“Ispoortii kubbaa saaphanaa dandamachiisuuf xiyyeeffannaan ni hojjetama” -Obbo Balaayinaa Takkaa

Finfinnee: Ispoortiin kubbaa saaphanaa yeroo gabaabaa keessatti guddachuudhaan taphattootaafi kilaboota beekamoo biyyattii bakka bu’uun shaampiyoonaawwan biyyoolessaarratti hirmaatan horatus yeroo ammaa dadhabaa dhufuun yeroodhaa gara yerootti gabaafamaa jira.

Gaazexaan Bariisaas dhimma ispoortii kubbaa saaphanaatiin walqabaturratti dheengadda Pirezdaantii Federeeshinii Kubbaa Saaphanaa Bulchinsa Magaalaa Finfinnee Obbo Balaayina Takkaa waliin turtii taasiseera. Rakkoon gurmaa’inaafi ilaalchi hoggantoota ispoortichaa gadaanaa ta’uun guddina ispoortichaarratti dhiibbaa uumeera jedhu.

Ispoortiin kubbaa saaphanaa ispoortiiwwan hangafoota biyya keenyaa keessaa adda durummaan kan beekamu ta’uu himanii, dadhabbii hoggantoota federeeshinootaarraa kan ka’e kilaboonni hedduun diigamuun taphattoonni bakka bu’ootaa akka hinjiraanne taasiseera.

Federeeshiniin Kubbaan Saaphanaa biyyaaleessaas ta’u kan naannoolee hedduunsaanii kanneen ispoortii kanaan wal hinbekne ta’usaanii kufaatii ispoortichaaf sababa ta’uu himaniiru.

Kanaan dura waggaa waggaan shaampiyoonaan kubbaa saaphanaa Itoophiyaa haala miidhagaadhaan waan gageefamuuf kilaboonni shaampiyoonaa ta’an Itoophiyaa bakka bu’uun shaampiyoonaa kilaboota bahaafi giddugaleessarratti hinrmaachaa turans ammaan tana hedduunsaanii diigamuudhaan biyyattiin bakka bu’oota dhabuushees eeraniiru.

Daa’immumaasaaniitii kaasanii ispoortii kubbaa saaphanaa kana kan jaalatan ta’uu kan himan pirezidaantichi, garee kubbaa saaphanaa dargaggootaafi beektotaa Itoophiyaaf filatamanii biyyattii bakka bu’uun taphachusaaniis eeraniiru.

Pirezidaantichi yeroo dargagumaasaanii kilaboota Daldala Miidhaanii, Addis Firee, Itfiruut, Warshaa Simmintoo Mogor, Poolisii Magaalaa Finfinneef waggoota dheeraaf taphataniiru.

Kana males murtee kennummaa kubbaa kachoofi waltti qabaa murtee kennitoota kubbaa kachoo ta’uudhaan yeroo dheeraaf tajaajiluudhaan bara 2011 irraa kaasanii Pirezidaantii Federeeshinii Kubbaa Saaphanaa ta’uudhaan tajaajilaa kan jiran Obbo Balaayinaan, ispoortiin kun akka kufee hinhafneef tataafachaa jiraachuu himaniiru.

Waggoota sagaliif addaan citee kan ture shaapiyoonaan kubbaa saaphanaa kilaboota magaalaa Finfinneen akka adeemsifamuuf kilaboota dhiirotaa shaniifi kan dubartootaa shan deebisanii cimsuudhaan barana shaapiyoonicha gageesuun kan danda’ame ta’uu dubbataniiru.

Koreen kubbaa saaphanaa magaalaa Finfinneen bajataa muraasan hojii isaa jalqabe kun shaampiyoonaa waggoota sagal boodee qarshii ispoonsara dhaabilee adda addaarraa argameen kan gageefame ta’uus himaniiru.

Bara bajetaa 2013 keessa kutaalee magaalotaa bulchinsa magaalaa Finfinnee 11 jidduutti shaampiyoonaan kubbaa saaphamnaa gageeffamuusaa kan himan pirezidaantichi, yeroo dhihoo kan hundaa’e kutaan magaalaa Lamii Kuraa dhiiraafi dubaraan saampiyoonisha sadarkaa lammaffaa ta’uun xumureera. Federeeshinichi kilaboota humna hinqabneef hidhata ispoortii guutaafi deggersa barbaachisu taasisaafii jiraachuus eeraniiru.

Federeeshiniin kubbaa saaphanaa magaalaa Finfinnee bara 2012 ispoortii kana manneen barnnootaa sadarkaa 2fa 18 keessatti gageessuuf karoorfatus sababa kovid-19n addaan citusaa himanii, barana ‘Kolleejii Geej’ jedhamu waliin ta’uun gaggeeffamuu ibsaniiru.

Bara bajataa 2014 karoora qabameen dhaabilee 22 keessatti kilaboota kubbaa saaphanaa hundeesuuf, kutaalee magaalotaa bulchinsa magaalaa Finfinnee 11 keessatti shaampiyoonaa kubbaa saaphanaafi dorgommii dandeettii safarrii gaggeessuuf qophiirratti argamna jedhaniiru.

Pirezidaantichi akka jedhanitti, ispoortiin kana manneen barnnootaafi dhaabilee adda addaa keessatti jalqabuf karorfameera. Kana malee ispoortiiwwan waloo bakka ummani ooluufi jiraatutti babal’isuuf yaalamaa jira kan jedhan pirezidaantichi, fiixan ba’iinsa karoorichaaf ammoo Komiishiniin Ispoortii Magaalaa Finfinneefi bulchisni magaalichaa deggersa barbaachisu gochuuf qophii ta’uus eeraniiru.

Bara Bajataa kanatti iddoowwan olaamaa ispoortii kubbaa saaphanaa babal’iisuudhaan pirojektoota dargagoota guddatootaafi dargaggootaa babal’isuuf yaaliin godhamaa jiru kan nama jajabeessudha jedhaniiru.

Dhumarratti barri haaraan 2014 ummata Itoophiyaa maraaf kan nagenyaa, tokkommaa, obbolummaa, badhaadhumaa, jaalalaan waliin jiraachuufi waliif yaaduu akka ta’u hawwiii qaban ibsaniiru.

 Tashoomaa Qadiidaatiin

Gaazexaa Bariisaa Fulbaana 8/2014

Recommended For You