ragaaleen naannawa kana jiran daran waldha’oodha. Kun warra galmaa’anii eeggataa jiraniif malee fedhii mana jireenyaa bu’uuraan kan guutu miti. manneen haaraa attamitti haa ijaarru? Filmaatawwan adda addaatiin manneen ijaaruufis haaldureerratti qophii gochaa jirra.
Bakkis qophaa’eera. Barana ni eegalla. Waggaa shan keessatti manneen miliyoona tokko ni ijaarra. Galmeeffamtoota bara 2005 keessaa namoota kuma 10 waldaadhaan gurmaa’aniif bakki qophaa’ee ijaarsa jalqabsiisuu qofatu hafe. Bulchiinsi magaalattiis manneen jireenyaa sadarkaa adda addaa qaban kuma sagal ijaaruuf qophaa’aa jira. Lafas kaadaastaraan ni galmeessina.
Galmeeffamtoota mana jireenyaa miliyoona tokko keessaa kumni 600 jiraataa Finfinnee miti. Finfinneen eessa akka jirtullee kan hinbeekntu waraqaan eenyummaa baheefii galmaa’e. oggaa carraan baheef fudhatee gurguree deema malee keessa hinjiraatu.
Namoota carraan mana kondominiyamii baheef keessaa harki 75 ittifayyadamaa hinjiran. Kan keessa jiru kan ittigurgurame ykn haala ta’een ittidabarfameedha. Manichi waan yaadameef oolaa hinjiru.
Hanga ammaatti manneen kuma 300ti ijaarame. Rakkoon sirna darbeen damicharratti uumame bal’aa waan ta’eef biruma darbuu wayya malee mandarri hundi maqaan moggaafameefii ittiin waamamu; iddoo irraa dhufaniin walqabatee jechuudha.
Kanaaf badiin jira. badiin raawwatan otoo hinxiqqaatiin olola maqballeessii geggeessaa jiru; nuti mana ijaarree kennaa turree isaan isuma nuti ijaarrellee xumuranii kennu dadhabanfaa jechuun.
Balleessi raawwatame hanga hinqabu. Haala hinbeekamneen manni kaartaanillee baheef ni jira. Mosaajii kanaaf ta’u qopheessaa turan. Kana keessaa bahuu qabna. Fooyyessuuf hojjetaa jirra.
Qaala’ina jireenyaa to’achiifis ni to’anna. Cancalli gabaas akka gabaabbatuuf xiyyeeffannaan ni hojjetama. Nageenya magaalattii fulla’aa gochuun kan hojjetamu ta’a. Karoorri badii magalattiif qophaa’e hirmaannaa hawaasaatiin fashalaa’eera. Karoorasaanii danuus maseensineerra. Amman ayyaanota Masqalaafi Irreechaa akkasumas sirna hundeeffama mootummaarratti karoora badii akka qaban ni beekna. Garuu hinmilkaa’uuf, hawaasa wajjin waan irratti hojjennuuf.
Tajaajila si’aayaafi qulqullina qabu hawaasaaf kennuuf barana dandeettii jaarmayaa gabbisuuf karoorfanneerra. Sirnaafi gurmaa’inas ni sirreessina. Finfinnee waajjiraalee 71 qabdi. Caasaa akka saamichaaf mijatutti gurmaa’e ni sirreessina. Caasicha hojjennee waan xumurreef mootummaa haaraan hundaa’u kana raggaasisee hojiitti seena. Bulchiinsa magaalichaa torban tokkoof kan federaalaa dursee hundaa’a.
Karoora kanneen hunda milkeessuuf hirmaannaa hawaasaa daran murteessaa waan ta’eef ummanni gama maraan cimsee ittifufuu qaba. Yeroon dhufu ifaadha. Yeroonitti fuula keenyatti guutummaatti gara misoomaatti deebisnu fagoo miti.
Charinnat Hundeessaatiin
Gaazexaa Bariisaa Fulbaana 8/2014